bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 48
Jeremiah 48
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 49 →
1
Wonti Rabbi Gooftaan banii maraa waan Moo'aabii jedhu kana, «Nabo waan barbadooftuuf, banii Naboo keessa jiraatuu hobbaas! Qiriyaati diina ufii harkatti kufti; kusheewwan isi'ii jajjabaanillee hin barbadaayan; baniin isi'iillee salphinna irratti kufan.
2
Ulfinni Moo'aabii hin lufa; namoonni Hasebooniin kuffisu'uuf seera tumatan; ‹koottaa'a, akka isiin ammaa achi banii hin taane isii balleessinaa› jedhan; isinillee namoota Maadime'ee! waan guraade'een isin ari'aniif akka cadhiftan isin taasisan.
3
Iyya diiggamsaa fi badii Horonaayiin irra gayu caqasaa'a.
4
«Moo'aab barbadoofteerti; ijoolleen isi'iillee hin iyyan.
5
Hennaa gara Luhiitii dhaqan mararamanii booya'aa dhaqan; hennaa gara dhooqa Horonaayii gad bu'anillee sababaa diiggamaniif rakkatanii iyyan.
6
Isaan ‹uf oolchu'uuf ariifadha'aa fiigaa'a! akka harree diidaa ka lafa gammoojji'ii keessa ooluutitti dheessa'aa jalaa bayaa'a!› woliin jedhan.
7
«Isin banii Moo'aabii! hunna keessanii fi baay'inna qabeenna keessanii hedattanii turtan, amma garuu isin maruu hin booji'amtan; waandhi tolfamaan Kaamosh jedhamu abboota murti'ii jajjaba'aa fi gadoota woliin booji'anii fudhatan.
8
Akkuma Rabbi dubbate ka waa balleessu gara qachoota maraatuu hin dhufa; qachaan milixxee jalaa baatu hin jirtu; qile'ee fi raasaallee hin balleessa.
9
Akka isiin sirima baddu biyya Moo'aabiititti sooqidda firfirsaa'a; qachoonni isi'ii ona namni keessa hin jiraanne taati.
10
Namni hujii Rabbiititti rincicu, ka gara'aan hojjatee hin raawwanne ka abaarame haa ta'u! namni hennaa Rabbi akka inni guraade'een balleessu isa ajaje hin goone ka abaarame haa ta'u!
11
Rabbi akkana jedha, «Akkuma daadhiin woyini'ii ka meeshaa tokko keessaa gara meeshaa biraa uduu gara hin galchine booruu woliin taa'u mi'aan isaa hin jijjiiramnee akkuma jirutti taa'a; urgaan isaallee ka hin jijjiiramnee akkasuma baniin Moo'aabii hennaa biyyi isaanii ijaaramte irraa jalqabee uduu hin raafamne jiraataniiran; booji'amaniillee hin beekan.
12
Akka nama ottee tokko keessaa daadhii woyini'ii ottee biraatitti buusee ottee duwwaa cabsuutitti, ani Moo'aabiin ka isa diiguu fi ka banii isi'iillee achi keessaa bittinneessu isaanitti erga.
13
Akkuma worri Israa'elii waaqa tolfamaa ufii dhaabatanii hedatan ka Beeteeliin keessa jirutti saalfatan, akkasuma worri Moo'aabiillee waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamutti hin saalfatan.
14
«Isin namoota Moo'aabii! ‹Nu'u loltoota jajjaba'aa fi worra mala lolaa beeku jedha'aa maaf dhaadattan? ka isin balleessu dhufeera.
15
Biyyi Moo'aabiitii fi qachoonni isi'ii barbadaayaniiran; dargaggeeyyiin babbareeddan isaaniillee bakka itti goorra'amanitti gad bu'an; ani mootiin waan kana dubbadheera; maqaan kiyyallee ‹Waaqa banii maraati.›
16
Badiin worra Moo'aabii dhiyaateera; hennaan isiin itti diiggamtullee dafee dhufa.
17
«Isin baniin gurra isi'ii beettanii fi worri naannaya isi'ii jiraattan maruu, ‹bokkuun hunna mootummaa isi'ii ka malkata baallii isi'ii attamitti cabe› jedha'aa isi'ii booyaa'a!
18
amma ka akka kusheewwan isi'ii diiggamee hafu taasisuu fi ka Moo'aabiin diigu waan as jiruuf, worri qachaa Diboonii keessa jiraattan maruu hulee ulfinnaa keessan irraa bu'a'aatii lafa daara'aa irra taa'aa'a;
19
Isin worri Aro'eeriin keessa jiraattan maruu, karaa qaccee dhaabadha'aatii dhiira dheessuu fi intala dheessitu maraa qaba'aa gaafata'aa waan ta'e maraa hubadhaa'a.
20
Moo'aab diiggamtee waan salphattee kufteef banne banne jedha'aa booya'aaf; akka isiin ona taatellee laga Aarnoonii laddatti dubbadhaa'a.
21
«Qachoota Moo'aabii ta gaarran qotame irratti ijaarame ka badda'aa Hooloon, Yaahitsaa, Meefa'aat, Diboon, Naboo, Betidibilaataayim, Qiriyaataayim, Beetigaamul, Beetma'oon, Qaariyootii fi Bootsiraa jedhamanii waamamanii fi worra fago'oo fi dhiyoo jiran maraa irratti adabbiin murti'ii dhufeera.
25
Hunni Moo'aab lola uf irraa dhooggituun cabeera; baalliin isi'ii irraa fudhatameera; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
26
Rabbi akkana jedha, «Moo'aab waan uf jajjee natti kaateef kootta'aa waan nama macheessu obbaasa'aa isii macheessaa'a, haqqiftee irratti gangalattee baniin itti haa kolfuu;
27
Ati Moo'aab! yoma Israa'el hattoota woliin hin qabamneellee ati isii waan itti baldan godha'aa adaduma waan isi'ii dubbattuun mataa raasa'aa turte.
28
«Isin worra Moo'aabiin keessa jiraattan! akkuma handariin afaan qile'eetitti mana ijaarattu akkasuma isinillee qachoota teessan dhiisa'aatii holqa dhaga'aa keessa jiraadhaa'a.
29
Ani akka Moo'aab guddiftee boona'aa ol uf guddiftee uf tuulteertuu fi akka isiin onnee jabaatteertu dhagayeera.
30
Ani uf jajuu isi'ii hin beeka; dhaaduunii fi hujiin isi'ii duwwa'a.
31
Ani Moo'aabii bade bade jedhee booya; worra Moo'aabii maraaf laagaa kiyya ol qabadhee iyya; namoota Qirihaaresiitiif gadda'aa booya.
32
Booya banii Yaa'izeeriitii booyu caalaa banii Sibima'aatii iyya'aa booya; qachaa Sibima'aa! ati akka dhaaba biqiltuu woyini'ii ka haafni isaa galaana du'aa lufee haga Yaazeerii gayuuti; garuu daraaraa kee ka gayee fi ka hurbuu kee balleessu dhufeera.
33
Gammachu'uu fi burraaquun biyya Moo'aabii laliftuu irraa fudhatameera; hulee daadhii woyini'ii itti cuunfan keessaa akka daadhiin woyini'ii jigu taasiseera; ka laagaa gammachu'uu dhageessisa'aa cuunfu hin jiru; yoma laagaa dhageessisellee laagaan sun ka gammachu'uutii miti.
34
Baniin Hasebooniitii fi baniin Eel'aale'ee laagaa ufii ol qabatanii iyyan; laagaan iyya isaanii haga Yaahatsii Tsoo'aarii haga Horonaayimiitii fi Eeglaat-shilishiya'aatitti dhagayameera; lanni Niimriiniituu gogeera.
35
Ani worra hulee worri Moo'aabii itti sagadanitti ciincaa dhiyeessanii fi worra waaqa tolfamaa ufiitiillee ciincaa dhiyeessan hin balleessa jedha Rabbi.
36
«Ani sababaa baniin biyya Moo'aabiitii fi Qireharasiin keessa jiraatan waan qaban maraa waan dhabaniif akka namoota boobaa afuufamu caqasa'aa booyaniititti isaanii booya.
37
Baniin Moo'aabii gamo'oo fi karaa irratti booyan, baniin mata'aa fi areeda haadatan, harka ufii hin mummuran, uffata gaddaallee hin uffatan.
38
Ani Moo'aabiin akka meeshaa hin barbaachifneetitti waan isii cabseef gamoo gubba'aa fi bayima marattuu booyaa achi wonti biraa hin dhagayamu.
39
Moo'aab wonti boottuuf waan nama naasisu maaltu isii irra gayeeti? attamitti isiin salphattee dudda galti? kanaafuu isiin ollaa ufii maraa biratti ta itti baldanii fi ta naasu'uu taateerti.» jedha.
40
Rabbi diinni Moo'aabiin irratti akka bajjaa koola badhisee gubba'aa gad bu'uutitti akka dhufa'aaran dubbate.
41
Qachootaa fi kusheewwan isi'ii maraa hin qabatan; hennaa san loltoonni Moo'aabii akka dubartii ciniinsifattuutitti sodaatanii hollatan.
42
Moo'aab waan natti uf jajjeef hin barbadoofti; ammaa achi mootummaa taatee hin beekkamtu.
43
Banii Moo'aabii «Raafama, boolli nama gufachiisuu fi siiboo isaan qabutu isin eega» jedha Rabbi.
44
Ka raafama jalaa dheessu boollatti bada; ka boolla keessaa utaalee bayu maraa siibo'otu qaba; ani guyyaa Moo'aabiin itti adabu hin fida» jedha Rabbi.
45
Worri baqaan dheessanii dadhaban gaaddisa Haseboonii jalatti quphataniiran; sababaan wonti kun ta'eef ibiddi Haseboonii, arrabni ibiddaallee manniin Sihoonii keessaa bayee loltoota worra Moo'aabiitii fi qachoota isaan gargaaran maraa waan gubeef.
46
Banii Moo'aabii isin hobbaas! baniin waaqa tolfamaa Kaamosh jedhamuu sagadan diiggamaniiran; ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'amaniiran.
47
«Ta'ullee hennaan ani qabeenna Moo'aabii deebisu hin dhufa» jedha Rabbi; murtiin waan Moo'aabiitiif murteeffame as irratti dhumata.
← Chapter 47
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 49 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52