bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 1
Jeremiah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 2 →
1
Ilmi Keliqiya'aa Ermiyaas ka abaan isaa gadoota qachaa Anaatootii biyya Biiniyaamii keessaa tokko ture dubbate akka asii gadii kana;
2
Dubbiin Rabbii ka gara Ermiyaasii dhufe bara ilmi Amootsii Iyyoosiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa kudha sadeesso'ootitti.
3
Ammallee bara mootiin Yihuuda'aa ilmi Iyyoosiyaasii Iyyoo'aaqeem mooye, akkasuma bara mootiin Yihuuda'aa Sedeqiyaas ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooye haga dhuma woggaa kudha tokkeesso'oo, haga baniin Yerusaalemii booji'amee deemetti, haga ji'a shaneesso'ootitti gara isaa dhufa'aa ture.
4
Dubbiin Rabbii ka akkana jedhutu gara kiyya dhufe,
5
«Ermiyaas! Ani uduu garaa haadha teetii keessatti si hin uumneen dura si beeka; uduu gadaamessa haatetii keessaa hin baane si fooye; bani'ii raagaa taasisee si muudeera.»
6
Ani garuu, «Yaa Rabbi Gooftaa! ani daa'ima waan ta'eef maal akka dubbadhu hin beeku» jedhee deebiseef.
7
Rabbi garuu akkana naan jedhe, ‹Ani daa'ima› ufiin hin jedhin; Gara ani si ergu maraa deemtee waan ani si ajaje maraa dubbatta;
8
ani si oolchu'uuf waan si woliin jiruuf isaan hin sodaatin; ka waan kana dubbate ana Rabbi!»
9
Achiin maayessa Rabbi harka ufii hiixatee afaan kiyya qaqqabee akkana naan jedhe, «Ani dubbii ati dubbattu afaan kee keessa kaayeera.
10
Ati akka buqqiftuu fi akka diidduuf, akka garagalchituu fi akka balleessituuf, akka ijaartuu fi akka dhaabduuf, moototaa fi banii ormaa irratti baallii sii kenneera.»
11
Rabbi Ermiyaasiin, «Maal arga'aarta?» jedhee gaafate; Ermiyaas, «Damee lawuzi'ii arga'aara» jedheen.
12
Rabbillee, «Waan sirrii ta'e argite; anillee attamitti akka inni itti raawwatamu xiinxallee laala» naan jedhe.
13
Rabbi deebisee, «Wonti biraa ka ati laala'aartu maali'i?» jedhee na gaafate. Anillee «Gara cinaa kaabaatiin ottee danfa'aartu ta garana dabdeertu takka arga'aara» jedhee deebiseef.
14
Rabbi akkana naan jedhe, «Badiin gara kaabaatii akka bisaan danfeetitti worra biyya tana keessa jiraatan irra gara gala» naan jedhe.
15
Ani banii gara kaabaatiin jiraatan akka garana dhufan waama; isaan qachoota Yerusaalemiitii fi naannaya Yihuuda'aa jiran maraa irratti balaa buusanii qabatan; achiin maayessa seensa balbala Yerusaalemii teessoo ufii kaayatan.
16
Waan hammeenna isaanii maraaf, na dhiisanii waaqolee tolfamaa biraatii waan hixaana aarsanii fi hujii harka ufiitiillee waan sagadaniif isaan adaba.
17
Kanaafuu ati mudhii kee hidhadhuu ka'ii waan ani si ajaje maraa isaanitti himi; gara isaanii dhaquu hin sodaatin; yoo isaan sodaatte akka ati isaan caalaa sodaataa taatu si taasisa.
18
Ermiyaas! na dhagayi; baniin lafa irra jiraatu maruu mootonni Yihuuda'aa ka baallii qaban, baniinii fi gadoonni uduu hin hafin diina kee ta'anii si irratti ka'an;
19
Isaan siin lolan; ani garuu hunnaa fi jabeenna isaan uf irraa ittiftuun sii kenna; akka qachaa eeddoo qabduutitti, akka utubaa sibiilaatii fi akka kaloo sibiila jaba'aan ijaaramee si taasiseera; ani si woliin ta'ee si tissa'aa waan si irraa ittisuuf isaan sirima si mooyatuu hin danda'an; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52