bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 18
Jeremiah 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 19 →
1
Dubbiin Rabbiin biraa gara Ermiyaasii dhufe kana;
2
«Ka'ii gara mana nama faara dhawuu dhaqi; achitti ergaa kiyya sitti himaa»
3
Anillee ka'ee hennaa achi dhaqu inni gabatee dhaga'aa ka boolla adda addaa qabu keessatti ka faara dhawu arge;
4
ka meeshaan faaraa inni dhawu sun isa harkatti badee deebi'ee meeshaa biraa hennaa hojjatu arge.
5
Hennaa san Rabbi akkana naan jedhe,
6
«Banii Israa'elii! akkuma namni faara dhawu meeshaa ufii dhawu san akka ufii fedhetti dhawu ani waan barbaade isin irratti godhuu hin danda'uu? akkuma meeshaan faaraa nama isa dhawu harka jiru isinillee na harka jirtan.
7
Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si buqqisa yookaan caccabsee si balleessa› jedhee dubbadhe;
8
Baniin sun gaabbee yoo ka hammeenna ufii irraa deebi'u ta'e waan hamaa isaanitti fida jedhee yaade san isaan irratti hin raawwadhu.
9
Ani banii tokko yookaan mootummaa hennaa ‹si dhaaba yookaan si ijaara› jedhuun,
10
baniin sun ka naa hin ajajamnee fi ka hammeenna ufii irraa hin deebine yoo ta'e waan mishaa isaanii godhu'uuf yaade san isaanii hin raawwadhu.
11
Kanaafuu ani isaan adabu'uu fi waan hamaa isaan irratti raawwachuu akka danda'u banii Yihuuda'aatii fi banii Israa'eliititti himi; akka cubbuu hojjachuu dhiisan, jireenna ufiitii fi hujii ufii akka jijjiiran isaan gorsi.
12
Isaan garuu ‹maaf waan kana goona? siri'ii waan dura karoorfanne maraa caalaa worra morkatuu fi worra didu ta'uu hin dandeenna› jedhanii sii deebisan.»
13
Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Banii akkanaa kana keessatti yoo dhagayamee jiraate mee gaafadhaa'a; baniin Israa'elii ka fooyame waan hamaa nama jibbisiisu hojjataniiran.
14
Gaarran Libaanosii hennaan barada'aan hin uwwifamne hin jiraa? burqaawwan bisaan qabbanaayaan gaarran kana irraa gad yaa'u gogee beekaa?
15
Baniin kiyya na dhiiseera; waaqolee tolfamaa duwwa'aaf hixaana aarsan; waaqoleen tolfamaan kunniinillee akka isaan karaa hin beenneen deeman isaan godhaniiran; gufatanii karaa duraan deeman san dhiisaniiran.
16
Lafti isaanii baraa haga bara baraa gammoojjii mammaakaa taati; worri ladda isi'ii lufan maruu balda'aa mataa ufii raasan.
17
Akkuma qilleensi baya biiftu'uu daaraa bittinneessu; Ani banii kiyya diintota isaanii afo'otti isaan bittinneessa; Ani fuula kiyya isaan irraa gara galfadhee dudda kiyya isaanitti kenna; hennaa badiin isaanitti galte ani sirima isaan hin gargaaru.»
18
Banii keessaa namoonni gari gariin, «Koottaa Ermiyaasiin irratti mura murannaa! gadoota seera Rabbii barsiisan, worra ogeeyyii nama gorsanii fi raattota hennaa maraa ergaa Rabbii himan hin argannaa; kanaafuu ammaa achi waan Ermiyaasii dhagayuu dinnee dubbima inni dubbatuun isa qabnee dubbima isaatiin isa haa himannuu» woliin jedhan.
19
Kanaafuu ani akkana jedhee kadhadhe, «Yaa Rabbi! kadhaa kiyya naa dhagayi; waan hamaa diintonni tiyya na irratti dubbatan dhagayi.
20
Eeganaa gatiin hujii misha'aa waan hamaa godhu'uu? ani akka ati isaaniin hin lolle isaanii fi si jidduu dhaabadhee si kadhadhe qaabadhu; isaan garuu boolla ani itti kufu naa qotan.
21
Waandhana! amma ijoolleen isaanii akka beelaan dhuman, isaanillee akka woraana irratti kufan godhi; dubartoonni isaanii abbaa worraatii fi ijoollee hin argatin; dhiirti isaanii dhukkubaan, ka'imman isaaniillee woraanaan haa dhumanii.
22
Dimmaa worra isaan miidhu isaanitti ergi; manni isaanii mana booyaa haa ta'u; isaan boolla ani itti kufu naa qotaniiran; qolaa naan qaban na jalatti darbaniiran.
23
Waandhana! mura isaan na ajjeesu'uuf dharaan natti muratan ati hin beetta; kanaafuu yakka isaanii isaanii hin dhiisin; cubbuu isaaniillee isaanii hin araaramin; isaan si afo'otti akka mooyatamanii fi lola kee gudda'aan akka badan godhi.»
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52