bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 27
Jeremiah 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 28 →
1
Haga Sedeqiyaas ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooye yoma san Rabbi akkana naan jedhe,
2
«Qambara bocii ilmoolee qambaraatitti teepha godhii lum'atti godhadhu.
3
Karaa worra dhaamsa geessan ka gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraatuu dhufanii gara Edoomii, Moo'aabii, Amoonii akkasuma gara Xiroosiitii fi gara mootota Siidoona'aa dhaamsa erge.
4
Worri dhaamsa gooftota ufiitii geessan kunniin dhaamsa kiyya ka ana Waaqa Israa'elii Gooftaa banii maraa akka geessan isaanitti himi!
5
Ani hunna kiyya gudda'aa fi jabeenna kiyyaan adunya'aa fi fiixaa ilma namaa akkasuma busaawaa lafa irra jiraatu maraa uume; namni adunyaa bulchu eennuun akka ta'e hin murteesse.
6
Baniin kun maruu baallii hojjataa kiyya ka Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii jalatti akka bulan ka taasise ana; busaawaan lafa irraa uduu hin hafne isa jalatti bulan.
7
Baniin maruu isaa hojjata akkasuma haga guyyaa baniin isaa kufu gawutti isaan, ilma isaatii fi ilma ilma isaa jalattillee hin bulan.
8
Garuu baniin kamuu yookaan mootiin isa hin tajaajilu, isa jalattillee hin bulu yoo jedhe, Nabukadanatsoor akka balleessuuf waan eeyyameefiif ani akka isaan lola, beelaa fi gad qabamanii adabaman taasisa.
9
Isin worra raattotaa, worra moru, worra asmaa hojjatan, yookaan worra ekeraa dubbisanii fi worra eebjuu eebjota'aa waan uf afoo ta'u hin beenna jedhan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan maruu isin gorsaniif akka isin mootii Baabiloonii jalatti hin bulleef.
10
Raanni isaan isinii raagan raaga sobaati; isin biyya dhalattan keessaa gara biyya fago'oo fudhatamtan waan ani isin ari'uuf hin baddan.
11
Baniin garuu baallii mootii Baabiloonii jala buluu fi isa tajaajilu biyyuma ufii keessa taa'ee akka lafa ufii qotatu godha; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
12
Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatitti akkana jedhee dubbima kana dubbadhe, «Ati yoo mootii Baabiloonii gabbarte, isaa fi banii isaallee yoo tajaajilte, lubbu'uun jiraachuu hin dandeetta.
13
Maaf atii fi baniin kee lola, beelaa fi bala'aan dhumtan? balaan Rabbi banii mootii Baabiloonii jalatti hin bulle irra gaya;
14
Dubbii raattonni mootii Baabiloonii jalatti hin bulinaa'a jedha'aa isinitti himan hin dhagayinaa'a; isaan raaga sobaa dubbatan.
15
Rabbi akka inni ufii isaan hin erginee fi ka isaan maqaa isaatiin dubbatan maruu akka soba ta'e inninuu isinitti himeera; kanaafuu inni isin ari'a; isinii fi raattonni soba kana dubbattan maruu hin baddan.»
16
Kanaan maayessa Rabbi gadootaa fi bani'itti «Raattota meeshaan mana woyyu'uu maruu daddafee deebi'ee dhufa jedha'aa isinitti himan maraa hin dhagayinaa'a; wonti isaan dubbatan raaga sobaati.
17
Kanaafuu isin isaan dhagawuu dhiiftanii yoo mootii Baabiloonii jala bultan lubbu'uun jiraattan; qachaan tunillee maaf tuulaa waan diiggamee taatee hafti?
18
Isaan yoo raattota ta'anii fi dubbiin raagaa ka ani isaanitti hime isaan keessa jiraate isaan meeshaa hin fudhatamne ka mana woyyu'uu, mana mootummaa Yihuudotaatii fi ka Yerusaalemiin keessatti hafe maraa akka gara Baabiloonii hin fudhatamne akka godhu kadhata'aa ana Rabbii waa maraa danda'u haa gaafatanii.
19
Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemii mootii Yihuuda'aatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii woliin hennaa booji'ee gara Baabiloonii fide meeshaa, utubaawwan hedduu, gandaa bisaan itti kuufamu ka sibiila diimaa irraa hojjatame, meeshaa sibiilaa ka waa irra kaayanii fi ka mana woyyuu keessa jiran ka biraallee Yerusaalemiin keessatti dhiisee deemee ture.
21
Isin dubbii ana Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'elii waan meeshaa Yerusaalemii, mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa keessatti hafan maraaf dubbadhu dhagayaa'a.
22
Haga ani yaada kiyya gara isaanii deebisuu meeshaan kunniin maruu gara Baabiloonii fidanii achi taa'a; achiin maayessa ani isaan deebisee gara hulee kanaa isaan fida; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee isaanitti hime.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52