bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 31
Jeremiah 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 32 →
1
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani gosa Israa'elii maraaf Waaqa ta'uu fi hennaan isaanillee banii kiyya ta'an hin dhufa.
2
Hennaa Israa'el hara baafatu'uuf gara kiyya dhufe worri lafa onaa keessatti woraana irraa hafan ana Rabbii isaanii irraa araara argatan.
3
Ani fago'otti isaanitti mudhadhe; banii Israa'elii ani baraa haga bara baraa isin jaaladhe; arjummaan kiyya ka bara baraa isinii ta'a.
4
Isin Israa'el banii kiyya! ani deebisee isin ijaara; isinillee hin ijaaramtan; ati deebitee dibbee qabattee worra gammadan woliin gammada'aa sirbita.
5
Ati deebiftee tulloota Samaariya'aa irratti biqiltuu woyini'ii dhaabda; daraaraa isaa worra hojjatee itti dadhabetu nyaata.
6
Worri woyinii gaara Efreemii irra taa'anii eegan hennaan ‹koottaa'a gara Tsiyoonii Rabbi Waandhi keenna jiruu dhandhaa› jedhan hin dhufa»
7
Rabbi akkana jedha, «Waan Israa'elii banii maraa caaltuutiif gammachu'uun faarfadhaa'a; ‹Rabbi banii ufii hambiseera; worra biyya Israa'elii keessatti hafan maraa ka ufii taasifateera› jedha'aa faaruu galataa faarfadhaa'a
8
«Ani gara kaabaatii isaan fida; daangaa lafaatiillee wolitti isaan qaba; balloonni, worri hokkolan, dubartoonni ulfaatii fi dubartoonni ciniinsifatan maruu isaan woliin dhufan; banii guddaa ta'anii gara biyya ufii deebi'an.
9
Baniin kiyya hennaa ani gara biyya isaanii isaan masakku waan guddisanii gammadaniif booya'aa Waaqa kadhata'aa deebi'an; karaa tolee isaan hin gufachiifneen gara burqaa bisaan misha'aa isaan fida; ani Israa'elii abba'a; Efreem ilma kiyya ka hangafaati.»
10
Rabbi akkana jedha, «Isin baniin! na dhagayaa'a; dubbii kiyya biyya fago'ottillee labsaa'a; ani banii kiyya bittinneessee ture; amma garuu wolitti isaan qaba; akkuma tisseen horii ufii tissu anillee isaan tissa.
11
Ani banii Israa'elii bilisa baaseera; ani mootii jabaa harkaa baasee isaan oolcheera.
12
Kanaafuu isaan deebi'anii gaara Tsiyoonii irratti gammachu'uun faarsan; isaan midhaan, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa, eebba hoola'aatii fi horii gaafaa maraa ka ani isaanii kennuun gammadan; akka hulee biqiltu'uu ka bisaan gayaa argatee ta'an; isaan ammaa achi hin gaddan.
13
Durbi isaanii gammadanii sirban; ka'immanii fi jaarsonni isaaniillee hin gammadan; ani isaan jajjabeessa; booyicha isaanii gara gammachu'uu, gadda isaanii gara gammadanii burraaqu'uutitti jijjiira.
14
Gadoota eebba lafaatiin isaan quubsa; ani banii kiyyaa arjummaa kiyya baay'isa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
15
Rabbi akkana jedha, «Laagaan booyaatii fi ka mararo'oo Raamaa keessatti dhagayame; Raahel ijoollee ufiitii bootti; ijoolleen isi'ii waan lubbu'uun hin jirreef obsuu dadhabde.
16
Isin boowuu dhiisa'aa imimmaan uf irraa haqaa'a; wonti isin ijoollee teessanii gootan maruu gatii malee hin hafu; isaan biyya diinaatii deebi'anii dhufan.
17
Ijoolleen teessan waan gara biyya ufii deebi'anii dhufaniif, duranaa abdii qabdan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
18
«Baniin Israa'elii gaddaan hennaa ‹Rabbii keenna nu akka mirgoo hin leenjinee turre; ati garuu ajajamuu nu barsiifte; Ati Waaqa keenna waan taateef, amma gara kee gara Waaqa keennaa nu deebisi nullee hin deebinaa;
19
yoma si irraa fagaannee deemneellee jiraanne amma kunoo aagii galleerra; nu saalfannee, gaabbinee gad uf qabnee laphee keenna tumna; cubbuu hennaa ka'imumma'aa hojjanne maraaf uf ajiifanna› jedhan dhagaye.
20
«Israa'el! isin ijoollee tiyya ta ani jaaladhu; ani waa maraa caalaa isin jaaladhaa mii? ani isinii araaramu'uuf ufitti isin dhiyeessuu barbaada; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
21
Isin ufiif karaa irra deemtanitti malkata godhaa'a; utubaa hedduu ka karaa isinitti akeeku dhaabadhaa'a; karaa guddaa irra deemtan xiinxalla'aa laalaa'a; isin Israa'el banii kiyya! gara qachoota teessan tanaa dacha'aa'a.
22
Isin baniin amantii dhidhu'uu, haga yoomii mamtan? ani Rabbi lafa irratti waan haarawa uumeera; innillee dubartiin dhiira irraa waa dhooggiti; Ani waan haarawa addaa uumeera» jedha.
23
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Hennaa ani banii gara biyya isaanii deebise biyya Yihuuda'aatii fi qachoota isi'ii ‹ati gaarattiin woyyittiin ta dhugaan keessa bultu Rabbi si haa eebbisu› jedhan.
24
‹Biyyi Yihuuda'aatii fi qachoonni isi'ii maruu ka baniin keessa jiraatu ta'an; worri qonnaan bulu ka lafa qotuu fi worri horii tissu achi keessatti argaman.
25
Worra dadhaban maraa akka hunni isaanii haarawoomu taasisa; worra beelayanii dadhaban nyaachisee isaan quubsa.
26
Kanaafuu hennaa san baniin hennaa rafnee hirribaa dammandhu haarawoomne› jedhan.
27
Ani Rabbi hennaan biyya Israa'eliitii fi Yihuuda'aa bani'ii fi busaawa'aan guutu hin dhufa.
28
Ani akkuma isaan buqqisee diigu'uuf, garagalchee balleessu'uuf, isaan barbadeessu'uufillee hordofa'aa ture; akkasuma deebisee isaan dhaabee ijaaru'uuf isaan hordofa.
29
Bara san ‹daraaraan woyini'ii dhangaggaayaan abboonni nyaatan ilkaan ijoolle'ee diilallaaye› jedha'aa mammaakan hin hafa.
30
Kun ta'uun hafee namni daraaraa woyini'ii dhangaggaayaa nyaatu akka ilkaan isaa diilallaayu taasisa; namni maruu cubbuma ufii hojjatuun du'a.»
31
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa.
32
Waadaan kun akka waadaa hennaa biyya Misiriitii harka isaanii qabee isaan baasu isaan woliin galeetii miti; Ani yoma Waaqa isaanii ta'ellee isaan waadaa ani isaanii kenne waan hin eenneef ani lash isaanitti jedhe.
33
Waadaan ani ammaa achi banii Israa'elii woliin galu kana; seera kiyya garaa isaanii keessa kaaya; onnee isaanii keessattillee hin barreessa; ani Waaqa isaanii ta'a; isaanillee banii kiyya ta'an.
34
Armaan maayessa namni Rabbiin beeki jedhee goshoo ufii yookaan obboleessa ufii barsiisu hin jiraatu; namni diqqa'aa haga gudda'aallee na beekan; ani yakka isaanii isaanii dhiisa; cubbuu isaaniillee isaanitti hin laakkayu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
35
Rabbiin akka aduun guyya'aan ifu godhu, ka jiininii fi urjiin akka halkaniin ifan seera isaanii baase, ka galaanni akka dambaliin raasu sosochoosu akkana jedha; maqaan isaa Waaqa banii maraati.
36
Seerri uumamaa maruu eega dhaabatee jiraate inni abdii Israa'el banii taatee akka jiraattu mudhisu kenna.
37
Rabbi sababaa yakka baniin isaa Israa'el hojjateef isaan gata jedhuun ka danda'amu yoo badhinni sami'ii bikkamee, bu'uurri ardi'ii maruu qoratamee beekkame calla'a; Rabbi waan kana dubbate.
38
Rabbi akkana jedha, «Hennaan dallawa dhaga'aa ka irra taa'anii eegan ka Hanaani'eeliitii jalqabee haga qaccee balbala dallawaa Yerusaalem qachaa tiyya taatee ijaaramtu hin dhufa.
39
Daangaan dallawa sanii qaccee balbalaatii ka'ee gara tulluu Gaareebii dhaqee gara Go'aa naannaya.
40
Dhoondhi waan du'ee fi daaraa itti gatan gara baya biiftu'uutii haga karra seensa fardaa ka Rabbii woyyoome ta'a; qachattiin sirima deebitee hin diiggamtulle'e.»
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52