bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Genesis 25
Genesis 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 26 →
1
Abrahaam haadha manaa biraa ta Keexuraa jedhamtu fuudhe;
2
Isiin Zamiraan, Yooqshaan, Meedaan, Miidiyaam, Yashibooqii fi Siweehiin deetteef.
3
Yooqshaan Saabaanii fi Diidaaniin uumate; ijoolleen Diidaanii Asoorota, Laxuusotaa fi Uumaawota fa'a.
4
Ijoolleen Miidiyaamii Geefeer, Eefer, Heenoohi, Abdaa'ii fi Eldaa fa'a; kunniin maruu ijoollee Keexura'aati.
5
Abrahaam waan qabu maraa Yisaaqiin dhaalchise.
6
Abrahaam ijoollee ufii ta dubartoota mata gala itti galee irraa uumateellee kennaa kennee uduma ufii lubbu'uun jiru mucaa ufii Yisaaqiin irraa fooyee gara baya biiftu'uu isaan geegesse.
7
Abrahaam woggaa dhibba tokkoo fi torbaatamii shan jiraate;
8
Woggaa dheeraa jiraatee umurii quufee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame.
9
Ijoolleen isaa Yisaaqii fi Ismaa'eel lafa qonnaa ka Maammire'ee ka qonna Eefroonii ilma Za'aarii Keexichaa goda keessatti awwaalan.
10
Lafti qonnaa ka Abrahaam Keexicha irraa bitee Saaraa itti awwaale kana.
11
Abrahaam haga du'een maayessa Rabbi ilma isaa Yisaaqiin eebbise; Yisaaqillee burqaa Bi'eerla hayiroo'ii bira jiraate.
12
Horteen Ismaa'elii ta garbittiin Saara'aa Aggaariin biyya Misirii Abrahaamii deette kana.
13
Maqaan ijoollee Ismaa'elii hortee isaanii akkana; ilmi hangafaa ka Ismaa'elii
14
Nabaayooti, Qeedaar, Nabdaa'el, Mabsaan, Maasmaa'i,
15
Duumaa, Maasaa, Kudaan, Teemaan, Ixuur, Naafeesii fi Qeedimaa fa'a.
16
Ijoollee Ismaa'elii maqaan isaanii, gandaa fi naannoon isaanii kanniin fa'a; akka gosa isaaniitiin bulchoota kudha lama qaban.
17
Ismaa'el woggaa dhibba tokkoo fi soddomii torba jiraatee du'ee worra isaa ka du'etti eda'ame.
18
Huleen horteen isaanii jiraatanillee Ewulaaxii ka'ee Hawila'aa fi Asuuriin jidduu hortee Abrahaamiitiin wol jibbanii gara gara fagaatanii jiraata'aa turan.
19
Horteen Yisaaqii ilma Abrahaamii kana; Abrahaam Yisaaqiin uumate;
20
Yisaaqi hennaa woggaa afurtamaa ta'etti Ribqaa fuudhe; isiin mucattii Baatu'eelii nama biyya Sooriya'aa ka laga lamaan jidduu jiraatuutii fi intala haadhaa ta Laabaa nama Sooriya'aati.
21
Yisaaqi waan haati manaa isaa dhabduu taateef Rabbiin kadhate; Rabbillee hin dhagayeef; Ribqaan hin ulfoofte;
22
Rimeenni sunniin garaa keessatti wol dhidhiiba'aa turan; isiin wonti akkanaa kun maaf na irra gaye? jettee Rabbiin kadhachu'uuf deemte.
23
Rabbillee isi'iin «Gofti lamaan gadaamessa kee keessa jira; gosa lamaan ka wolii hin galle deetta; gofti tokko gosa kaan caala; hangaftichi maandhichaa ajajama» jedhe.
24
Hennaan deettu geennaan lakkuu deette.
25
ka duraa dhalate bifti isaa diima'a; nafti isaa maruu rifeensa qaba; maqaa isaa Eesawu jedhaniin.
26
Achiin maayessa obboleessi isaallee dhalate; inni harka ufiitiin koomee Eesawu'uu qabatee ture; maqaa isaa Yaaqoob jedhaniin. Ribqaan hennaa ijoollee tana deettu Yisaaqi nama woggaa jahaatamaa ture.
27
Ijoolleen lachuu guddatanii Eesawu nama gammoojjii keessatti dhadhoolu ta'e; Yaaqoob ammo nama cadhisaa qe'ee oolu ta'e;
28
Yisaaqi dhadhoolee waan isa nyaachisuuf Eesawuu jaalata; Ribqaan ammo Yaaqoobiin jaalatti.
29
Yaaqoob uduu ittoo hojjata'aaru;
30
Eesawu lafa gammoojji'iitii galee Yaaqoobiin «Ani waan guddisee beelayeeruuf ittoo diimaa kana irraa na nyaachisi» jedheen; kanaaf maqaan Edoom jedhame.
31
Yaaqoob, «Dura hangafummaa kee natti gurguri» jedheen.
32
Eesawullee, «Ani beelaan du'u'uuf ta'aa hangafummaan kiyya kun maal naa godha?» jedhe.
33
Yaaqoobillee, «Dura naa kakadhu» jennaan kakateefii hangafummaa ufii Yaaqoobitti gurgurate.
34
Yaaqoob Eesawu'uu buddeenaa fi ittoo kenneef; innillee haga nyaatee dhugeen maayessa hin deeme; akka kanaan hangafummaa ufii salphise.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50