bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 49
Genesis 49
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 50 →
1
Yaaqoob ijoollee ufii waamee, «Waan bara maayessaa ta'u isinitti himaa wol gayaa'a»
2
«Isin ijoollee Yaaqoobii; wol gaya'aatii waan abbaan keessan Yaaqoob isiniin jedhu dhagayaa'a» isaaniin jedhe.
3
«Roobeel; ati ilma kiyya ka hangafaatii fi ka ani ka'imumma'aan uumadhe. Ati ijoollee kaawwan maraa hunnaa fi ulfinnaanillee hin caalta.
4
Garuu akka bisaanii olii gad asii fi achi raafamta; baalliin siif hin ta'u; gulantaa tarkaanfattee siree abbeetii kortee waan batteessiteertuuf.
5
«Simoonii fi Leewwiin obboleewwan; woraana ufiitiin namatti ka'an.
6
Ani marii isaanii keessa hin jiru; gumii isaaniillee hin dhaqu; waan lolaan nama ajjeesaniiraniif; fedha ufiitiin waan sangoota hedduu caccabsaniif;
7
Lolli isaanii jabaanii fi garjabummaan isaanii hamaan haa abaaramu. Gosa Israa'elii keessatti gargar isin qooda; biyya Israa'elii keessa isin bittinneessa.
8
«Yihuudaa; si ammo obboleewwan tee si galatoonfatan; Harki kee lum'a diina keetii irra ta'a; Ijoolleen abbeetii gad uf salphisanii; gad sii jedhan.
9
Yihuudaan akka ilmoo Leencaati; ilma kiyya ati dhadhoola'aa guddatte; ati akka Leenca dhokatee fi akka leenca dhalaa ripheeti; eentu maandhee isaatii kaasa?
10
Baalliin mootumma'aa mana Yihuuda'aatii hin dhabamu; haga ka bulchu dhufuuf; halangeen baalli'ii isa biraa hin dhabamtu; ormillee isaa ajajama.
11
Harree muka woyini'iititti; ilmoo harre'ee gaalee muka woyini'iititti hidhata, uffata ufii daadhii woyini'iitiin; woyaa ufiillee cuunfaa woyini'ii ka akka dhiigaa diimateen miica.
12
Ijji isaa daadhii woyini'ii caalaa diimata; ilkaan isaa aannan caalaa addaata.
13
«Zaabiloon qarqara galaanaa jiraata; daangaan isaa hulee markabni itti wolitti qabamu ta'a; qacceen isaa haga biyya Siidoona'aati.
14
«Yisaakoor akka harree lafee jaba'aa ka hoolota jidduu ciisuuti;
15
Haa ta'uu ammo hennaa akka huleen inni ciisu misha'aa, laftillee ta nama gammachiiftu akka taate hennaa arge; fe'aa baadhachu'uuf duddaan gad jedha; akka hojjata'aatitti hujii hunnaa hojjata.
16
«Daan gosa Israa'eliiti; inni gosa ufiititti murteessa;
17
Daan akka bofa karaa keessaa ta'a; karaa keessatti akka bofa waa idduu ta'ee, karaa keessa ciisee buudaa fardaa iddee, abbaa fardaa duubaan kuffisuuti.
18
«Yaa Rabbi; ani fayyisuu kee eeggadha.
19
«Gaadiin saamtootatu miidha; innillee isaanitti duulee; isaan ari'a.
20
«Qabeenni Aseerii gudda'a; inni dureessa ta'a; moototaa dhiyana mishaa kenna.
21
«Niftaaleem akka kuruphee gad hiikkamteeti; inni dubbii mishaa dubbata.
22
«Yooseef daraaraa muka diqqo'ooti; akka daraaraa burqaa biraati. Gaaleen isaa kaloo gubbaa yaa'a.
23
woraanaan isa rakkisan hin mormaniin, hin iddaniin.
24
Haa ta'uu ammo woraanni isaa inuma jabaate; irreen isaallee irree jabaa Waaqa Yaaqoobii ka isa tissuun jabaate.
25
Waandhi abbaa keetii ka si gargaaru; Waandhi waa maraa danda'u innillee ka si eebbisu; eebba ol Samii irraa argamuun, eebba gad fago'ootiin, eebba gadii ka harmaatii fi gadaamessaa, eebba abbeetii;
26
Eebba nama gammachiisu; ka gaarran bara baraan dhaabatanii fi goodda maraa irra eebba abbaa keetiititu caala. kanaafuu eebbi kunniin maruu mataa Yooseefii irra jira. Yooseef bulchaa obboleewwan ufii ta'ee irra haa taa'u.
27
«Biiniyaam akka Yeyyii waa butuuti; waan dhadhoole ganama nyaata; waan booji'e galgala qoodama» isaaniin jedhe.
28
Kunniin maruu kudha lamman ijoollee Israa'eliiti; wonti abbaan isaanii isaanitti himellee kana; kun eebba inni isaan eebbise ka isaan maraafuu ta'u.
29
Asiin maayessa inni «Ani gara worra kiyyaa deema; isin lafa goda maasaa nama Keexotaa abboota tiyya biratti na awwaalaa'a;
30
lafti sun ta Abrahaam ristii awwaalaatiif jedhee Efroonii nama Keexotaa irraa bite ta biyya Kana'aanii Maammiree Makfeelaa afo'ooti;
31
Abrahaamii fi Saaraan achitti awwaalaman; Yisaaqii fi haati manaa isaa Ribqaanillee achumatti awwaalaman.
32
Akkasuma anillee Liyaa achitti awwaale; maasaan sunii fi godattiin maasaa bira jirtullee ta ijoollee Keexotaa irraa bitamtetti anallee awwaalaa'a» isaaniin jedhe.
33
Yaaqoob haga ajaja kanniin ilmaan ufiititti himeen maayessa luka ufii gara tokko deebifatee du'ee worra ufii ka du'etti eda'ame.
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 50 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50