bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 51
Jeremiah 51
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 52 →
1
Rabbi akkana jedha, «Ani bubbee guddaa Baabiloonii fi banii isi'ii balleessu isaanitti kaasa;
2
Ani diintota alaa ka akka midhaanii isii gingilchuu fi ka lafa isi'ii balleessu gara Baabiloonii erga; isaan hennaan isiin itti baddu yoo gaye hulee maraayyuu balaa isi'itti buusan.
3
Haga loltoonni isi'ii eboo ufii midhaaffatanii fi haga isaan uffata lolaa uffatanii hennaa hin kennina'aaf; ka'imman isaaniitiifillee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a; loltoota isi'ii maraa balleessaa'a.
4
Loltoonni isaanii karaa qachoota isaanii maraa irratti madaayanii du'an.
5
Yoma lafti isaanii ana woyyuu isaanii afo'ottillee yakka qabaatte ani Gooftaan banii maraa Waandhi isaanii Israa'elii fi Yihuudaa hin irraanfadhu.
6
Baabilooniin keessaa dheessaa'a! lubbuu teessan oolfatu'uufillee miliqa'aa jalaa bayaa'a; isin sababaa Baabiloon cubbuu hojjatteef isin duwwamatti hin dhuminaa'a! hennaan kun hennaa ani adabbii isii barbaachisu isi'ii kennu.
7
Baniin adunya'aa maruu haga isii harkaa dhugee machaayutti isiin harka kiyyatti akka ciicoo worqii irraa hojjatameeti; baniin ormaa maruu daadhii woyini'ii isi'ii dhuganii machaayan
8
Baabiloon waan dimmaa kuftee cabdeef isi'ii booyaa'a; maal laataa yoo ka madaan isi'ii fayyuu danda'uu qoricha madaa isi'ii dibattu barbaadaa'a.
9
Namoonni alaa ka isii keessa jiraatan akkana jedhan, «Nu'u Baabilooniin fayyisu'uuf badanne, isiin garuu fayyuu hin dandeenne; murtiin isi'itti murtaaye haga duumessaa ka ol fagaatee fi achii olillee haga sami'ii waan ol fagaateef marti keennaa isii dhiifnee gara biyya keennaa haa deemnuu.› »
10
Worri Israa'elii akkana woliin jedhan, «Rabbi waan murtii qajeelaa nuu murteesseef koottaa'a! gara Yerusaalemii deemnee waan Rabbi Waandhi keenna godhe maraa himnaa.»
11
Kaayoon Rabbii waan mana woyyuu'uuf haluu bayuu ta'eef Baabilooniin balleessu'uuf mootota Meedoonii kaaseera; kanaafuu eboo keessan qaradhaa'a! wontee keessanillee kaasaa'a!
12
Malkata Baabilooniin irratti balaa buusaa'a jedhu mudhisaa'a! midhaassa'aa eegaa'a! worra gaadan qopheessaa'a! worra dhokatanii lolanillee qopheessaa'a, wonti waan kana gootaniif waan Rabbi banii Baabiloonii irratti karoorfatee fi waan dubbate waan raawwatuuf.
13
Ati Baabiloonii dureettii laga gugurdaa ladda jirtu! barri murti'ii ka ati itti baddu gayeera.
14
Waandhi banii maraa loltoota akka awwaannisaa baay'atan Baabilooniin irratti akka fidu maqaa ufiitiin kakateera; loltoonni sunniinillee mooyatanii geerraran.
15
Rabbi hunna ufiitiin ardii; ogummaa ufiitiin adunyaa uume; beekkumsa ufiitiinillee samiiwwan diriirse;
16
Bisaan samii irra jiru ajaja isaatiin raafama; inni daangaa lafaatii duumessa fida; rooba keessa akka bakakkaan bu'u taasisa; qilleensi hulee wolitti qabameeruu akka bubbisu taasisa.
17
Namoonni maruu gowwa'aa fi ka womaa hin beenne ta'an; fakiin isaan hojjatan ka nama saalfachiisuu fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif; ogeessi sibiila bassu waaqolee tolfamaa ufii hojjatetti saalfateera.
18
Waaqoleen tolfamaan kunniin ka bu'aa hin qabnee fi meeshaa itti baldan; hennaa Rabbi murti'iif dhufu lafa irraa diiggaman.
19
Waandhi Yaaqoobii garuu akka isaaniitii miti; Inni uumaa waa maraati; banii Israa'elii akka worra isaa ta'an filateera; maqaan isaa Rabbii Gooftaa banii maraati.
20
Rabbi akkana jedha, «Baabiloon! ati burrisaa fi meeshaa kiyya ka woraanaa turte; ani banii maraa siin fixe.
21
Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanii gulufan, konkolaataa fardaatii fi worra konkolaataa fardaa yaabbatan siin caccabse.
22
Ani si'iin dhiiraa fi dubartii, jaarsaa fi dargaggeessa worra dhiiraatii fi ijoollee intalaa caccabse.
23
Tisse'ee fi gobbuu, qonnaan bula'aa fi sangoolee isaanii ta qonnaa, worra bulchuu fi worra gugurdaa baallii qaban balleessu'uuf meeshaa woraanaa si taasifadheera.»
24
Rabbi akkana jedha, «Isin hujii hamaa worri Baabilooniitii fi baniin isi'ii Yerusaalemiin irratti hojjatan yoo ani haluu isaan bayu hin argitan.
25
Baabiloon! ati ta gaara ardii maraa balleessitu! ani si morma! ani harka kiyya sitti badhisee afaan qile'ee irraa darbee si gangalchee akka gaara gubatee si taasisa.
26
Dhagaan bu'uura ijaarsaatiif ta'u si keessatti hin argamu; ati baraa haga bara baraa ona taata; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
27
«Isin malkata akka balaa dhufu mudhisu kennaa'a; akka baniin maruu dhagayuu danda'anitti xurumbaa afuufaa'a! akka Baabilooniin woraanan banii qopheessaa'a; mootonni Araaraatii, Miniiniitii fi Asheeknaazii akka balaa buusan itti himaa'a; nama loltoota bulchu muudaa'a, faradoo akka tuuta awwaannisaa baay'atan fidaa'a.
28
Akka Baabilooniin lolan banii qopheessa'aatii gara mootota Meedoonii, gara bulchoota isaaniitii fi gara ajajoota loltoota isaanii akkasuma gara biyya loltoota isaan tooyatanii maraa dhaamsa ergaa'a.
29
Sababaa Rabbi Baabiloon ona namni keessa hin jirre godhu'uuf yaade maraa hennaan itti raawwatu waan gayeef biyyi maruu nayanii hollatan.
30
Loltoonni Baabiloonii lola dhiisanii kushee ufii keessa taa'an, onneen gootumma'aa isaan keessaa badee akka intalaa ta'an; loosaan karra dallawa qachatti'ii caccabeera; manniin ibiddaan gubataniiran.
31
Qachaan mootii Baabiloonii daanga'aa haga daanga'aa akka qabamte isatti himu'uuf namni fiigicha fiigu tokko nama biraa ka fiigutti, namni dhaamsa geessu tokko nama biraa ka dhaamsa geessutti ergaa himu'uuf fiigan.
32
Loltoonni diinaa karaa laga ceeyaniin qabatanii hulee eeddoonni eeganiin gube; loltoonni Baabiloonii sodaatanii hollatan.
33
Baabiloon akka oobdii midhaan itti dhayanii taati; diintonni isi'ii banii isi'ii akka horii midhaan ayyiiduutitti isaan ayyiida; ani Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa waan kana dubbadheera.»
34
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin saamee isii bulleessee akka meeshaa womaa hin qabnee isii taasise; inni akka jawwe'eetitti banii isi'ii liqimse; waan mimmishaa fudhatee ka hafe garuu akka midhaan nyaatanii lafatti hafee gatanii isaan gate.
35
Kanaafuu baniin qachaa Tsiyoonii, «rakkinni nu irra gaye Baabilooniin irrallee haa gayu!» jedhan; Baniin Yerusaalemiillee «Akkuma dhiinni keenna jige, dhiinni worra Baabilooniillee haa jigu!» jedhan.
36
Kanaafuu Rabbi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Ani isin gargaara; worra Baabiloonii garuu haluu isinii baya; burqaan bisaaniitii fi lanni worra Baabiloonii maruu akka gogan taasisa.
37
Biyyi sun tuulaa waan diiggameetii fi ta jeedalti keessa burraaxxu taati; ta laalchaafillee nama jibbisiiftu taati; eennullee isii keessa hin jiraatu; worri isii argu maruu isi'itti baldan.
38
Worri Baabiloonii maruu akka leencaa aadan, akka leenca darmi'iillee hin gururi'an.
39
Hennaa isaanitti tole waan dhugan isaan affeera, haga machaayanitti isaan obaasa; achiin maayessa baraa haga bara baraa rafan; yoomiinillee hirribaa hin dammaqan.
40
Rabbi akkana jedha, «Akka korbeeyyii hoolotaatii fi akka korbeeyyii re'iinii ta gara hulee itti qalamanii oofanii isaan taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
41
Rabbi akkana jedha, «Qachaan Baabiloonii attamitti marfamte! ta adunyaan maruu isi'iin dhaadatu attamitti qabamte! Baabiloon attamitti ta banii naasiftu taate!
42
Diintonni Baabiloonii akka dambalii garbaa bayanii qachattii irra gara galan.
43
Qachoonni ona bisaan keessa hin jirree fi ta eennullee keessa jiraachuu yookaan keessa lufuu hin dandeenne ta'aniiran.
44
Waaqa tolfamaa ‹Beel› jedhamu ka Baabiloonii hin adaba; meeshaa hatamellee harkaa buusisiisa; ammaa achi baniin isaa hin sagadan; dalloofni Baabiloonii jigeera.
45
«Banii kiyya! achi keessaa dheessa'aa bayaa'a! lola kiyya ka nama sodaachisu jalaa bayu'uuf dheessaa'a!
46
Oduu gungummi'ii dhageettanii sodaattanii naatanii hin qabbanaayinaa'a; wogga wogga'aan oduun gungummi'ii hin dhagayama; oduun gungummii didda'aa biyyattii keessatti mootiin tokko mootii biraa akka dhayu hin dhagayama.
47
Kanaafuu hennaan ani waaqa tolfamaa Baabiloonii itti balleessu hin dhufa; biyyattiin maruu hin salphatti; ijoolleen isi'ii maruu isii keessatti du'anii dhuman.
48
Baabiloon hennaa worri isii balleessu ka gara kaabaatii dhufe jalatti kufte; duulli ardi'ii fi samii irra jiran maruu gammada'aa ililfatan.
49
Baabiloon sababaa dhuma adunya'aa taate; isiin sababaa dhuma worra Israa'elii waan taateef Baabiloon kufuu isii barbaachisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.
50
Rabbi banii Baabilooniin keessa jiraniin akkana jedha, «Isin baniin kiyya ka du'a irraa haftan! uduu hin turre deemaa'a! biyya fago'oo keessa taa'a'aa ana Rabbiin qaabadhaa'a! Yerusaalemiin onnee teessan keessatti yaadaa'a!
51
‹Nu'u waan arrabamneef hin saalfanne hulee woyyittii mana woyyuu Rabbii keessa namoonni ormaa waan seenaniif salphannee mataa keenna gad qabanneerra› jedhaa'a.
52
Wonti ani Rabbi jedhu kana; hennaan ani waaqolee tolfamaa Baabiloonii irratti murteessuu fi hennaan worri madaayan ka biyyattii keessa jiraatan laagaa rakkinnaa dhageessisan hin dhufa.
53
Yoma Baabiloon gara sami'ii ol baatee kushee ufii jabeeffattellee ka isii diigee balleessu hin erga; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
54
Rabbi akkana jedha, «Baabilooniin keessaa laagaa iyyansaa, biyya Kalaadaawotaa keessaa laagaan badii gudda'aa hin dhagayama.
55
Loltoonni akka dambalii galaanaa fiigu dimmaa Baabilooniin irra gayee dhaadata'aa balaa itti buusa; ani akka kanaan isii balleessee isii cadhisiisa.
56
Worri waa balleessan Baabilooniin irratti waan duulaniif loltoonni isi'ii hin booji'aman; buundheen isaaniillee hin caccabe; ani Waaqa nama maraafuu akka gatii hujii isaatitti kennuuf waan ta'eef haguma Baabiloon badii ufii hojjatteetiin gatii isi'ii kenna.
57
Ani abboota isi'ii ka murti'ii, ogeeyyii isi'ii, bulchoota isi'ii, ajajoota loltootaatii fi loltoota isi'ii akka dhuganii machaayan taasisa; achiin maayessa hin rafan; baraa haga bara baraa hirribaa hin dammaqan; ka waan kana dubbate ana mooti'i; maqaan kiyyallee Waaqa banii maraati.
58
Dalloofni Baabiloonii badhaan kufee lafa ta'a; dalloofni isi'ii ka ol dheeressanii ijaaran ibiddaan gubatan; dadhabbiin banii isi'ii duwwaa ta'a; wonti baniin itti dadhabe maruu ibiddaan gubata; ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.»
59
Sarayaan ilmi Neeriyaa ilma ilma Ma'iseeya'aa tajaajilaa mooticha Sedeqiyaasii ture; Sedeqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Sarayaan isa woliin gara Baabiloonii dhaqe; ani Ermiyaas hennaa san seera kenneef.
60
Badii Baabilooniin irra gayu akkasuma dubbii waan isi'iitiif dubbatame kitaaba irratti barreesse.
61
Ani Saraya'aan «Ati akkuma Baabilooniin geetteen waan kitaaba kana keessatti barreeffame maraa laagaa kee ol qabadhuutii bani'ii dubbisi.
62
Achiin maayessa ‹Yaa Gooftaa'a! ati akka hulee kana balleessitu dubbatteerta; kanaafuu wonti lubbuu qabu ka sosocho'u maruu isii keessa hin jiraatan, waan namninii fi busaawaanillee dhumuuf baraa haga bara baraa ona taati› jedhi.
63
Sarayaa'a! kitaaba kana haga bani'ii dubbiftee fixxeen maayessa kitaaba kana dhaga'atti hidhii laga Efraaxisiititti gati.
64
Akkasuma Baabiloonillee sababaa Rabbi badii isi'itti fiduun kuftee hafti; deebitee ka'uu hin dandeettu› jedhi» jedheen. Dubbiin Ermiyaas dubbate as irratti dhumate.
← Chapter 50
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 52 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52