bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 32
Genesis 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 33 →
1
Yaaqoob uduu karaa deemu maleekkota Rabbiitiin wol argan.
2
Yaaqoob hennaa isaan arge, «Kunniin loltoota Rabbiiti» jedhee maqaa hulee sanii Manaayim jedhee itti baase.
3
Achiin maayessa gara obboleessa ufii gara Eesawu'uu biyya Eedoomii keessa hulee biyya Seeyir jedhamtutti ergamtoota ufii uf afoo ergee,
4
«Gooftota kiyya; Eesawu'utti, ‹Garbichi kee Yaaqoob akkana jedhe jedha'aa himaa'a; haga adhaa Laabaa biratti baqadhee taa'e.
5
Loon, harriin, garboota dhiiraatii fi garboota intalaa argadhe; ammallee afoo keetitti yoo ka kabajjaa argadhuu gooftaa kiyyatti beessisu'uuf› jedhee» isaan erge.
6
Worri ergamanillee gara Yaaqoobii deebi'anii «Gara obboleessa kee gara Eesawu'uu dhandhee turre; innillee si simachu'uuf namoota dhibba afurii woliin dhufa» jedhaniin.
7
Hennaa san Yaaqoob guddisee sodaatee akka malee dhiphatee namoota isa woliin jiran, loon, hoolotaa fi gaallan bakka lamatti addaan qoodee
8
«Eesawu dhufee tokko yoo dhaye gareen hafe jalaa baya» jedhe.
9
Achiin maayessa Yaaqoob, «Waaqa abbaa kiyyaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqii ‹Gara lafa hulee itti dhalattee deebi'i, waan mishaallee sii godhaa› Rabbii naan jette;
10
Ani nama araaraa fi dhugaa garbicha keetii goote mara keessaa wonti diqqoonillee naaf hin malle ture; ulee tiyya callaa qabadhee Yoordaanosiin ceeye; amma ammo loltuu kutaa lamaa ta'eera.
11
Obboleessa kiyya Eesawuu harkaa na hambisi akka dhufee ana, haawwota manaa tiyyaa fi ijoollee tiyyallee hin balleessine waan sodaadheef.
12
Ati dhugamaan ‹Waan mishaa sii godha; fiixaa keellee baay'isee akka xidhacha galaanaa ka hin laakkayamnee godha› jettee turte.
13
Halkan san achuma bulee waan harkaa qabu maraa keessaa waan Eesawu'uu kennu,
14
re'iin dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii re'iinii diddama, hoolota dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolotaa diddama,
15
Gaallan dhaltii soddoma ilmoolee woliin, sa'oolee afurtama, sangoota kudhanii, harriin dhadhaltuu diddama, wodallan harriinii kudhan,
16
Tika hori'ii akkuma gosa isaaniitiin adda qoodee garboota ufiititti kennee; garboota ufiitiin, «Afoo deema'aatii tika hori'ii kanniin addaan fageessaa'a» jedhe.
17
Ka afoo jiruun, «Obboleessi kiyya Eesawu si argee yoo ‹Ati ka eennuuti? garam deemta? horiin oofa'aartu kunniin ka eennuuti?› jedhee si gaafate,
18
ati hennaa san gooftaa kiyya Eesawu'uun «Kennaa garbichi kee Yaaqoob sii erge; kunoo inni nu duuba jira» jedhiin.
19
Akkanuma lammeesso'oo fi sadeessoo worra gobbuu duubaan deeman maraa «Hennaa Eesawuu argitan woma kana jedha'aa itti himaa'a;
20
‹Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duuba jira; kennaa afoo kiyya deemu kanaan araarama, achiin maayessa maal laataa garaa naa laafee fuula isaa arga» jedhee waan yaadeeruuf.
21
Akka kanaan kennaa firrisiisee inni ammo halkan san mandara keessa bule.
22
Bariisaa san ka'ee haawwota manaa ufii lamaan, garboota lamaanii fi ijoollee ufii kudha tokko fudhatee laga Yaabooqii ceeye;
23
achiin maayessa waan qabu maraa ceesise.
24
Yaaqoob ammo hojja ufii achitti hafe. Haga bariitutti nama tokko woliin wondhaansa baye.
25
Akka isa injifachuu hin dandeenne hennaa arge moorgaya mogolee isaa dhaye; Yaaqoobillee uduu wondhaansa baya'aaru moorgeenni mogolee isaa hadoodeen.
26
Innillee Yaaqoobiin «Amma bari'u'uuf gagaarratteertii gad na dhiisi» jedheen; Yaaqoob, «Na eebbiftu malee gad si hin dhiisu» jedheen.
27
Innillee, «Maqaan kee eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yaaqoob» jedheen.
28
Innillee, «Ammaa achi maqaan kee ‹Israa'el › jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu Rabbii fi nama woliinillee wondhaansa baatee waan injifatteef» jedheen.
29
Yaaqoobillee, «Maqaa kee natti himi» jedheen. Innillee, «Maqaa kiyya maaf na gaafatta?» jedhee achumatti isa eebbise.
30
Yaaqoob, «Rabbiin addaata'atti arge; ammo ima jiraata'aara» jedhee maqaa hulee sanii «Phini'eel » jedhee itti baase.
31
Hennaa Phini'eeliin keessa lufu aduun itti baate; sababaa mogoleen isaa hadoodeef hokkola'aara.
32
Kanaaf ijoolleen Israa'elii haga adhaa foon mogole'ee hin nyaatan; waan moorgaya mogolee Yaaqoobii hadoocheef.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50