bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 3
Jeremiah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 4 →
1
Rabbi akkana jedha, «Namni yoo haati manaa isaa jalaa baate; yoo nama biraatitti heerumte; abbaan manaa isi'ii nama itti heerumte san jalaa baasee galfachuu danda'aa? yoo ka gaalfatu ta'e kun fafaamii? Israa'el! ati armaan dura waaqolee tolfamaa baay'ee jaalattee turte; amma garuu gara kiyya deebi'uu feeta.
2
Mee ol jedhii gaarran gubbaa laali; huleen ati waaqolee tolfama'aa itti hin saganne hin jiraa? akka nama lafa gammoojji'ii keessa riphee waa saamu'uuf olii fi gad deemuutii fi akka dubartii nama isii jaalatu soqaa karaa gara garaa deema'aa hujii cubbuu seebara keetii waaqeffata'aa lafa batteessite.
3
Roobni gannaatii fi ka badheessaallee wonti si irraa dhaabateef sababaa kanaaf; ati saalfachuu dhiiftee akka dubartii seebartuutitti salphatteerta.
4
«Ati, ‹abbaa kiyya; jaalalloo kiyya ka ijoollumma'aati› jettee na hin waamnee?
5
Ati ‹inni hennaa maraa lolaa? lolli isaa jabaan hin dhaabatuu?› jettee dubbatteerta; garuu ati hujii hamaa hojjachuu dandeettu maraa ima hojjatta» jedha.
6
Bara Iyyoosiyaas mooye Rabbi akkana naan jedhe, «Biyyi Israa'elii ta amantaa hin qabne maal akka goote argitee? isiin na dhiiftee gaarran gugurda'aa fi mukkiin lalise jalatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa battummaa raawwatti.
7
Haga kana maraa raawwatteen maayessa waan gaabbitee gara kiyya deebitu seeye, isiin garuu hin deebine; obboleettiin isi'ii Yihuudaan hin amanamnellee waan kana argiteerti.
8
Israa'el ana waaqeffatuu dhiiftee waaqolee tolfamaa faana deemte; akka ani waan isiin hojjata'aartu isi'ii dhiise Yihuudaan argiteerti; Yihuudaan obboleettiin Israa'elii ta hin amanamne hin sodaanne; isiinillee gara ufiitiin waaqa tolfamaa waaqeffatti.
9
Isiin sirima hin saalfanne dhaga'aa fi muka waaqeffata'aa lafa batteessite.
10
Haga waan kana maraa raawwatteen maayessa obboleettiin Israa'elii Yihuudaan akka waan gara kiyya deebituu taate gara'aan uduu hin taane afaanumaan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
11
Rabbi akkana naan jedhe, «Israa'el hagamillee yoo Rabbiin irraa fagaatte wonti isiin Yihuudaa hin amanamne irraa gar gar taatuun akka jiru»
12
Kanaafuu wonti Rabbi akka ani gara kaabaa deemee Israa'elitti himuuf na ajaje kana; «Ati Israa'elii hin amanamne! Araarri kiyya guddaa waan ta'eef hin loluu gara kiyya deebi'i; lolli ani siin lolu haga bara baraatii miti.
13
Atumti akka yakkamtuu taatee fi Rabbii Waaqa kee akka didde amani; ati mukkiin lalise jalatti waaqolee tolfamaa worra ormaa akka waaqeffattee fi akka battoofte, seera kiyyaa ajajamuu diduu keellee himadhu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
14
Isin banii hin amanamne! waan banii kiyya taataniif deebi'aa'a; isin keessaa, qachoota gara garaa keessaa tokko tokko maatii gara garaa keessaallee lama lama filee gara gaara Tsiyoonii isin fida.
15
Worri isin eegan ka naa ajajaman isinii kenna; isaan ogumma'aa fi hubanna'aan isin masakkan.
16
Hennaa laakkobsi keessan ardii san irratti baay'atu worri waan saanduuqa waadaa kiyyaa dubbatan hin argaman; achiin maayessa waan isaa hin yaadan; hin qaabatanille'e; bu'aan isaa waan isaanitti hin mudhanneef deebi'anii waaqa tolfamaa biraa hojjachu'uuf hin badadan.
17
Bara san garuu Yerusaalem ‹Teessoo Rabbii› jedhamtee waamamti; baniin maruu ana waaqeffatu'uuf achitti wol gayan; achiin maayessa isaan worra garaa jabaatuu fi worra yaada hamaa qaban hin ta'an.
18
Israa'elii fi Yihuudaan tokko ta'an; isaan lamaanuu biyya gara kaabaatiin jiruu hulee booji'amanii deebi'an isaan gara lafa abboota isaanii ta duriitii lafa bara baraa godhee isaanii kenneetitti deebi'anii galan.»
19
Rabbi akkana jedha, «Yaa Israa'el! ani akka finna kiyyaatitti Biyya adunya'aa keessaa lafa gabbattu'uu fi laliftuu guddiftee bareeddu sii kennuu barbaade; Ati, «Abbaa» kiyya jettee akka na waamtuu fi akka deebitee na irraa hin fagaanne si eega'aa ture.
20
Ati garuu akka haadha manaa ta abbaa manaa ufii ganteetitti anaaf amanamtuu hin taane; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
21
Tulloota gammoojjayaa irratti laagaan dhagayama; laagaan kunillee laagaa baniin Israa'elii Rabbii Waaqa ufii irraa fagaatanii cubbuu hojjata'aa turanii amma gaabbanii kadhata'aa booya'aa dhageessisan.
22
Isin worri Rabbiin irraa fagaattanii turtan maruu deebi'aa'a; inni isin oolchaa; worra amanaman isin taasisa. Isinillee akkana jettaniirtan, «Ee! Rabbi Waaqa keenna waan ta'eef gara isaa deebina;
23
Isin tulloota gubba'atti waaqa tolfamaa duwwaa waaqeffatuun keenna womaa nu hin fayyanne; fayyinni Israa'elii Rabbii Waaqa keenna callaa biratti argama;
24
garuu nu waaqa tolfamaa nama salphisuu sagaduun keenna hori'ii fi hoolota keenna maraa, ijoollee teenna ta dhiiraatii fi ta durbaa maraa fi qabeenna dur abboonni teenna dadhabanii argatan maraa akka dhabnu nu taasiseera.
25
Nu'uu fi abboonni teenna ta durii deddeebinee cubbuu hojjannee Rabbii Waaqa keenna gaddisiifneerra; ajaja isaallee hin raawwanne; kanaafuu nu saalfannee kufnee salphinna akka uffataatitti uffanne.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52