bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 10
Jeremiah 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 11 →
1
Isin banii Israa'elii! dubbii Rabbi isinitti himu dhagayaa'a!
2
Rabbi akkana jedha, «Jireenna worra ormaa hin hordofinaa'a; worri ormaa yoomillee hennaa waan haarawa samii irratti argan sodaatanii hollachuun amala isaaniitii; isin garuu kanaan hin raafaminaa'a.
3
Waaqeffannaan aada'aa ka worra Yihuudota hin taanee duwwa'a; munni bosonaa murama; ogeessi ura'aan sambara itti baasa.
4
Meeti'ii fi worqi'iin bareechisan; akka irraa hin buune mismaari'iin wol qabsiisan.
5
Fakiin akkanaa kunniin akka fakii simbira gara garaatiin sodaachisu'uuf baasqulaa keessatti dhaabaniiti; dubbachu'uu fi deemuu waan hin dandeenneef namootatu isaan baadhata; miidha'aa fi faayidaallee waan hin qabneef isaan hin sodaatinaa'a»
6
Yaa Rabbi! ka si fakkaatu hin jiru; ati jaba'a; maqaan kee gudda'aa fi ka nama sodaachisu.
7
Ati mootii mootota maraa waan taateef mootota keessaa ka si hin sodaanne eennu? ogeeyyii worra ormaatii fi mootota isaanii jiddu'uttillee ka si fakkaatu waan hin jirreef ulfinni keeti.
8
Martinuu gowwootaa fi wollaaltota waan ta'aniif malee fakii muka irraa hojjatan irraa barumsa maal argatan?
9
Fakiin waaqa tolfamaa isaanii meetii tumame ka biyya Tarsesiitii dhufee fi worqii biyya Ufaaziitii argameen maxxanfameera; ogeeyyi'itu hojjatee midhaasse; uffata worri jirbii fooyan dhayaniin diimaa dhiilge'ee fi diimaa limmisa'aan uwwifameera.
10
Yaa Rabbi! ati garuu Waaqa dhuga'aati; ati Waandhi jiraataan mootii bara baraati; hennaa ati dheekkamtu adunyaa maratu raafama. mootonni biyya ormaa danda'anii dheekkamsa kee afoo hin dhaabatan.
11
«Waaqoleen tolfamaan akka ardi'ii fi samii hin uumnee fi akka ati Rabbi waaqolee tolfamaa maraa balleessitu itti himi» naan jette.
12
Rabbi hunna ufiitiin ardii uume; ogummaa ufiitiin adunyaa dhaabe; beekkumsa ufiitiin samiiwwan diriirse.
13
Ajaja isaatiin bisaan samiiwwan gubbaa jiru laagaa huuru'uu dhageessisan; Inni daangaa lafaatii duumessa fida; hennaa roobaa bakakkaa buusa; qilleensa hulee itti kuufamee gad dhiisa.
14
Isaan maruu gowwootaa fi worra beekkumsa hin qabne ta'an; fakiiwwan isaan hojjatan ka sobaatii fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif worri waaqa tolfamaa sanniin hojjatan maruu ufumaa itti saalfatan.
15
Waaqoleen tolfamaan kunniin ka gatii hin qabnee fi meeshaa itti baldan; Rabbi hennaa isaan adabu'uuf dhufu isaan hin badan.
16
Waandhi Yaaqoobii garuu akka isaaniitii miti; Inni uumaa waa maraati; Israa'el banii isaa akka ta'u filateera; maqaan isaa Rabbi Gooftaa banii maraati.
17
Isin banii qachaa Yerusaalemii ta marfamte keessa jiraattan! achi keessaa bayu'uuf daddafa'aa meeshaa keessan wolitti qabadhaa'a!
18
Rabbi akkana jedha, «Amma banii biyya tana keessa jiraatan hin yaasa; isaan hucuucee akka booji'aman isaan taasisa.»
19
Baniin Yerusaalemii iyya'aa «Nu guddifnee waan madoofneef nu hobbaas! madaan teenna ta hin fayyine; nu rakkoo kana maraa waan dandeennee obsinu seene.
20
Daaseewwan keenna diiggamaniiran; haanni isaaniin diriirsanillee cicciteera; ijoolleen teenna maruu baqatanii waan deemaniif, namni daaseewwan keenna deebisee nuu dhaabuu fi golgaawwan keenna deebisee nuu fannisu tokkollee biyyatti nuu hin hafne»
21
Anillee akkana jedhee deebise, «Bulchoonni teenna waan gowwoota ta'aniif Rabbiin gargaarsa hin gaafanne; sababaan kufanii fi wonti baniin keenna bittinnaayaniif kana.
22
Oduun badduun dhufteertii dhagayaa'a! mootummaan gara kaabaa qachoota biyya Yihuuda'aa diigee ona taasisee hulee jeedallan keessa jiraatan godhu'uuf raataya'aara.»
23
Yaa Rabbi! namni jireenna ufii irratti akka waa ajajuu hin dandeennee fi adeemsa ufiillee akka baallii ufiitiin tooyachuu hin dandeenne hin beeka.
24
Yaa Rabbi! ati murtii dhuga'aa waan murteessituuf nu gorsi; kun garuu nu akka hin banne hennaa dheekkamsa keetii hin ta'in.
25
Ati worra si hin beennee fi banii maqaa kee hin beenne irratti balaa kee buusi; isaan banii keenna fixaniiran; nu maraa balleessanii biyya teenna barbadeessaniiran.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52