bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 42
Jeremiah 42
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 43 →
1
Bulchoonni loltootaa, Yohaanaan ilmi Qaareha'aa, Azaariyaas ilmi Hoshaaya'aatii fi baniin maruu diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya dhufanii ana Ermiyaasiin akkana jedhan,
2
«Yabo'oo waan nu si gaafannu nuu godhi! nu worra baqa irraa hafne maraafuu Rabbii Waaqa kee nuu kadhadhu! nu armaan dura heddu turre, amma garuu akkuma nu arga'aartu kana nu namoota hafeeru.
3
Kanaafuu Rabbi Waandhi kee karaa kam akka deemuu nu barbaachisuu fi maal akka godhuu nu barbaachisu akka nutti mudhisu nuu kadhadhu»
4
Anillee, «Misha'a; akkuma isin gaafattan Rabbii Waaqa keessan isinii kadhadha; waan inni natti mudhise maraa uduu waan tokkollee isin jalaa hin dhossine isinitti hima» jedhee isaanii deebise.
5
Kanaan maayessa isaan akkana naan jedhan, «Yoo ajaja Rabbi Waandhi kee karaa keetiin nu ajaje maraa raawwachuu dinnee dubbii isaatii ajajmuu dhabne inninuu ragaa amanamaa dhuga'aa nutti haa ta'u!
6
Mishaa ta'ee'e, ta'uu baateellee dubbii Rabbii Waaqa keennaatii hin ajajamna; wonti nu gara isaa si erginuuf yoo nu ajaja Rabbii Waaqa keennaa kabajjine wonti maruu nuu ta'a jenneeti»
7
Rabbi guyyaa kudhaniin maayessa natti dubbate;
8
Kanaafuu ani Yohaana'aa fi bulchoota loltootaa ka isa woliin jiran, banii maraa diqqa'aa haga gudda'aa gara kiyya akka dhufan ufitti waamee;
9
akkana isaaniin jedhe, «Rabbiin Waandhi Israa'elii ka isin akka ani kadhaa keessan itti isinii dhiyeessuuf na ergitan akkana jedha,
10
‹Uduu isin ka biyya kana keessa jiraattaniitii deebisee isin ijaara malee isin hin diigu, isin dhaaba malee isin hin buqqisu, badiin ani isinitti fide guddisee na gaddisiiseera.
11
Akka amma sodaata'aartan kana ammaa achi mootii Baabiloonii hin sodaatinaa'a; ani waan isin woliin jiruuf hunna isaa jalaa isin baasa.
12
Ani garaa isinii laafa; innillee akka garaa isinii laafee biyya teessanitti isin galchu taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.›
13
«Garuu yoo Rabbii Waaqa keessanii ajajamuu diddanii biyya tana keessa hin teennu jettan,
14
Akkasuma isin yoo ‹Gara biyya lolli hin jirree hulee meeshaan shaka shaka jedhu itti hin dhagayamneetii fi gara biyya Misirii ta beelli hin jirre dhandhee jiraanna› jettan,
15
Isin worri Yihuudaa keessatti haftan! waan Rabbi waan keessaniif dubbatu caqasaa'a; Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii ‹Yoo biyya Misirii dhaxxanii jiraachu'uuf murteeffattan;
16
Lolli isin sodaattan sun isin irra gaya; beelli isin sodaattanillee isin faana deema; biyya Misirii san keessatti duutan.
17
Worri dhaqanii biyya Misirii keessa jiraatu'uuf murteeffatan lola, yookaan beela yookaan bala'aan dhuman; isaan keessaa namni tokko hin hafu; balaa ani isaanitti fidu'uuf karoorfadhe jalaallee namni miliqee bayu hin jiru›
18
«Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Yoo biyya Misirii deemna jettanii murteeffattan akkuma armaan dura aari'ii fi lolli kiyya banii Yerusaalemii irratti bu'e akkasuma isin irrattillee hin bu'a; isin banii maraafuu worra adabbii hamaa nama sodaachisuun adabame taatan.› »
19
«Isin banii Yihuuda'aa worri baqa irraa haftan! hennaa isin gara Rabbii na ergitan waan inni nu ajaje maraa hin raawwannaa nutti himi jettanii dubbii hin raawwannee waadaa galtanii dogoggora guddaa hojjattaniirtan; ammallee Rabbi gara biyya Misirii hin deeminaa'a jedhee waan isin dhooggeef, anillee ajajuma kana adha akka sirrii ta'e ibsee isin seera.
21
Ani adha deebii isinitti hime, isin garuu dubbii Rabbi Waandhi keessan akka isinitti himuuf natti hime maraaf hin ajajamne.
22
Kanaafuu isin amma hulee dhaxxanii jiraachu'uuf taatanitti lola, beelaa fi bala'aan akka duutan beekaa'a.»
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52