bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 38
Jeremiah 38
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 39 →
1
Safaaxiyaan ilmi Maataanii, Gadaaliyaan ilmi Paashihuurii, Yoohakaal ilmi Shelemiya'aatii fi Paashihuur ilmi Malkiya'aa dubbii Rabbi natti dubbatee ani banii barsiise maraa dhagayan.
2
Dubbiin ani dubbadhe kana; «Worri qachattii keessatti hafan maruu lola, beela yookaan bala'aan dhuman namni gara Baabiloonii dhaqee harka kennatu garuu hin du'u; inni lubbuu ufii oolfatu'uuf dheessee jalaa baya.»
3
Dubbiin akka ani isaanitti himu deebi'ee Rabbi natti dubbate «Ani qachattii tana loltoota Baabilooniititti dabarsee kenna; isaan uf jala isii taasisan» jedha.
4
Kanaan maayessa bulchoonni ajajoota loltootaa gara mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin, «Namni kun du'uu barbaachisa inni dubbii akkanaa kana dubbata'aa akka loltoonni qachattii keessatti hafan waa hin uggine taasiseera; wonti inni qachattii keessatti namoota maraa irratti raawwatu kana; inni nama banii miidhu malee nama nama gargaaruu miti»
5
Mootichi Sedeqiyaas, «Inni harka keessan jira waan barbaaddan yoo isa irratti gootan ani isin dhooggee hin danda'u» jedhee isaanii deebise.
6
Kanaafuu isaan na qabanii boolla bisaanii ka Hilkiyaasii ilma mootichaa ka baya mana mootumma'aa afoo jiruu na fidanii haadaan na hidhanii boolla keessa na buusan; boolla keessa duduba malee bisaan hin jiru; achi keessatti dudubni na liqimse.
7
Wonti kun maruu ta'ee namni Abemelek jedhamu namni Itoophiya'aa ka mana mootumma'aa keessa tajaajilu akka boolla keessatti na gatan dhagaye; hennaa san mootichi balbala dallawa Biiniyaamii bira yaa'ii murti'iitiif taa'eera.
8
Kanaafuu Abemelek mooticha bira dhaqee akkana jedheen,
9
«Mootii'i! namoonni kunniin balleessaa guddaa raawwataniiran; isaan Ermiyaasiin boollatti gatan; qachattii keessa waan wonti nyaatan hin jirreef inni achitti beelaan du'aara»
10
Kanaan maayessa mootichi Abemelekii nama Itoophiya'aatiin «Nama soddomaa asii qabadhuu deemii Ermiyaas raattichi uduu hin duune boolla bisaanii keessaa baasaa'a» jedhee isa ajaje.
11
Kanaaf Abemelek namoota qabatee deemee mana mootumma'aa hulee meeshaan keessa taa'u seenee carqii yabbu'uu fi uffata moofaa argee haadaan hidhee gad naa buuse.
12
Akka haanni na hin miine akka carqii bobaa keessatti hidhadhu natti hime; anillee akkasuma godhe.
13
Isaan haaduma saniin boolla keessaa harkisanii na baasanii kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessatti argamu keessatti balbala natti cufan.
14
Mootichi Sedeqiyaas nama natti ergee na waamee balbala mana woyyu'uu ka sadeesso'oo biratti «Ani gaafii tokko si gaafadhaa womaa uduu na hin dhossine akka natti himtu barbaada» naan jedhe.
15
Anillee, «Yoo dhugaa sitti hime na ajjeeftuu? ani hennaa kamiinuu uduu si gorsee na dhagawuu hin barbaaddu» jedheen.
16
Kanaaf mootichi Sedeqiyaas «Ani si hin ajjeesu; worra si ajjeesanittillee dabarsee akka si hin kennine maqaa Rabbii jiraataa jireenna nuu kenneetiin sii kakadha!» jedhee dhossa'aan waadaa naa gale.
17
Kanaan maayessa waan Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan inni waan isaatiif naan jedhe maraa «Ati worra baallii qaban ka mootichi Baabiloonii ergetti yoo harka kennatte hin duutu; qachaan tunillee hin gubattu; atii fi maatiin kee maruu badii jalaa baatan.
18
Yoo harka isaanitti kennachuu baatte garuu qachattiin tun worra Baabilooniititti dabarfamtee kennamti; isaanillee isii guban; atillee dheessitee jalaa bayuu hin dandeettu» jedhee isatti hime.
19
Mootichi «Ani wonti sodaadhu namoota biyya keennaa ka nu gananii gara Baabiloonii galan yoo dabarsanii isaanitti na kennan isaan guddisanii na miidhan» jedhee naa deebise.
20
Anillee akkana jedheen, «jabaadhu! isaanitti dabarsanii si hin kennanii; akka dubbii Rabbii dhageettu si kadhadha; waan misha'atu sii ta'a; badii jalaa baata.
21
Yoo harka kennachuu didde garuu mudhata Rabbi natti mudhisetu jira.
22
Kunillee dubartoonni mana mootummaa Yihuudotaa keessatti hafan maruu hennaa gara worra baallii qabanii ka Baabiloonii geessu'uuf fuudhanii deemaniin akkana siin jedhan, ‹Goshoonni tee ta dhiyo'oo si dogoggorsaniiran; isaan si irratti mooyaniiran; amma garuu waan lutti tee duduba keessa seenteertuuf si gatanii deemaniiran› siin jedhan» jedheen.
23
Deebi'ee akkana jedheen, «Haawwota manaa teetii fi ijoollee tee maraa gara Baabiloonii fidan; sillee mootiin Baabiloonii qabee hidha; ati sirima isaan jalaa dheessitee hin baatu; qachattii tana ibiddaan gubanii ona taasisan.»
24
Sedeqiyaasi akkana jedhee deebise, «Ati akka hin duune waan woliin dubbanne kana eennullee akka hin beenne.
25
Worri baallii qaban waan woliin dubbanne kana yoo dhagayan dhufanii maal akka woliin dubbanne si gaafatan waan maraa yoo ati isaanitti himuu baatte si ajjeefna jedhanii si sodaachisan.
26
Kanaafuu ‹akka ani achitti hin duune deebitee gara mana Yoonaata'aa na hin deebisin› jedhee isa kadhata'aa ture» jedhii isaanitti himi.
27
Achiin maayessa worri baallii qaban dhufanii na gaafatan; anillee akkuma mootichi naan jedhe san isaanitti hime; anii fi mootichi hennaa woliin mari'annu eennullee waan hin dhageenneef gaafii gaafata'aaran dhaaban.
28
Anillee haga hennaa Yerusaalem qabamteetitti kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessa jiruu keessatti natti cufanii achuma ture.
← Chapter 37
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 39 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52