bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 23
Jeremiah 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 24 →
1
Rabbi akkana jedha, «Bulchoota banii Rabbii diiganii fi bittinneessanii hobbaas!»
2
Rabbi Waandhi Israa'elii worra bulchootaa waan worra banii bulchanii akkana jedha, «Isin banii kiyya akka misha'atti eega'aa hin jirtan; eeguu caalaa isaan ariitanii bittinneessitan; kanaafuu ani hammeenna hojjattan kana maraaf isin adaba.
3
Banii kiyya ka hafe biyya itti isaan bittinneesse maraa keessaa wolitti qabee gara biyya itti dhalatanii isaan deebisa; isaan waan ijoollee hedduu uumataniif laakkobsi isaanii eda'a'aa deema.
4
Ani bulchota isaan eegan isaanii muuda; baniin kiyya ammaa achi soda'aa fi naasuu malee jiraatan, ani deebi'ee isaan hin adabu; yookaan isaan keessaa namni tokkollee hin dhidhatu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
5
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani fiixaa Daawitii keessaa nama balchaa filee mootii taasisu hin dhufa; mootiin sun ogumma'aan bulcha, biyya maraa irratti waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa godha.
6
Inni hennaa mooye baniin biyya Yihuuda'aa nagaya argata; baniin Israa'eliillee nagayaan jiraata; inni ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamee waamama.
7
«Hennaan namoonni ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa.
8
Bikka san maqaa ani Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya gara kaabaatii fi biyya isaan itti faca'an ka gara garaa keessaa wolitti isaan qabeetiin kakatan; achiin maayessa biyya ufii keessa jiraatan.»
9
Ani hennaa waan raattota sobaa yaadu onneen kiyya gaddaan miidhama; lafeewwan kiyyallee hin hollatan; sababaa dubbii Rabbii woyyu'uutiin ani akka nama daadhii woyini'ii dhugee machaayee gatantaruu ta'eera.
10
Lafa irra seebartoota Rabbiin dhiisantu guuteera; raattonni hunna ufii seera malee fayyadaman; karaa hammeennaa hordofan; biyyi waan Rabbi lafa abaareef hin bootti; raasaan horiin dheedullee gogeera.
11
Rabbi akkana jedha, «Jireenni hafuuraa ka raattotaatii fi ka gadootaa badeera; waan biraa dhiisii mana woyyuu keessattuu waan hamaa hojjatan.
12
Kanaafuu karaan isaanii akka lafa mucucaatuu ta'eera; hennaa dukkanaan deeman karaa ufii dogoggoranii kufan; guyyaa isaan adabu ani waan hamaa isaanitti fida; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
13
Hujii nama jibbisiisu ka worri Samaariya'aa hojjatan argeera; isaan maqaa waaqa tolfamaa ba'aalitii raaga raaga'aa banii kiyya Israa'eliin dogoggorsan.
14
Raattonni Yerusaalemiin keessa jiranillee waan hamaa kana caalu hennaa hujan argeera; isaan hin seebaran; soballee hin dubbatan; hujii hama'aaf namoota kakkaasan; sababa kanaaf baniin hujii hamaa ufii irraa hin deebine; kanaafuu isaan na biratti akka banii Soodomiitii fi banii Gamora'aa hammeeyyi'i.
15
«Eeganaa ani Rabbi Gooftaan banii maraa wonti ani waan raattota Yerusaalemii jedhu kana; ‹isaan waan hafuura waakki'ii biyyattii maraa keessa facaasaniif, akka isaan baala hadhaayaa nyaatanii fi summii dhugan taasisa.› »
16
Rabbi Gooftaan banii maraa banii Yerusaalemiitiin «Waan raattonni isiniin jedhan hin dhagayinaa'a; isaan abdii sobaatiin isin guutanii wonti isaan isinitti himan waan yaada ufiitiin eebjotan malee dubbii ani isaanitti himee miti.
17
Isaan banii dubbii kiyya dhagawuu hin barbaanneen ‹hin sodaatinaa'a; nagaya argattanii› isaaniin jedhan; worra morkatu maraa, ‹hin sodaatinaa'a, rakkinni tokkollee si irra hin gawuu› jedhaniin.
18
Isaan keessaa namni gumii Rabbii afoo dhaabatee ka dubbii isaa dhagayee fi ka dubbii kana xiyyeeffatee ajajame eennu?
19
Ati hennaa lolli Rabbii mataa worra hammeeyyi'ii irratti akka dambalii dhawuutii fi akka bubbee jaba'aa bu'u laali.
20
Rabbi waan karoorfate haga fiixaan baasuuf lolli isaa hin dhaabatu, baniin maruu durana waan kana hin hubatan jedhaniin.
21
Rabbi akkana jedha, «Isaan fedhuma ufiitiin ariifatanii deeman malee ani raattota tana hin ergine; ani dubbii raagaa woyiituu isaanitti hin himne; isaan garuu maqaa kiyyaan raagan;
22
isaan uduu gumii kiyya afoo dhaabatanii jiraatanii silaa dubbii kiyya bani'itti labsanii akka isaan karaa dabaa ufiitii fi hujii hammeenna ufii dhiisanii gara kiyya deebisan ture.»
23
Rabbi akkana jedha, «Ani Waaqa dhiyo'oo calla'aa? Waaqa fago'ootiillee mitii?
24
Ani ka sami'ii fi ardii guutee mitii? namni yoo hulee hin mudhannettillee dhokate ani hin arguu?
25
Ani waan sobaa ka raattonni sobaa dubbatan dhagaye; ‹ani eebjuu eebjodheera; eebjuu eebjodheera› jedha'aa wocan.
26
Raattonni sunniin raaga sobaa ka ufumaa sammuu ufii keessatti akka uumamu taasisaniin haga yoomii banii kiyya dogoggorsan?
27
Akkuma abboonni isaanii maqaa kiyya irraanfatanii waaqa tolfamaa ba'aaliin waaqeffatan isaanillee akkasuma eebjuu eebjotan yoo wolitti himan waan baniin kiyya maqaa kiyya dagatu isaanitti fakkaata.
28
Raattichi eebjuu eebjote yoo jiraate woma eebjote san callaa haa dubbatuu; raattichi dubbii kiyya dhagaye garuu dubbima dhagaye san amanamumma'aan haa dubbatuu; buraan qamadii woliin tokkummaa maal qaba?
29
Dubbiin kiyya akka ibiddaatii fi akka burussaa dhagaa caccabsuuti.
30
Raattichi tokko dubbii raattichi biraa dubbate hata'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedha'aa dubbatan hin jibba.
31
Akkasuma raattota ufumaa yaada ufii keessaa burqisiisa'aa ‹kun dubbii Rabbiiti› jedhan hin morma.
32
Isin waan ani Rabbi isiniin jedhu dhagayaa'a! ani raattota dubbii sobaatiin makame dubbatan hin jibba; eebjuu kana dubbata'aa dhaaduu sobaa ka uf jaju'uutiin banii kiyya karaa dhuga'aatii baasan; ani isaan hin ergine, naa dhaqaa'a isaaniin hin jenne; wonti isaan bani'ii godhan hin jiru; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
33
Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! raaga yookaan gadichi yookaan banii kiyya keessaa namni tokko yoo ‹Ba'aan Rabbi nu irra kaawu maali'i?› jedhanii si gaafatan, ‹Ba'aan Rabbii isin waan taataniif uf afo'oo isin balleessa› jedhii isaanitti himi.
34
Raanni, gadichi yookaan banii keessaa namni tokko ‹wonti kun ba'aa Rabbi nu irra kaaye› jedhee yoo dubbate isaa fi maatii isaallee hin adaba.
35
Bikka san namni maruu ‹deebiin Rabbi deebise maali'i? wonti Rabbi dubbatellee maali'i?› jedha'aa jaalalloo ufiitii fi fira ufii gaafatuu isa barbaachisa.
36
Ba'aa Rabbiititu nu irra jira jettanii sirima hin dubbatinaa'a; dubbiin Rabbii attamitti ba'aa namatti ta'a? isin garuu dubbii Rabbii jiraataa Gooftaa banii maraa dabsitan.
37
Ermiyaas! ati raattichaan ‹Rabbi deebii maal sii deebise? maal sitti dubbate› jedhii gaafadhu.
38
Garuu isaan keessaa ajaja kiyya diiganii ‹Ba'aan Rabbii nu irra jira› jedha'a yoo ka dubbatan ta'e, isin ‹ba'aa Rabbiititu nu irra jira hin jedhinaa'a› jedhee yoo isaanitti ergellee isaan ba'aa Rabbiititu nu irra jira waan jedhaniif.
39
Ani ufumaa isin, isaan waan isaaniitii fi qachoota abboota isaanii ta duriitii kenne akka ba'a'aatitti baadhee uf irraa isaan gatu isaanitti himi.
40
Ani isaan irratti qaani'ii fi salphinna baraa haga bara baraa hin irraanfatamne isaanitti fida.»
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52