bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 34
Jeremiah 34
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 35 →
1
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi loltoonni isaa mootota bulchiinsa isaa jala jiranii fi bani'iin gargaarama'aa Yerusaalemii fi qachoota naannaya isi'ii jirtu irratti hennaa balaa lolaa irratti buusu Rabbi akkana jedhee natti dubbate.
2
Rabbi Waandhi Israa'elii gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa dhaqee akka, Ani «Rabbi qachattii tana mootii Baabilooniitii kenna; inni ibiddaan isii guba.
3
Atillee jalaa bayuu hin dandeettu si booji'anii isaa si kennan; ati dhaxxee isa afoo dhaabatta; innillee si dubbisa; achiin maayessa gara Baabiloonii deemta.
4
Sedeqiyaas waan ani waan kee dubbadhu dhagayi; ati lola keessatti hin duutu.
5
Ati nagayaan hara baafatta; abboonni tee ta durii ka siin dura mootii ta'anii turan hennaa du'an baniin ulfinna isaaniitiif akkuma ibidda isaanii bobeessa'aa turan; siifillee akkasuma ibidda bobeessan; ‹Ee bada mootii keenna› jedha'aa sii booyan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee himu na ajaje.
6
Hennaa ani dubbii raagaa kana Yerusaalemitti Sedeqiyaasitti hime;
7
Loltoonni mootii Baabiloonii Yerusaalem achillee darbee qachoota dhokatan ta Laakishii fi Azeeqaa jedhaman ta Yihuudaa keessatti dhokatanii hafan irratti balaa buusa'aa turan.
8
Sedeqiyaas bilisummaa garbumma'aa labsu'uuf banii Yerusaalemii woliin wol gayee haga wolii galaniin maayessa dubbiin Rabbii gara ana Ermiyaasii dhufe.
9
Dubbiin kun worri Ibrootaa garboota ufii maraa dhiiraa fi intala bilisa baasu'uuf ture; isaan namni tokkollee isaan keessatti Israa'elii gosa isaanii keessaa akka garbichi hin jiraanne murteessan.
10
Baniinii fi bulchoonni isaanii maruu garboota ufii akkanumaan bilisa gad dhiisu'uu fi deebi'anii akka garboota hin taasifne wolii galan; wolii galtee kanaan isaan maraa akkanumaan gad dhiisan.
11
Haga diqqoo turanii yaadaa ufii jijjiiratanii akka isaan garbumma'aan jiraatan deebi'anii giddisiisuu jalqaban.
12
Kanaan maayessa dubbiin Rabbii gara Ermiyaasii dhufe;
13
Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani hennaa abboota teessan ta durii biyya Misirii mana garbumma'aatii bilisa isaan baase ani isaan woliin akkana jedhee waadaa gale.
14
Akkaatama waadaa isaanii gale saniitiin worri Ibrootaa ka isaan garboota jedhan maraa haga isaan woggaa jahaa tajaajilaniin maayessa woggaa torbeesso'ootitti akka bilisaan gad isaan dhiisan ajaje; abboonni teessan ta durii garuu naa ajajamuu dhiisii dubbii kiyyaa dhagayuu hin barbaanne.
15
Isinillee guyyaa hago'oon dura gaabbitanii waan na gammachiisu hojjachuu jalqabdanii turtan isin maruu garbicha gosa Israa'elii ta'e akkanumaan gad dhiisu'uuf wolii galtan; mana woyyumma'aa ka ani keessatti waaqeffamutti wolitti qabamtanii na afo'otti waadaa galtan.
16
Garuu yaada keessan jijjiirtanii waan maqaa kiyya arrabsiisu hojjattan isin maruu akkuma fedha keessanii akkanumaan bilisa gad dhiiftan; worra akkanumaan bilisa gad dhiiftan deebitanii garboonfattanii isaan bulchuu jalqabdan.
17
Kunoo ani Rabbi wonti isiniin jedhu kana ‹Isin naa hin ajajmne, worra Israa'elii gosa keessan ta'anii bilisummaa hin kennine› kanaafuu ani akka isin lolaan, beelaa fi bala'aan duutan isin dhiisa; waan isin irra gayu maraan akka baniin adunyaa irra jiru maruu rifatu taasisa.
18
Isin hennaa garboota teessan akkanumaan gad dhiisu'uuf waadaa galtan jibicha tokko goorraatanii bakka lama gootanii jidduu luftaniirtan; garuu isin waadaa sanii fi waadaa ani Israa'eliin woliin galellee diiddaniirtan; kanaafuu akkuma isin jibicha san gootan anillee isin irratti raawwadha.
19
Ani worra Yihuudotaatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii worra baallii qaban ka mootumma'aa, gadootaa fi banii biyyattii san keessa jiran worra jibicha goorra'amee qalame jidduu lufan maraa,
20
diintota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti isaan kenna; reeffa isaanii maraa allaattii samii irra bararuu fi bineensa lafa irraatitu nyaata.
21
«Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi ajajaa ajajoota woraanaa maraa diintota isaanii ka isaan balleessu'uuf ta'anitti dabarsee isaan kenna; ani ka dabarsee itti isin kennu loltoota Baabiloonii ka balaa isin irratti buusu'uuf jabaatanitti.
22
«Ani ajaja kenna; isaanillee gara qachattii tanaa deebi'anii balaa buusanii qabatanii isii guban; qachoota Yihuudaa keessatti argaman maraa ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.
← Chapter 33
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 35 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52