bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 28
Genesis 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 29 →
1
Yisaaqi Yaaqoobiin waamee eebbisee akkana jedhee ajaje, «Ijoollee dubartoota Kana'aanii keessaa intala hin fuudhin;
2
ka'iitii gara abbaa haatetii gara mana Baatu'eelii dhaqii achii ijoollee eessuma kee ta Laaba'aa keessaa takka fuudhi;
3
Waandhi maraa danda'u si haa eebbisu!
4
lafa baqattee keessa jiraatte ta Rabbi Abrahaamii kenne akka dhaaltu Rabbi eebba Abrahaamii kenne fiixaa keetii fi si'iillee haa kennu!»
5
Innillee ka'ee gara Laabaa ilma Baatu'eelii nama Sooriya'aa obboleessa Ribqa'aa haadha Yaaqoobiitii fi Eesawu'uu bira laga lamaan jidduu dhaqe.
6
Eesawu haga Yisaaqi Yaaqoobiin akka eebbisee fi achii akka intala haa fuudhu'uuf gara laga lamaan jiddu'uu erge beeke, hennaa isa eebbisu «Dubartoota Kana'aanii keessaa haadha manaa hin fuudhin» jedhee akka isa ajaje dhagaye;
7
Yaaqoobillee jecha haadhaatii fi jecha abbaa ufii dhagayee laga lamaan jidduu akka dhaqe hubate;
8
Dubartoonni Kana'aaniillee Yaaqoobiin afo'otti akka jibbaman Eesawu haga arge,
9
gara Ismaa'elii dhaqee haawwota manaa isaa ta dura qabu irratti akka haadha manaa isaa taatu Maahilaatiin fuudhe; isiin mucattii ilma Abrahaamii Ismaa'eliitii fi obboleettii Nabaayootiiti.
10
Yaaqoob Beersaabeehiin dhaqee hulee takka gayee,
11
aduun waan dhiiteef achi bule; achii dhagaa fuudhee boraafatee hulema san rafe.
12
Halkan san eebju'uun kortoon lafaa haga Sami'ii gawu maleekkonni Rabbii hennaa kortoo kana irra kora'aa bu'an arge.
13
Rabbi kortoo sanniin gubbaa dhaabatee «Ani Waaqa Abrahaamii abbaa keetiitii fi Rabbii Waaqa Yisaaqiiti; lafa ati amma irra bulte tana si'ii fi hortee keetii kenna;
14
Horteen kee akka xidhacha galaanaa baay'ata; gara bayaa fi dhiyaa, gara kaabaa fi kibbaa hin badhata; baniin biyya lafaa maruu si'ii fi hortee keetiin eebbifaman.
15
Ani waan si woliin jiruuf karaa deemtu marattuu si eega; gara biyya tanaallee si deebisa; waan sitti hime maraa haga sii godhuuf ani si hin dhiisu» jedheen.
16
Yaaqoob hirribaa dammaqee, «Dhugamaan Rabbi hulee kana jira ani ammo hin beenne» jedhe.
17
Guddisee waan sodaateef, «Huleen kun attamitti nama sodaachisa! huleen kun mana Rabbiiti malee waan biraatii miti; kun balbala Sami'iiti» jedhe.
18
Yaaqoob ganamaan ka'ee dhagaa boraafatee bule san fuudhee soodduu dhaabee sayitii ejersaa itti buusee,
19
hulee san, «Beeteel » jedhee itti baase; qachaan sun duraan Loozaa jedhamti ture.
20
Achiin maayessa Yaaqoob akkana jedhee silata qabe «Rabbi na woliin jiraatee karaa ani deemu marattuu yoo na eege, waan nyaadhuu fi waa uffadhu yoo naa kenne,
21
gara mana abbaa kiyyaa yoo nagayaan na deebise, Rabbi Waaqa kiyya naa ta'a.
22
Dhagaan ani soodduu dhaabe kun mana Rabbii ta'a; waan ati naa kennite maraa keessaa kurneessoo sii kenna» jedheen.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50