bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 33
Jeremiah 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 34 →
1
Uduma ani kutaa worra balbala eeganii ka mana mootumma'aa keessatti hidhamee jiru dubbiin Rabbii deebi'ee gara kiyya dhufe.
2
Rabbiin lafa midhaassee uumee akka isiin itittee jiraattu taasise natti dubbate; maqaan isaa Rabbii Goofta'a;
3
Inni akkana naan jedhe, «Na waamadhu ani sii deebisaa, waan gugurdaa armaan dura argitee hin beennee fi ka eennullee qoree bira gayuu hin dandeenne sitti mudhisaa.
4
Waan marfamtee lolaan miidhamtuuf manniin Yerusaalemiitii fi manniin mootummaa Yihuuda'aa hin diiggaman;
5
Sababaa isaan banii keessaa worra Baabiloonii woliin wol woraananiif waan hammeenna isaaniitiif hennaa ani fuula kiyya qachattii san irraa deebifadhe lolaa fi balaa kiyyaan du'an; reeffi isaanii manniin isaanii ol guuta.
6
Qachaa tanaa fi banii isii keessa jiraatan garuu deebi'ee fayyisa; nageenni isaanii guutuu ta'a; ani hulee marattuu nagayaa fi jireenna dhuga'aa isaanii baay'isa.
7
Worra booji'ame ka Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii hin deebisa; akkuma duraan jiraata'aa turan sanitti isaan ijaara.
8
Cubbuu isaan seera kiyya diigu'uun hojjatan maraa irraa isaan qulqulleessa; ani cubbuu isaaniitii fi hujii didda'aan raawwatan maraa isaanii dhiisa.
9
Waan mishaa ani Yerusaalemii godhu maraa baniin hennaa dhagaye waan guddinna kiyyaatiif ulfinnaa fi galata naa galchan; hennaa ani banii Yerusaalemiitii waan mishaa godhuu fi qabeenna ani qachatti'ii kennuuf mishummaa ani isaanii godhuun worri ormaa maruu hennaa dhagayan sodaatanii hollatan.»
10
Rabbi akkana naan jedhe, «Ermiyaas! ‹lafti tun ona namnii fi busaawaan keessa hin jiraanne› jettee dubbatte henna'aaf sirri'i; qachoonni Yihuuda'aatii fi karaan hedduu ka Yerusaalemii ona namni kamuu yookaan busaawaan keessaa hin mudhanne; guyyaa tokko garuu hulee kana keessatti laagaa gammachu'uutii fi ka usheexxu'uutitu dhagayama.
11
Hulee kanatti lagaan usheexxu'uu, ka gammachu'uutii fi laagaan sirbaa deebi'ee dhagayama; worra hulee itti booji'amanii deebi'anii qabeenna isaan duraan qaban waan isaanii deebisuuf hennaa isaan ciincaa galataa naa dhiyeessu'uuf gara mana woyyuu kiyyaa dhufan, ‹Rabbii Gooftaa banii maraa galatoonfadhaa'a; inni waan arjaa ta'eef jaalalli isaallee ka baraa haga bara baraa waan ta'eef› jedha'aa laagaa gudda'aan faarfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
12
Waandhi banii maraa akkana jedha, «Lafa onaa ka namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taate tana keessatti deebi'ee hulee tisseen hoolota ufii itti yaafattu ta'a.
13
Tisseen biyya gaaraa, tulloota jalaa fi qachoota Yihuuda'aa ka gara kibbaatiin jiran, bulchiinsa kutaa Biiniyaamii, gandoota naannaya Yerusaalemii jiranii fi qachoota baadiyya'aa ka Yihuuda'aa maraa keessatti deebi'anii hoolota ufii laakkayatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
14
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aatiif waadaa abdi'ii isaanii gale raawwadhu dhiyaateera.
15
Ani hennaa san mootii balchaa fiixaa Daawitii keessaa fila; mootichi sun biyyattii keessatti waan balchaa godha; murtii dhuga'aallee hin murteessa.
16
Baniin Yihuuda'aatii fi baniin Yerusaalemii diina jalaa bayanii nagayaan jiraatan; qachattiin ‹Rabbi balchummaa keenna› jedhamtee waamamti.
17
Mootiin Israa'eliin irratti mooyu fiixaa Daawitii keessaa sirima akka hin dhabamne ani Rabbi dubbadheera.
18
Akkasuma gadoonni ciincaa ciincawu, ciincaa midhaaniitii fi ciincaa biraa naa dhiyeessa'aa na tajaajilan gosa Leewwi'ii keessaa sirima hin dhabamu.»
19
Rabbi akkana naan jedhe,
20
«Waadaan ani Daawitii tajaajilaa kiyyaa ilma teessoo isaa dhaalu isaa kennu'uuf gale hennaan waadaan worra Leewwotaa ka na tajaajilaniif galee guyya'aa fi halkan itti diiggamu murteesse akka dhufu seera isaanii kenne yoo namni diiguu danda'u isin keessa jiraate,
22
Kanaafuu ani fiixaa tajaajilaa kiyya Daawitii fi laakkobsa gadoota gosa Leewwi'ii hin baay'isa; baay'inni laakkobsa isaanii akka xidhacha galaana keessaatii fi akka urjii sami'ii ta'a.»
23
Rabbi akkana naan jedhe,
24
«Baniin kunniin ‹mootota lamaan Rabbi filate dhiisaniiran› jedha'aa banii kiyya tuffata'aa akka bani'iititti akka isaan hin beenne ati hin hubannee?»
25
Rabbi ammallee akkana jedhe, «Ani waadaa seera halkanii fi guyya'aa ka ardi'iitii fi ka sami'ii ka hin jijjiiramne kennee ka hin ijaarre yoo ta'e,
26
fiixaa Yaaqoobiitii fi tajaajilaa kiyya ka Daawitii dhiiseera jechu'u; kana jechuun ani mootii fiixaa Abrahaamii, ka Yisaaqii fi Yaaqoobiin irratti mooyu tajaajilaa kiyya Daawitii nama tokkollee hin moosifneef jechu'u; ani isaanii araarama; waan isaan jalaa booji'amellee isaanii deebisa.»
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52