bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 26
Jeremiah 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 27 →
1
Akkuma Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyeen Rabbi akkana naan jedhe, «Ati balbala baya mana woyyu'uu dhaabadhuutii banii qachoota Yihuuda'aa maraa keessaa sagadu'uuf dhufanitti waan ani si ajaje maraa uduu waan tokkollee hin hambifne isaanitti himi.
3
Maal laataa baniin kun si dhagayanii karaa hamaa ufii irraa deebi'uu danda'an ta'a; yoo ka deebi'an ta'e garuu badii waan hujii hamaa isaaniitiif isaanitti fidu'uuf ta'u maraa hin dhiisa.
4
Rabbi bani'itti akkana jedhii himi naan jedhe, «Seera ani Rabbi isinii kenne waan hordofuu ajajamu'uu fi
5
dhagayuullee diddan ani raattota na tajaajilan deddeebi'ee isinitti ergeera.
6
Yoo naa ajajmuu diddanii akkasumaan ka deemtan ta'e waan Sheelo'otti godhe maraa mana woyyuu kiyya kanattillee deebi'ee godha; baniin adunya'aa maruu maqaa qachattii tanaa akka abaarsaatitti laalan»
7
Gadoonni, raattonninii fi baniin maruu hennaa ani dubbii kana mana woyyuu keessatti dubbadhu na dhagayaniiran.
8
Waan Rabbi akka dubbadhu na ajaje maraa dubbadhee akkuma fixeen dimmaa na qabanii «Du'uu si barbaachisa!» jedha'aa iyyan.
9
«Wonti ‹ati manni woyyuun kun akkuma Sheelo'oo ta'a» jettee maqaa Rabbiitiin raaga dubbatteef maali'i? akkasuma, ‹Qachattiin tun hin baddi; ka isii keessa jiraatullee hin argamu› jetteef maali'i?» jedhanii gaafatan; achiin maayessa baniin mana woyyuu keessatti wol gayanii na marsan.
10
Bulchoonni Yihuuda'aa waan ta'e kana maraa haga dhagayan mana mootumma'aatii bayanii gara mana woyyu'uu dhaqanii dallawa balbala mana woyyu'uu haarawa biratti bakka qabatan.
11
Gadoonninii fi raattonni bulchootaa fi bani'iin, «waan namni kun dubbate maraa isinuu dhageettaniirtan inni qachaa tana keessatti dubbii raagaa hamaa waan dubbateef du'uu isa barbaachisa» jedhan.
12
Ani Ermiyaas bulchootaa fi banii maraanuu akkana jedhe, «Dubbii qachaa tanaa fi mana woyyuu kana keessatti dhageettan akka labsuuf ka na ajaje Rabbi.
13
Isin ammallee haala jireennaatii fi haala hujii keessanii jijjiirtanii Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu isin barbaachisa; yoo kana gootan inni balaa isinitti fidu'uuf karoorfate hin dhiisa.
14
Wonti kun yaada kiyya yoo ta'e ani harkuma keessan jira; waan qajeela'aa fi sirrii ta'ee isinitti mudhate maraa na irratti godhaa'a.
15
Isin garuu waan tokko callaa xiinxallitanii hubatuu isin barbaachisa yoo amma isin na ajjeeftan isinii fi baniin qachattii tana keessa jiraatan maruu waan nama balleessaa hin qabne ajjeeftaniif yakkamtoota taatan akka isin akeekkachiisuuf ka na erge dhugamaan Rabbi.»
16
Kanaan maayessa bulchoonninii fi baniin, «Namni kun maqaa Rabbii Waaqa keennaatiin waan nutti himeef du'uu isa hin barbaachisu» jedhanii gadootaa fi raattotatti dubbatan.
17
Kanatti aansanii jaarsota keessaa namoonni gariin banii achitti wol gayanitti akkana jedhanii dubbatan,
18
«Bara Hisqiyaas mootii Yihuuda'aa ture; raattichi Mikkiyaas namni biyya Mooreeshii dubbii raagaa ka Waandhi banii maraa dubbate bani'itti; ‹Tsiyoon akka lafa qonnaatitti qotamti; Yerusaalem akka tuulaa waan diiggamee taati; tulluun manni woyyuun itti ijaarame doba'atu itti marga› jedhee labsee ture.
19
Eeganaa mootiin Hisqiyaasii fi baniin Yihuuda'aa akka Mikkiyaas du'u taasisanii? wa'a! waan kana caalaa Hisqiyaas Rabbiin sodaata'aa akka inni isaa araaramu worwaate; Rabbi balaa isatti fidu'uuf karoorfate hin dhiise; nu garuu balaa guddisee nama hucuucu ufitti fidu'uuf qophoofneerra.»
20
Nama Uuriyoo ilma Shamaaya'aa jedhamu ka biyya Qiriyaati'aarimiin keessa jiraatu tokkotu ture; namni kun akkuma Ermiyaas qachattii tanaa fi biyyattii tana irratti bala'atu dhufa jedhee maqaa Rabbiitiin dubbate innillee raaga dubbatee ture.
21
Mootiin Iyyo'aaqeemii fi ajajaan ajajoota loltootaa akkasuma ajajoonni loltootaa waan Uuriyoon dubbate haga dhagayan mootichi Uuriyoo ajjeesu'uuf sondhaan Uuriyoon garuu haga waan kana dhagaye guddisee sodaatee gara biyya Misirii dheessee jalaa baye.
22
Mootiin Iyyo'aaqeem garuu Eelnaataanii ilma Akibooriitii fi namoonni biraallee gara biyya Misirii dhaqanii akka Uuriyoo fidan ajaje.
23
Isaan Uuriyoo qabanii mootii Iyyo'aaqeemiin bira fidan; mootichi akka Uuriyoo ajjeesanii awwaala bani'ii keessatti gatan ajaje.
24
Ana garuu Ahiqaam ilmi Saafaanii waan na irraa dhoogga'aa tureef akka na ajjeesaniif bani'itti dabarsanii na hin kennine.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52