bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 43
Jeremiah 43
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 44 →
1
Waan Rabbi Waandhi isaanii akka bani'itti himuuf na ajaje maraa isaanitti himee fixe;
2
Achiin maayessa Azaari ilmi Hoshaaya'aa Yohaanaa ilma Qareha'aatii fi namoonni uf jajan ka biraa maruu akkana jedhan, «Ati hin soba'aarta; Rabbi Waandhi keenna akka nu biyya Misirii dhandhee hin jiraanne akka nutti himtu sitti hin himne.
3
Akka worri Baabiloonii nu irratti baldanii fi yoo barbaadan akka nu ajjeesan yookaan booji'anii gara Baabiloonii akka nu fidan ka nutti kakkaase Baarookii ilma Neeriya'aati.»
4
Akka kanaan Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa maruu akkasuma gosa bani'ii keessaa eennullee biyya Yihuuda'aa keessa jiraachu'uuf ka ajaja Rabbii raawwate hin jiru.
5
Kanaan maayessa Yohaana'aa fi bulchoonni loltootaa worra Yihuudaa keessatti hafan maraa gara biyya Misirii fidan; kunillee haga armaan dura banii ormaa keessa bittinnaayanii jiraata'aa turaniin maayessa deebi'anii garuu banii gara biyya Yihuuda'aa deebi'anii turan jechuun,
6
Dhiiraa fi intala, daa'immanii fi haawwonni manaa mootichaallee uduu hin hafne fudhatan; Nabuzaardaan ajajaan loltoota Baabiloonii worra akka baallii Galaadiya'aa jala jiraataniif dhiise maraa akkasuma anaa fi Baarookiinillee fudhatan.
7
Ajaja Rabbii didanii gara biyya Misirii dhaqanii haga qachaa Xaafnaasii gayan.
8
Achitti Rabbi akkana naa jedhe,
9
«Dhagaa gugurdaa hagoo soxxee haga argiteen maayessa ijoollee Israa'elii keessaa namoonni hagoon uduu si laalan lafa balbala mana mootumma'aa afoo ka simmiintoo irraa hojjatame jalatti awwaali.
10
Achiin maayessa ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akka ani tajaajilaa kiyya Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii gara hulee kanaa fidee inni hulee ati dhagaa dhaabde kana irratti teessoo ufii kaayatee daasee mana mootumma'aallee akka dhaabatu isaanitti himi.
11
Nabukadanatsoor dhufee biyya Misirii mooyata; worri akka dhibe'een du'an isaanitti murtaaye dhibe'een du'an; worri akka booji'aman itti murtaaye hin booji'aman; worri lolaan akka du'an itti murtaaye lolaan du'an.
12
Manniin waaqolee tolfamaa biyya Misirii gubee waaqolee tolfamaa isaanii booji'a; akkuma tisseen kadhoo dachaa uffattu, biyya Misiriillee bulchiinsa ufii jalatti dachaa godhee uduu womaa hin miidhamne moote'een achii baya.
13
Inni soodduuwwan dhaga'aa ka biyya Misirii jedhamtu keessatti argamu hin diiga; waaqolee tolfamaa biyya Misiriitii fi manniin woyyuullee hin guba.»
← Chapter 42
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 44 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52