bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 49
Jeremiah 49
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 50 →
1
Rabbi waan Amoonii akkana jedha, «Israa'el ijoollee dhiiraa hin qabuu? worra isa dhaalullee hin qabuu? eeganaa worri waaqa tolfamaa Milkoom jedhamu waaqeffatu gosa Gaadii gad dhiisisiisanii wonti qachoota isi'ii keessatti quphataniif maali'i ree?
2
Kanaafuu hennaan ani laagaa lolaa Raabaa qachattii Amooniin keessa jirtu keessatti dhageessisu hin dhufa; isiin ona waan diiggame keessatti tuulan taati; gandi isi'iillee ibiddaan gubaman; kanaan maayessa worri Israa'elii worra armaan dura isaan saama'aa ture deebi'anii saaman.
3
Qachaan Aayii waan diiggamteef baniin ganda qachaa Raama'aa keessa jiraattan maruu guddisa'aa iyya'aa booyaa'a! waandhi tolfamaan Milkoom jedhamu gandoota ufiitii fi worra isa gargaaran woliin booji'amee waan deemeef uffata gaddaa uffadha'aatii dallawa isi'ii keessatti asii fi achi deema'aa booyaa'a!
4
Isin wonti hunna keessan ka dhumata'aa deemu hedattaniif maali'i? isin banii amantii hin qabne ‹ka balaa natti buusu eennu?› jettanii qabeenna ufii tuulattaniin dhaadattaniirtan.
5
Ani hulee maraa raafama isinitti fida; isin maruu hin dheessitan; isin waan gara afo'oo dheessitanii bittinnooftaniif namni worra baqatee dheesse wolitti qabu hin jiru.
6
«Henna'aan maayessa garuu qabeenna worra Amoonii hin deebisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.
7
Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Edoomii dubbate kana; baniin qachaa Teemaanii ogummaa armaan dura qaban hin dhabanii? worri isaan gorsu gorsa isaanii kennuu dadhabee?
8
Hennaa fiixaa Eesawu'uu adabu waan rakkinni isaan irra gayuuf isin baniin qachaa Deedaanii uf duuba gara gala'aa dheessaa'a! holqa keessatti dhokadhaa'a!
9
Namoonni hennaa woyinii irraa hurbuu guuratan, biqiltuu woyini'ii irratti hurbuu garii hin dhiisan, worri saamullee halkaniin dhufanii haga barbaadan irraa guuratan.
10
Ani garuu fiixaa Eesawu'uu qullaa hambisa; hulee isaan itti dhokatanittillee ifa isaan baasa; kanaafuu ammaa achi isaan hulee itti dhokatan hin argatan; ijoolleen isaanii, firri isaaniitii fi ollaan isaaniillee hin badan, isaanillee hin badan.
11
Ijoollee isin woliin jiraatan ta abboonninii fi haawwonni irraa dhuman dhiisaa'a ani isaan jiraachisaa, haawwonni manaa ta abboota worraa ajjeefatan na haa abdatanii.
12
Eeganaa worri adabbiin isaan hin barbaachifne mijuu adabbi'ii yoo ka afaaniin qaban ta'e isin adabbii malee waan haftan seetanii? miti isin mijuu adabbi'ii dhuguu isin barbaachisa.
13
Akka qachaan Bootsira'aa lafa onaa ka nama sodaachisu taatee haftu ani maqaa kiyyaan kakadheera; namni maruu itti balda; maqaa isi'iillee akka maqaa abaarsaatitti laalan; gandiin naannaya isi'ii jiran maraa baraa haga bara baraa hin diiggaman; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
14
Ani ergaa tokko Rabbiin irraa dhagaye; «Ergamaan isin banii Edoomii irratti balaa buusu'uuf wol gaya'aa ka'aa'a!» jedhee bani'itti dubbatu ergameera.
15
Ani eeganaa si'i mootota jiddu'utti diqqoo, namoota jiddu'uttillee tuffatamtuu si taasisa.
16
Ati ta qilee dhagaa qarsa'aa irra jiraattu, ta haga qaccee gaaraallee geettu! sodaatamuun keetii fi uf jajuun onnee keetii si gowwoomsaniiran; yoma hagamillee hulee ufii jiraattu akka mana bajjaa yoo ol fageessitee ijaarattellee ani achi irraa gad si buusa jedha Rabbi.»
17
Rabbi akkana jedha, «Eedoom ta nama naasiftu taati; namni hennaa karaa saniin lufu isii argu maruu hin naya; badii isii irra gayuttillee hin maalalfata.
18
Akkuma hennaa Soodomii fi Gomooraan qachoota naannaya isaanii jiran woliin diiggaman badiin isaan irra gaye akkasuma woma san fakkaatutu isaan irra gaya; namni deebi'ee achi irra jiraatu sirima hin argamu.
19
Akkuma leenci bosona jaamaa Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisaa hoolota itti yaasanii dhaqu, ani dimmaa dhufee bulchoota Edoomii ari'a; armaan maayessa nama ufii filadhe moosisa; ka akka kiyyaa eennu? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na afoo dhaabatee na ittisu eennu?
20
Kanaafuu waan ani banii Edoomii irratti raawwatu'uuf karoorfadhee fi waan banii qachaa Teemaanii irratti godhuu barbaade dhagayaa'a; ijoollee isaanii akka ilmoolee hoolotaatitti harkisa'aa deemaniin, sababaa isaaniitiif worri isaan argu maruu hin nayan.
21
Worri oduu akka Edoom kufte dhagayan hin raafaman iyyansi naasuu isaanii achii ka'ee haga galaana diima'aa dhagayama.
22
Diinni akkuma bajjaa koola ufii badhifatee Baasoraa irratti gad bu'u akkasuma isii irratti bu'a; hennaa san loltoonni Edoomii akka dubartii ciniinsifattee sodaattee dhiphattuu ta'an.
23
Worri qachaa Haamaatii fi Arfaadii keessa jiraatan waan oduu Damaasqoon hin baddi'ii dhagayanii jal jedhan; garaan isaanii akka galaana olii gad raafamuu raafame.
24
Baniin Damaasqo'oo dadhabanii sodaatanii dheessu'uuf uf duuba deebi'an; akka dubartii ciniinsifattuu dhiphatan.
25
Qachattiin gurra dhagayattee fi bareeddu sun attamitti duwwaa hafte?
26
Guyyaa san dargaggeeyyiin qachattii sanii karaa qachattii sanii irratti isaan ajjeesan, loltoonni isi'iillee hin diiggaman.
27
Ani dallawa Damaasqo'oo maraa ibiddaan gubee balleessa; mana mootumma'aa ka mootii Beenhaadaadiillee ibiddaan guba; ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.»
28
Rabbi waan mootota Qeedaariitii fi Hatsoorii ka Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii mooyatee «Ka'a'aa banii Qeedaariititti duulaa'a; banii gara baya biiftu'utiin jiranillee balleessaa'a!
29
Daaseewwan isaanii, gobbuu, golga'aa fi meeshaa isaanii maraa fudhadhaa'a; gaallan isaaniillee fudhadhaa'a; ‹naannoon teenna raafamteerti› jedha'aa wocan» jedha.
30
Rabbi worra Atsooriin keessa jiraattaniin akkana jedha, «Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii waan isinitti malatee fi waan karoora hamaa isinitti karoorfateef dheessa'aa fagaadha'aatii holqa dhooqa keessaatitti dhokadhaa'a»
31
Rabbi akkana jedha, «Isin amma ka'aa'a! gara banii balbala uduu hin cufanne jiraatuu fi gara worra nagayaan boona'aa jiraatanii duulaa'a.
32
Gaallan isaaniitii fi horii isaaniillee hin booji'an, worra mataa ufii bita'aa fi mirgaan haadatan maraa olii gad bittinneessa, karaa maraanuu rakkinna isaanitti fidaa»
33
Kanaafuu Atsoor ona jeedallan baraa haga bara baraa keessa jiraatan taati; ammaa achi baniin woyiituu isii keessa hin jiraatu.
34
Akkuma Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyeen yoosuu Rabbi Waandhi banii maraa waan Eelaamii akkana jedhee natti hime,
35
«Ani hunna woraanaa ka isiin akka haga adhaa jabduu taatee jiraattu taasiftaniin hin cabsa;
36
Bubbee Eelaamiin dhayu hulee maraa kaasee banii isi'ii maraa gara mara bittinneessa; akka kanaan biyyi baniin isi'ii ka baqate keessa jiraatu hin argamu.
37
Diintota baniin Eelaamii ajjeesu'uuf barbaadan akka isaan sodaatan taasisa; ani isaan irratti lola kiyya guddaa balleessaa isaaniitiif sababaa ta'e isaanitti fida; haga dhumanitti akka lolaan baqatan isaan taasisa.
38
Ani mootii isaaniitii fi bulchoota isaaniillee hin balleessa; teessoo kiyya achi taasifadha.
39
Ta'ullee hennaan ani qabeenna Eelaamii deebisu hin dhufa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 50 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52