bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 50
Jeremiah 50
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 49
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 51 →
1
Dubbiin Rabbi karaa raatticha Ermiyaasiitiin waan Baabilooniitii fi waan banii isi'ii dubbate kana;
2
«Banii ormaa maratti labsi'iin oduu himaa'a! malkata ol fuudha'aa oduu beessisaa'a! akka waan dhossa'aatitti hin qabatinaa'a! kunoo Baabiloon qabamtee waandhi tolfamaan Beel jedhamu akka saalfatu taasifameera; waandhi tolfamaan isi'ii ka ‹Maarduk› jedhamu caccabeera; waandhi tolfamaan Baabiloonii maruu saalfataniiran; fakiin isi'ii ka nama jibbisiisu caccabeera.
3
Baniin Baabilooniin irratti balaa buusee ona isii taasisu gara kaabaatii isii irratti ka'eera; sa'aa namnillee isii gatanii dheessanii waan baqataniif ka isii keessa jiraatu hin argamu.»
4
Rabbi akkana jedha, «Hennaa barrinii fi guyyaan gaye baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa tokko ta'anii ana Waaqa isaanii soqa'aa booya'aa dhufan;
5
Isaan karaa gara Tsiyoonii geessu gaafata'aa karaa qabatanii deeman; baraa haga bara baraa waadaa na woliin galan sirima hin diigan.
6
«Baniin kiyya akka hoolota baddee ta'aniiran; worri isaan bulchan isaan dogoggorsee akka isaa gaara irratti tarara badanii raantayan godhaniiran; akka hoolota gaara irraa gara tullootaa dhama'anii hulee bulan wollaalan.
7
Akkuma hoolonni nyaata bineensaa ta'an, akkasuma ka isaan arge maruu balaa isaanitti buusa; diintonni isaanii ‹nu bee womaa hin yakkinee, wonti badiin kun maruu isaan irra gayeef sababaa Waaqa abboonni isaanii ta durii abdii godhata'aa turanitti waan ka'aniif; silaa isaaniillee akkuma abboota isaanii ta durii amanamtoota ta'anii jiraachuu isaan barbaachisa ture.›
8
«Isin banii Israa'elii! Baabilooniin keessaa dheessa'aa bayaa'a! biyyattii gad dhiisa'aa deemaa'a! akkuma korbeessa re'e'ee ka re'iin afoo deemuu ta'aa'a!
9
Ani banii tokkummaa qabu gara Baabiloonii akka duulan kakkaasa; isii irratti balaa buusanii isii qabatan; eboon isaanii akka eboo loltoota leenji'anii waan itti alaaman san woraananiiti.
10
Baabiloon hin saamamti; worri isii saamullee haga isaan gayutti waan argan maraa guuratan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.
11
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Baabiloonii! isin banii kiyya saamtanii gammada'aa burraaqa'aa turtaniirtan; akka raada raasaa keessa burraaxxuu taatanii akka farda sanga'aa himimsitan.
12
Amma garuu qachattiin teessan guddoon hin mulliti; biyyi teessan haadhoon salphattee mootota maraa gad taati; lafa onaa ka bisaan keessa hin jirre taati.
13
Sababaa aarii kiyyaatiif namni Baabilooniin keessa jiraatu hin jiru; diiggamtee hafti; ka isii bira lufu maruu nayee maalalfata.
14
Isin worri eboo darbattan isii woraanu'uuf naannaya isi'ii marsaa'a; ana Rabbiin afo'otti waan cubbuu hojjatteef eboo keessan maraanuu Baabilooniin darbadhaa'a; eboon teessan garaa isin hin nyaatin
15
Qachattii irra naannaya'aa geerrara'aa dhaadadhaa'a! kunoo dalloofni isi'ii diiggamnaan Baabiloon harka kennatte; dalloofni isi'ii jigeera; ani worra Baabiloonii haluu bayaa isinillee haluu bayaa'a; gara jabeenna isaan kaawwan irratti raawwatan isinillee isii irratti raawwadhaa'a.
16
Ka facaasuu fi ka midhaan wolitti qabatu Baabilooniin keessaa balleessaa'a; namni biyya san keessa jiraatu maruu namni maruu loltoota biyya biraa ka balaa isaanitti buusu sodaata'aa gara gosa ufiitii fi biyya ufiititti dheessanii galan.»
17
Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii akkuma hoolota leenci ari'ee bittinneessuu ta'aniiran; akkuma jalqaba bineensi waan ari'ee qabe maraa cicciree nyaatu akkasuma mootiin Aasoorii isaan fixe; achiin maayessa akkuma leenci lafee caccabsu akkasuma mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor isaan caccabse.
18
Kanaafuu ani Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkuma mootii mootota Aasoorii adabe akkasuma Nabukadanatsoorii fi biyya isaallee hin adaba.
19
Banii Israa'eliillee gara biyya isaanii deebisa; isaan waan gaara Qarmeloosiitii fi waan godina Baasaanii keessatti biqilu maraa nyaatan; midhaan Efreemii fi biyya Gala'aadii keessatti biqilu irraallee haga barbaadan nyaatan.
20
Ani hennaa san ani waan namoota mootota Israa'eliitii fi Yihuuda'aa jalaa hambisee araaramuuf cubbuunii fi yakki isaan irratti hin argamu.»
21
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Miraataayimiitii fi Faqoodii irratti balaa buusa'aa ajjeesa'aa isaan fixaa'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
22
Biyyattii irratti laagaan lolaa dhagayameera; badiin guddaanillee isii irra gayeera.
23
Baabilooniin banii adunya'aa burussa'aan bulleessa'aa turte amma isiinuu bulloofteerti; wonti biyyattii san irra gaye attamitti banii naasise?
24
Baabiloon! ati siiboo ufii qopheessiteen uduu hin qaabanne qabamte, wonti qabamtee ifatti mudhatteef waan Rabbiin uggiteef,
25
Rabbi mana meeshaan woraanaa keessa taa'u banee meeshaa ufii ka woraanaa baase; wonti inni waan kana godheef Rabbi Waandhi banii maraa biyya Kaladaawotaa keessatti waan hojjatu waan qabuuf.
26
Hulee maraayyuu isi'itti duula'aatii gootaraa midhaan itti galchaniiran maraa banaa'a; boojuu isaanii akka midhaaniititti tuulaa'a; biyyattii keessatti uduu womaa hin hafne balleessaa'a!
27
Loltoota isaanii akka korma oofanii hulee itti qalan fidanii qalaniititti fuudha'aa isaan ajjeesaa'a; hennaan isaan itti adabaman waan gayeef banii Baabilooniitii hobbaas!
28
«Worri Baabiloonii ka booji'amee fi worri Baabilooniin keessatti baqatanii gara Yerusaalemii dhufan; isin laagaa Rabbi Waandhi keenna worra Baabiloonii haluu bayu caqasaa'a.»
29
Rabbi akkana jedha, «Worra eboo darbachuu danda'an akka Baabiloonitti duulan waamaa'a; isaan qachattii haa marsanii; eennullee akka miliqee hin baane eegaa'a; gatii hujii hammeenna isi'iillee kenna'aaf; dhara isiin kaawwan irratti raawwattellee isii irratti raawwadhaa'a; isiin woyyuu Israa'elii uggiteerti.
30
Kanaafuu ka'imtoota isi'ii karaa qachatti'ii irratti ajjeesan hennaa san loltoonni isi'ii maruu hin dhuman; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
31
«Ati Baabiloonii uf jajju! ani Rabbi Gooftaan banii maraa waan hennaan si adabu gayeeruuf sitti ka'a.
32
Ati ta uf jajju gufattee waan kuftuuf ka qabee lafaa si kaasu hin jiru; ani qachoota tee waan ibiddaan gubuuf wonti naannaya kee jiru maruu hin barbadaaya» jedha.
33
Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa hucuucamaniiran; worri booji'ee isaan fudhate maruu jabeessanii waan isaan qabaniiraniif gad isaan dhiisuu hin barbaanne.
34
Garuu ka isaan oolchu jaba'a; maqaan isaa Waaqa banii maraati; inni ufumaa isaan gargaara; lafa irratti nagaya isaanii kenna; inni banii Baabiloonii irratti eda'ee rakkinna isaanitti fida.»
35
Rabbi akkana jedha, «Baabiloon banii isi'ii bulchoota isi'iitii fi ogeeyyii isi'ii maraa irratti guraadee keessan luqqifadhaa'a!
36
Akka mortuuwwan isaanii gowwooman akka loltoonni isaaniillee sodaatanii hollatan, guraadee keessan isaanitti luqqifadhaa'a!
37
Faradoo isaanii, konkolaataa fardaa isaaniitii fi loltoota dallaya isaanii eegan irratti guraadee keessan luqqifadhaa'a! isaan akka dubartootaa haa ta'anii; worra dureeyyii irratti guraadee keessan luqqifadha'aatii qabeenna isaanii saamaa'a!
38
Baabilooniin keessa waandhi tolfamaan nama jibbisiisuu fi ka nama maraachu waan guuteeruuf lanni isi'ii maruu haa goguu.
39
Kanaafuu bineensi bosonaa, jeedallanii fi guchiiwwan woliin Baabilooniin keessa jiraatan akkasuma yoomillee dhalootaa haga dhalootaa ka namni keessa jiraatu hin taatu.
40
Akkuma hennaa ani Soodomii fi Gomoraa qachoota naannaya isi'ii jiran woliin balleesse ta'e san akkasuma eennullee Baabilooniin keessa quphatee jiraatuu hin danda'u; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
41
Kunoo baniin gara kaabaatii dhufa'aara, daangaa lafaatii baniin guddaanii fi mootonni hedduu socho'a'aa,
42
ebo'oo fi woraana ufii qabataniiran; isaan gar jabeeyyii araara hin qabne; hirphi faradoo isaan yaabbatanii akka galaana dambaliin dhayuuti; Baabiloon! isaan balaa sitti buusu'uuf akka namoota duulaaf deemaniititti gara kee dhufa'aaran.
43
Mootiin Baabiloonii yoo oduu kana dhagaye harki isaa laamshayee rarra'ee hafa; akka dubartii ciniinsifattuu hucuucama.
44
«Akkuma leenca bosona jaamaa qarqara laga Yoordaanosii keessaa bayee gara lafa lalisa'aa deemuu akkasuma ani Rabbi dimmaa dhaqee worra Baabiloonii akka qachattii keessaa ari'aman taasisa; achiin maayessa ani nama ufii filadhe moosisa; eeganaa ka akka kiyyaa eennu ree? ka uggee waa na gaafatu eennu? bulchaan na jala dhaabatu eennu?
45
Amma isin waan Rabbi worra Baabiloonii irratti mari'atee fi waan biyya Kalaadaawotaa irratti karoorfate dhagayaa'a; ijoollee isaanii akka ilmoolee hoolotaatitti harkisa'aa isaan fudhatan; sababaa isaaniitiif huleen isaan jiraatan ona ta'a.
46
Oduun akka Baabiloon qabamte hennaa dhagayame biyyi hin raafamti; iyyansi isi'iillee banii maraa keessatti dhagayama» jedha.
← Chapter 49
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 51 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52