bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 34
Genesis 34
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 35 →
1
Mucattiin Liyaan Yaaqoobii deette Diinaan dubartoota biyya sanii laalu'uuf baate;
2
bulchaan biyya sanii namni Eewiya'aa ilmi Eemoorii Seekeem argee fudhatee woliin ciisee isii habaxeesse.
3
Onneen isaa jaalala Diinaa intala Yaaqoobiitiin qabamee isii jaalatee waan garaa isi'ii gammachiisu itti dubbate.
4
Seekeemillee abbaa ufii Eemooriin «Mucattii tana natti fuudhi» jedheen.
5
Yaaqoobillee mucattii ufii Diinaa akka inni habaxeesse haga dhagaye ijoolleen isaa loowwan woliin lafa gammoojji'ii waan jiraniif Yaaqoob haga isaan galaniif hin cadhise;
6
achiin maayessa abbaan Seekeemii Eemoori itti himu'uuf gara Yaaqoobii dhaqe;
7
ijoolleen Yaaqoobii waan kana haga dhagayan lafa gammoojji'iitii galanii guddisanii nayanii Seekeem mucattii Yaaqoobii habaxeessu'uun Israa'eliin waan salphiseef, waan shinga'aa waan raawwateef guddisanii lolan.
8
Eemoorillee, «Ilmi kiyya Seekeem waan isii jaalateef haadha manaa akka isaa taatu yabo'oo isii isaa kennaa'a;
9
nullee ijoollee durbaa teenna isinii kenninaa; isinillee ijoollee durbaa teessan ijoollee teennaa kennaa'a; soddaadhan wolii taanaa;
10
nu woliin taa'aa'a; laftillee kunooti ristii qabadha'aa daldalata'aa jiraadhaa'a» isaaniin jedhe.
11
Seekeemillee abbaa isi'iitii fi obboleewwan isi'iitiin «Yoo afoo keessanitti gaachena argadhe waan isin naan jettan maraa hin kenna.
12
Kennaa baay'e'ee fi waan qaadhimaa waan isin fidi naan jettan maraa hin kenna, mucattii tana naa kennaa'a» jedhe.
13
Ijoolleen Yaaqoobii Seekeemii fi abbaa isaa Eemooriin waan inni obboleettii isaanii Diinaa habaxeesseef waan hamaa isaanitti deebisan.
14
«Obboleettii teenna nama hin gadoomneef kennuu hin dandeennu; kun nu'uuf salphinna gudda'a;
15
uduu akka keenna taatanii dhiira keessan maraa gadoomsitanii woma kana calla'aan maarre jennee
16
ijoollee teenna isinii kennina; nullee ijoollee durbaa teessan hin fuuna; banii tokko taanee woliin jiraanna;
17
nu dhageettanii yoo hin gadoomnee mucattii teenna fudhannee deemna» jedhan.
18
Wonti isaan dubbatan ilma Eemoorii Seekeemii fi Eemooritti dhugaa fakkaate;
19
mucaanillee mucattii Yaaqoobii waan jaalateef waan isaan jedhan godhu'uuf hin harkifanne; inni worra mana abbaa isaa jiran maraa keessaa kabajjama'a.
20
Eemoorii fi ilmi isaa Seekeem gara raasaa qachaa ufii seenanii namoota qachaa saniitiin,
21
«Namoonni kunniin nu biratti namoota nagayaati; kunoo lafti badhoo waan taateef lafa teenna irra jiraatanii haa daldalatanii; ijoollee durbaa ta isaanii maraa hin fuuna; ijoollee durbaa teennallee isaanii haa kenninuu;
22
banii tokko taanee nu woliin haa jiraatanii, isaan woma kana calla'aan maarre nuun jedhan; akka isaan gadooman nullee ijoollee dhiiraa teenna maraa uduu gadoomsinee,
23
Loon isaanii, wonti isaan qaban, horiin isaanii maruu keenna ta'a; woma kana callaa uduu maarre jennee silaa nu woliin jiraatan» jedhanii dubbatan.
24
Worri qachattii san keessa jiraatan maruu maarre jedhan; dhiirri qachattii san keessa jiraatan maruu hin gadooman.
25
Guyyaa sadeesso'ootitti uduu isaan mada'aan jiran obboleewwan Diina'aa ijoolleen Yaaqoobii Simoonii fi Leewwiin guraadee ufii qabatanii sodaa malee gara qachatti'ii seenanii
26
dhiira maraa fixanii Eemoorii fi ilma isaa Seekeemiinillee guraade'een ajjeesanii obboleettii ufii Diinaa mana Seekeemiitii fudhatanii galan.
27
Ijoolleen Yaaqoobii obboleettii isaanii Diinaa waan habaxeessaniif gara qachattii worra du'anii seenanii,
28
Hoolota isaanii, sa'oolee isaanii, harriin isaanii, waan qachaa keessa jiruu fi waan qacha'aan ala jiru maraa saaman.
29
Qabeenna isaanii maraa, daa'immanii fi dubartoota isaanii maraa booji'anii waan mana keessa jiru maraa saaman.
30
Yaaqoobillee Leewwi'ii fi Simooniin, «Worra biyya kana keessa jiraatan namoota Kana'aaniitii fi namoota Feerzotaatiin akka jibbamu na taasiftan; nu'u laakkobsaan diqqa'a; isaan wol gayanii natti bayanii na dhayan; anillee fiixaa kiyya woliin bada» jedhe.
31
Isaan, «Wonti fedhellee yoo gale isaan obboleettii teenna akka dubartii seebartuu miidhaa irra geessanii cadhifnaa?» jedhan.
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50