bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 39
Genesis 39
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 40 →
1
Yooseef gara biyya Misirii gad bu'e; Phiixifaaraan namni biyya Misirii hojjattoota Fari'oonii keessaa tokko, bulchaan eeddotaa, Ismaa'eloota Yooseefiin gara biyya Misirii fidan irraa Yooseefiin bitate.
2
Rabbi waan Yooseefiin woliin jiruuf hujiin harka isaa maruu hin qajeelaaf; Inni mana mootii biyya Misirii keessa ture;
3
gooftaan Yooseefii akka Rabbi isa woliin jiru, waan inni hojjate maraa akka Rabbi qajeelcheef arge.
4
Yooseef gooftaa ufii afo'otti gaachena argate; inni isaa hojjata'aa ture; mana ufii irratti isa muudee waan qabu maraa itti kenne.
5
Haga mana ufiitii fi waan qabu maraa irratti isa muudeen maayessa Rabbi mana nama biyya Misirii san sababaa Yooseefiitiif eebbise; eebbi Rabbii waan inni alaa manaa qabu maraa irratti ta'e.
6
Phiixifaaraan waan qabu maraa Yooseefitti gad dhiise; Yooseef waan nyaatee dhuguu achi waan biraa womaa hin beeku; Yooseef nama bareeda hojjaa misha'aa ture.
7
Kanaan maayessa haati manaa gooftaa isaa isa jaalattee Yooseefiin «Natti ooli» jetteen.
8
Inni ammo didee isi'iin, «Gooftaan kiyya mana ufii keessatti wonti inni beeku hin jiru; waan qabu maraa natti gad dhiiseera;
9
Mana kanaaf namni na caalu hin jiru; si'ii haadha manaa isaa malee wonti inni natti hin kennine hin jiru; attamitti waan hamaa guddaa kana godha? attamitti Rabbiin afo'otti cubbuu hojjadha?» jedheen.
10
Isiin ammo waan kana gaaf maraa Yooseefiin jetti; inni ammo isi'itti ooluu dide.
11
Gaaf tokko isaa hujii hojjachu'uuf mana seeneeru namni waan mana keessa hin jirreef akka inni isi'itti oolu barbaaddee,
12
«Natti ooli» jetteenii uffata isaa harkatti marattee qabdeen; inni ammo uffata ufii san isi'itti mulqatee dheessee diida baye.
13
Isiin haga akka inni uffata ufii isi'itti mulqatee dheessee diida baye argite;
14
namoota mana ufii itti waamtee «Laalaa'a wonti inni nama Ibrootaa kana natti galcheef akka inni nutti balduuf; inni natti oolu'uuf mana natti seennaan ani laagaa ol qabadhee guddisee iyyinaan,
15
akka ani iyye argee uffata ufii na irratti gatee dheessee na biraa baye» jette.
16
Haga gooftaan isaa galuuf uffata isaa san uf bira keette.
17
Isiin abbaa manaa ufiititti «Garbichi Ibrootaa ka ati nutti galchite na salphisu'uuf mana natti seene;
18
ani laagaa kiyya ol qabadhee guddisee iyyinaan inni uffata ufii na irratti gatee dheessee diida baye» jetteen.
19
Haati manaa isaa «Waan garbichi kee na godhe argi» jettee itti himte; Inni haga waan kana dhagaye guddisee aaree,
20
Yooseefiin fuudhee mana hidha'aatitti gate. Yooseef mana hidha'aa keessa taa'e.
21
Rabbi ammo Yooseefiin woliin ta'ee waan mishaa godheef; bulchaa mana hidha'aa afo'otti gaachena kenneef.
22
Bulchaan mana hidha'aa worri mana hidha'aa keessa jiran maruu akka Yooseefiin jalatti bulan godhe; waan duraan ufii hojjatu akka Yooseef hojjatu godhe.
23
Bulchaan mana hidha'aa waan wontoota Yooseefitti kennee sanniin maraa hin yaadu ture; waan Rabbi isa woliin jiruuf wonti inni godhu maruu hin qajeelaaf ture.
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50