bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 19
Genesis 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 20 →
1
Hennaa lafti dhiite maleekkonni lachuu gara Soodoomii seenan; hennaa san Looxi balbala qachattii Soodoomii taa'eera; inni hennaa isaan arge, isaan simachu'uuf ka'ee kallacha ufiitiin gad kufee isaanii sagadee,
2
«Gooftolee tiyya; gara mana garbicha keessanii gora'aa bulaa'a luka teessanillee dhiqadhaa'a; bultanii obboroo deemtanii» isaaniin jedhe; isaan ammo, «Hin ta'u raasaa bulla malee» jedhan.
3
Guddisee isaan kadhannaan isaanillee gara manaa seenan; xoroshoo godhee isaanii dhiyeessee isaanillee hin nyaatan.
4
Uduma isaan hin rafne namoonni qachaa Soodoomii ka'immanii fi jaarsonni, baniin hulee maraa jiru mana jarri jirtu marsan.
5
Looxiin waamanii, «Namoonni halkan kana gara mana keetii dhufan meeti? gad nuu baasi bira geennee habaxeessinaa» jedhaniin.
6
Looxi manaa gara isaanii gad bayee duubaan balbala cufee,
7
«Obboleeyyan tiyya; waan hamaa kana hin godhinaa'a!
8
ani ijoollee durbaa ta hin heerumne lamaan qabaa isaan gad isinii baasaa akka feetan godhaa'a namoota kanniin keessummummaa mana kiyya waan dhufaniiraniif isaan hin tuqinaa'a» isaaniin jedhe.
9
Isaanillee, «Deemi asii! atuu nama baqatee as jiraata'aaru; namni baqatee jiraatu'uuf dhufe murtii kennuu danda'aa? isaan caalaa si irratti waan hamaa goona» jedhanii Looxiin guddisanii dhiibanii balbala manaa cabsu'uuf ka'an;
10
keessummoonni lamaan mana keessa jiran harka ufii gara diidaa hiixatanii Looxiin gara manaa ol seensisanii balbala cufan.
11
Achiin maayessa namoota diida dhaabatan diqqa'aa haga gudda'aa akka isaan balbala hin argine ija isaanii waan jaamsaniif balbala soqanii arguu dadhaban.
12
Jarri keessumma'aa lamaan Looxiin «Eennuun asii qabda? soddaa, ijoollee dhiiraa, ijoollee dubaraa ta'ee'e qachattii tana keessaa waan qabdu maraa baasi.
13
Cubbuun isaanii Rabbiin afo'otti waan guddateeruuf qachattii tana haa balleessinu'uuf nu ergeeraa» jedhaniin.
14
Looxillee manaa bayee soddaadhan ijoollee isaa fuudhaniin, Rabbi qachattii tana balleessu'uuf ta'aa ka'aa hulee kanaa deemnaa» jedhee isaanitti hime. Soddaadhan isaa ammo waan isaanitti coora'aaru seeyanii lash jedhan.
15
Hennaa bariite maleekkaan Looxiin «Cubbuu qachatti'iitiin akka hin banne; ka'i haadha manaa teetii fi ijoollee intalaa lamaan asii qabdu fuudhii deemi» jedhanii ariifachiisan.
16
Inni harkifatullee Rabbi garaa isaa laafee namoonni sunniin harka haadha manaa isaatii fi harka ijoollee durbaa lamaan isaa qabanii baasanii qachattii saniin ala isaan kaayan.
17
Qachattii keessaa gara raasa'aa haga isaan baasaniin maayessa maleekkota keessaa tokko «Uf oolchaa'a; uf duuba hin laalinaa'a; naannoo dhooqaa kanallee hin dhaabatinaa'a; akka hin banneef gara gaaraa dheessa'aa» isaaniin jedhe.
18
Looxillee, «Gooftota kiyya; kun hin ta'in.
19
Kunoo garbichi kee afoo keetitti gaachena argateera; lubbuu tiyya du'a oolchu'uuf gargaarsi ati naa goote gudda'a; haa ta'uu ammo wonti hamaan akka na hin balleessinee fi akka hin duune gara gaaraa dheessuu hin danda'u.
20
Kunoo qachattiin ani itti dheessee jalaa bawu diqqoon takka dhiyoo jirti lubbuu tiyya oolfatu'uuf gara isi'ii dheessee baya; qachattiin sun diqqo'oo miti?» jedhe.
21
Maleekkaan, «Kadhaa ati qachattii natti himte tana akka hin balleessineef na kadhatte dhagayeera;
22
daddafii gara isi'ii dheessii bayi; ani haga ati achi geettuuf hin balleessu» jedheen; kanaaf maqaan qachattii sanii Zoo'aar jedhame.
23
Looxi hennaa gara Zoo'aarii seene biiftuun baate.
24
Rabbi Soodoomii fi Gamooraa irratti Samii irraa ibiddaa fi dinnii bobawu roobse.
25
Qachoota sanniin waan naannoo isi'ii jiru maraa, worra qachoota sanniin keessa jiraatan biqiltuu lafaa maraa barbadeesse.
26
Haati manaa Looxii uf duuba midhattee soodduu dhagaa sooqiddaa taatee hafte.
27
Abrahaam gara hulee Rabbiin afoo dhaabatee ture san dhaqu'uuf ganamaan ka'e.
28
Inni gara Soodoomiitii fi Gamoora'aa lafa biyya sanii keessa mara gubba'aa gad hennaa laalu aarri biyyattii sanii akka aara ibiddaa ka dhagaa sunsumaa keessaa bawuutitti ka aaru arge.
29
Rabbi qachattii dhooqa keessaa ta Looxi keessa taa'ee ture san haga balleesseen maayessa Abrahaamiin qaabatee; Looxiin badii san keessaa baase.
30
Looxi Zoo'aariin keessaa bayee waan Zoo'aariin keessa taa'uu sodaateef ijoollee intalaa lamaa ufii woliin gaara irra goda keessa taa'e.
31
intalti hangafaa intala maandha'aatiin «Abbaan keenna jaareera; akkuma beekkamu dhiirti nu fuutu hin jirtu.
32
Koottu abbaa keenna daadhii woyini'ii obaafnee macheessinee isa woliin ciifnee finna irraa argannaa» jetteen.
33
Halkanuma san abbaa ufii daadhii woyini'ii obaasanii macheessanii hangaftittiin gara abba'aa dhaxxee woliin ciifte; inni hennaa isiin woliin ciiftee biraa kaatu uf hin beeku.
34
Haga bari'e ta guddo'oo ta maandha'aatiin «Ani kalee galgala abbaa kiyya woliin ciise; adha galgala akkasuma atillee daadhii woyini'ii obaasii isa woliin ciisi; abbaa keenna irraa fiixaa haa hambifannuu» jetteen.
35
Kanaafuu abbaa ufii halkan sanillee akkasuma daadhii woyini'ii obaasanii ta maandhitti'iillee isa woliin ciifte; inni hennaa isiin ciiftuu fi kaatullee uf hin beeku.
36
Ijoolleen intalaa ta isaa lamaanuu abbaa ufii Looxiin irraa ulfaayan.
37
Ta hangafaa dhiira deettee maqaa isaa Moo'aab jettee itti baafte; inni haga adhaa abbaa Moo'aabotaati.
38
Ta maandha'aallee akkasuma dhiira deettee maqaa isaa mucaa gosa kiyyaa jettee Amoon jettee itti baafte; akkuma kana innillee haga adhaa abbaa Amoonotaati.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50