bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 22
Jeremiah 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 23 →
1
Rabbi akka ani gara fiixaa Daawitii mana mootummaa Yihuuda'aa dhaquu fi akka achitti mootichatti, ajajaa loltootaatii fi banii Yerusaalemiititti dubbii ani isaanitti himu dhagayan,
3
«Ani Rabbi akka murtii qajeela'aa fi waan dhuga'aa gootan isin ajajeera; namni tokko nama biraa irraa waa saamee akka dhara hin hojjanne eegaa'a; worra isinitti galan, ijoollee haatinii fi abbaan jalaa du'anii fi dubartoota abbaan worraa jalaa du'an rakkiftanii barsee hin godhatinaa'a; hulee woyyuu kanatti dhiiga nama qulqullu'uu hin jissinaa'a.
4
Akkuma ani isaan ajaje yoo gootan fiixaan Daawitii teessoo ufii ka ulfinnaa irraa hin bu'an; akkuma hennaa maraa worra bulchoota bani'iitii fi banii woliin farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'a'aa gara mana mootumma'aa balbalaan seenuu hin dandeettan.
5
Yoo ka ajaja kiyya hin raawwanne ta'e garuu manni woyyuun kun diiggamee akka jigu ufiin kakadhee isinii mirkaneessa; ani Rabbi waan kana dubbadheera.
6
«Manni mootumma'aa ka mootota Yihuuda'aa akkuma biyya Gala'aadiitii fi gaarran Libaanosii ka anaaf bareede; garuu ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa.
7
Ani namoota isa diigan erga; isaan dhagaraa ufii qabatanii dhaqanii utubaa mukkiin Libaanosii babbareedaa irraa hojjatame muranii ibiddatti isaan gatan.
8
«Kanaan maayessa namoonni hedduu biyya alaa ka karaa saniin lufan, ‹wonti Rabbi qachattii guddoo tana irratti balaa kana fideef maal ta'inna laata?› jedha'aa wol gaafatan.
9
Sababaa isin waadaa ana Waaqa keessan woliin galtan diiddanii waaqolee tolfamaa ormaa waaqeffattanii fi tajaajiltan akka ta'e hubatan.»
10
Banii Yihuuda'aa! waan mootii Iyyoosiyaasiitiif hin booyinaa'a; du'a isaatiifillee hin gaddinaa'a; garuu ilmi Iyyoosiyaasii Shaaluum gara hulee lamuu hin deebinee waan isa fidaniif, biyya itti dhalatellee deebi'ee waan hin argineef; isaaf mararama'aa booyaa'a.
11
Rabbi waan Shaaluumii ilma Iyyoosiyaasii ka biyya Yihuuda'aa irratti bikka abba'aa mooyeetiif akkana jedha, «Inni gara biyya fago'oo ka lammata deebi'ee hin deebinee dhaqa;
12
Biyyuma itti booji'ame sanitti waan du'uuf inni lammata deebi'ee biyya tana hin argu.»
13
Nama dabaan mana ijaarsifatu, ka dhiibba'aan mana mana gubba'aa ijaarsifatu, ka hojjata'aa gatii dadhabbii hunna isaanii uduu hin kaffalleef hujjisiifatuu hobbaas!
14
Namni kun «Ani ufiif mana guddaa gamoo woliin ijaaradha; akkasuma foddaa babadhaa itti godha; mana muka babadhaa Libaanosiitiin bareechisa; qalama guddisee diimatuun diba» jedha.
15
Ati waan namoonni kuuwwan hojjatan caalaa muka mimmishaa Libaanosiitiin mana kee waan ijaarteef, mootii kaawwan irra waan woyyaa qabdu uf seetaa? abbaan kee nama umurii ufii guutuu gammachuu qabu ture; inni waan hennaa maraa nama kolbaatii fi nama qajeelaa ta'eef wonti inni hojjatu maruu hin qajeelaaf ture.
16
Inni waan hiyyeeyyi'ii qajeeltoo murteessuuf wonti maruu isaa ta'a'aa ture; Rabbiin beekuun akkana.
17
Hujiin kee garuu dhiiga namaa jissu'uu fi nama rakkisu'u; wonti ijji teetii fi onneen tee itti xiyyeeffattu sobaan bu'aa argatuu calla'a.
18
Kanaafuu wonti Rabbi waan mootii Yihuuda'aa waan Iyyoo'aaqeemii ilma Iyyoosiyaasii jedhu kana; «Inni hennaa du'u ‹ee bada obboleessa keenna! bille'e! bille'e!› jedha'aa booya'aa isaa hin gaddan; akkasuma ‹Yaa gooftaa! mootii kiyya! bille'e!› jedha'aa namni isaa boowu hin jiru.
19
Reeffi isaa ulfinna dhabee harkisanii dallawa karra Yerusaalemiitiin alatti gatanii akka harree itti awwaalanitti awwaalama.
20
Banii Yerusaalemii! goshoonni teessan ta lolaa maruu waan mooyatamaniif, gara Libaanosii dhaqa'aa iyyaa'a; gara biyya Baasaaniillee dhaqa'aa booyaa'a; gaarran Moo'aabii irra dhaabadha'aatii wol waamaa'a.
21
Hennaa isin durumma'aan jiraata'aa turtan Rabbi isinitti dubbate, isin garuu dhagayuu diddan; wonti isin jalqaba irraa godha'aa turtanillee kanuma; Rabbii ajajamuu diddan.
22
Sababaa cubbuu hojjattaniitiif akkuma qilleensi buraa haree fudhatu, bulchoota teessanillee haranii fudhatan; goshoonni teessan ta lolaa ka isin hedattan booji'amanii gara biyya ormaa fudhataman; saalaa fi salphinnatu isin irra gaya.
23
Amma garuu mana muka Libaanosii muranii ijaaran keessa hara baafattanii nagayaan jiraattan; garuu akka dubartii dayu'uuf ciniinsifattuutitti hennaa muddamsuun isin qabe atta ta'ittu laata?
24
Rabbi Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemiitiin akkana jedhe, «Ani Waandhi jiraataan ati uduu qubee chaapha'aa ka harka kiyya ka mirgaa irra jirullee yoo taate ani uf irraa baasee si gata.
25
Worra si ajjeesuu barbaadanii fi banii ati guddiftee sodaattu; jechuun mootii biyya Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi worra Baabilooniititti dabarsee si kenna.
26
Atii fi haati si deettellee akka baqattan taasisa; isin maruu gara biyya isin keessatti hin dhalannee dhaxxanii achitti duutan.
27
Ati biyya tana deebitee arguu hawwita; garuu lamuu hin argitu.»
28
Ani garuu akkana jedheen, «Mootichi Ikooniyaan akka ottee cabdee gatamtee lamuu hin barbaadamnee ta'ee? wonti inninii fi ijoolleen isaa booji'amanii gara biyya isaan hin beennee isaan fidaniif maali'i ree?»
29
Ati lafti, lafti, lafti! dubbii Rabbi dubbatu dhagayi!
30
Namni kun ijoollee ufii dhabee jiruun isaallee ka hin taane akka ta'u itti murteeffameera; teessoo ulfinnaa ka Daawitii dhaalu'uuf, fiixaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyan; isaa hin hafan jedhii galmeessi; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52