bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 30
Jeremiah 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 31 →
1
Dubbiin Rabbii Waaqa Israa'elii ka gara Ermiyaasii dhufe kana; Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha,
2
«Dubbii ani sitti hime maraa kitaaba irratti barreessi.
3
Banii kiyya Israa'elii fi banii Yihuuda'aa deebisee lafa abboota isaanii ta duriitii kennetti isaan deebisa; isaanillee lafa san ta ufii taasifatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
4
Wonti Rabbi banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiin jedhu kana,
5
«Laagaa nama sodaachisu dhageenneerra; laagaan sun ka nama sodaachisu malee ka nagayaatii miti.
6
Mee dhaabadha'aa yaadaa'a! dhiirti ciniinsifattee dayuu dandeettii? eeganaa maaf dhiirti maruu akka dubartii deettuutitti harka ufiitiin ka mudhii ufii qabatanii fi fuula badaniiran arga'aara ree?
7
Guyyaan sun guyyaa atta nama rakkisu! guyyaan akkasii sun hin jiru; worra Israa'elii ijoollee Yaaqoobiitii bara rakkinnaa ta'a; ta'ullee isaan rakkinna san maraa jalaa hin hafan.
8
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Hennaa guyyaan sun gaye qambaraa bulchiinsaa ka lum'a banii kiyyaa irratti fe'ame hin cabsa; achiin maayessa isaan banii ormaatii garbicha hin ta'an;
9
Bikka san isaan ana Waaqa ufiitii sagadan, isaan mootii ani teessoo fiixaa Daawitii irra kaayu jalatti bulan.
10
Isin worri Israa'elii ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa, hin sodaatinaa'a, abdii hin kutatinaa'a; ani nagayaan biyya fago'oo isin deebisaa; ijoollee teessanillee biyya isaan itti booji'amanii hin deebisa; worri Israa'elii deebi'anii nagaya argatanii sodaa malee jiraatan.
11
Ani isin woliin ta'ee isin fayyisa; banii ormaa ka ani keessa isin bittinneesse maraa hin balleessa, isin garuu hin balleessu; ta'ullee adabbii malee isin hin dhiisu; hagatti isin adaba; ka waan kana dubbate ana Rabbi»
12
Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Madaan keessan ka hin fayyine, guddiftanii miidhamtaniirtan.
13
Namni isinii falmu hin jiru; madaa keessaniif qorichi hin argamu; hin fayyitanille'e.
14
Goshoonni keessan maruu isin irraanfataniiran; isaan isin hin barbaadan; cubbuun keessan guddatee hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef, ani akka diinaatitti isin dhaye; uduu garaa isinii hin laafne isin adabe.
15
Cubbuun keessan guddatee hammeenni keessanillee guddisee waan guddaa ta'eef, waan fayyummaan isinii hin argamneef, waan dhukkubbii madaa keessaniitiif hin gunguminaa'a; ani akka kanaan isin adabaa.
16
Garuu worri akka marga horiin dheeduutitti isin dheedan maruu, isaanillee akkasuma hennaa ufiititti dheedamanii nyaattaman; diintonni teessan maruu booji'amanii fudhataman; worri isin saamuu barbaadan maruu hin saamaman; worri isin jalaa waa fudhatan isaan jalaallee akkasuma akka waa fixan godha.
17
Diintonni teessan Tsiyoon akkuma gatamtetti hafa'aarti; namni isii oolchu hin jiru yoo jedhanillee ani dhibee keessan maraa irraa isin fayyisa, madaa keessanillee hin fayyisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
18
Rabbi akkana jedha, «Ani mana ijoollee Israa'elii deebisee ijaara; maatii isaanii maraafuu hin araarama; qachaan Yerusaalemii deebitee ijaaramti; manni mootumma'aallee hulee ufii ka duriititti deebi'ee ijaarama.
19
Baniin achi jiraatan maruu, faaruu galataa faarfatan; gammachu'uun ililfatan; hin baay'atan malee hin diqqaatan; ani isaan kabajja; achiin maayessa hin tuffataman.
20
Ijoolleen isaanii akkuma abboota isaanii ta durii sodaatamanii jiraatan; jireenni isaan amma woliin jiraatan kun hin jabaata; ani worra isaan hucuuca'aa ture maraa hin adaba.
21
Namni isaanii isaanuma keessaa ka'ee isaan bulcha; ani waan ufitti isa dhiyeessuuf gara kiyya dhiyaata; yoo kana hin taane eentu uggee gara kiyya dhiyaata?
22
Isaan banii kiyya ta'an; anillee Waaqa isaanii ta'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
23
Lolli Rabbii ka akka haboonbolatti'ii akka qilleensa jaba'aatitti gara gaggala'aa mataa worra hammeeyyi'iititti bu'a.
24
Dheekkamsi Rabbii jabaan waan huju'uuf karoorfate uduu hin raawwanne hin deebi'u; yoo hennaan gaye baniin maruu waan kana maraa addaataa hubatan.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52