bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 46
Jeremiah 46
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 47 →
1
Rabbi biyya Misiriitii jalqabee waan mootota maraatiif ana Ermiyaasitti natti dubbate; Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti loltoota mootiin biyya Misirii Nikaa'u hulee Karkamish jedhamu ka laga Efraaxisii biratti duulchise akka Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii isaan mooyatu dubbiin Rabbi natti dubbate kana.
3
«Wontee keessan qopheeffadhaa'a; gara dirree lolaa deemaa'a;
4
Faradoo teessan lugaama'aa faanoo irra ejjadhaa'a, gulloo ulfinnaa godhadha'aa; woraana keessan midhaaffadhaa'a; uffata keessan ka lolaallee uffadhaa'a.
5
Garuu wonti ani arga'aaru kun maali'i? isaan sodaatanii uf irra dacha'aaran; loltoonni isaanii mooyatamaniiran; hulee maraanuu wonti nama sodaachisuu fi raafamni waan jiruuf uduu uf duuba gara galanii hin laalle gara afo'oo dheessan.
6
Garuu worri guddisanii fiiganuu dheessanii hin bayan; worri jajjabaanillee uf hambisuu hin danda'an; Efraaxisii gara kaabaatitti gufatanii kufan.
7
Ka akka laga abbaayii utaalu, ka akka bisaan guutee dhangala'uu kun eennu?
8
Ta akka laga Abbaayii kaatee fi lanni guuttee daangaa maraa irratti yaatu tun biyya Misiriiti; biyyi Misirii akkana jetteerti; ‹ani ka'ee adunyaa maraa woliin gaya; qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin balleessa.
9
Akka faradoon gara afo'oo deeman, konkolaataan fardaallee fiigicha nama sodaachisuun akka konkolaatan ajajaa'a; namoota Itoophiya'aa fi Liibiya'aa wontee ufii qabatanii dhufanii fi namoota jajjabaa eboo darbatan ka Liidiyaa keessaa dhufaniin wolitti loltoota jabaatanii leenji'an ergaa'a» jedha Rabbi.
10
Guyyaan kun guyyaa Rabbi Waandhi banii maraa filate; inni adha diintota ufii adabee haluu baya; guraadeen isaa namoota heddu fixa; dhiigaan maanxama; Rabbi Gooftaan banii maraa worra booji'aman ka gara kaabaa ka laga Efraaxisii biratti argaman ciincaa godha.
11
Ati biyya Misirii ta akka durbaatitti laallamtu! gara Gala'aadii deemi; qoricha dibatan soqi; qorichi kee maruu duwwa'a; wonti si fayyisu sirima hin jiru.
12
Baniin maruu salphinna kee dhagayaniiran; baniin adunya'aa maruu iyya kee dhagayaniiran; loltuun tokko loltuu biraa yoo gufachiise maruu wol qabatanii kufan.
13
Rabbi Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii gara biyya Misirii dhufee akka balaa buusu'uuf ta'u akkana jedhee natti dubbate;
14
«Qachoota biyya Misirii Megedoo, Meemfiisii fi Xaafnaasitti dubbii kana labsi; ‹uf irraa dhooggu'uuf qophaayaa'a; wonti naannaya keessan jiru maruu lolaan bada.
15
Waandhi tolfamaan Aphis jedhamu ka isin jaba'a jettan maaf kufe? waan Rabbi dhiibee isa kuffiseefii mii?
16
Worri isaan jala deeman gufatanii wol irratti kufan; isaan ‹guraadee diinaa jalaa dheessinee banii biyya keennaatitti akka makamuu dandeennu haa ariifannuu› woliin jedhan.
17
Mootii biyya Misirii maqaa haarawa ‹nama suuraa cadhisee odeessu ka hiree ufiititti hin fayyadamne› jedhuun waaman.
18
Mootiin maqaan isaa ‹Rabbii Gooftaa banii maraa› jedhamu akkana jedha, «Ani jiraata'a; akkuma gaarran jiddu'utti, Taaboor, qarqara galaanaatitti Qarmeloos ol jedhanii mudhatan akkasuma hunni isin irratti ol jedhee mudhatu hin dhufa.
19
Isin banii biyya Misirii, waan booji'amtanii deemtaniif, meeshaa keessan midhaaffadhaa'a; Meemfiis diiggamtee gammoojjii namni keessa hin jiraanne taati.
20
Biyyi Misirii akka raada qananiiteeti; isiin qarxaasaa nama nyaatu ka gara kaabaatii dhufuun qabamti.
21
Loltoonni isi'ii ta hori'iin qaxaraman akka mirgoolee qananiiteeti; isaan uf irra gara galanii dheessan; guyyaan murti'iitii fi badi'ii waan isaan irra gayeef, jabaatanii loluu hin danda'an.
22
Loltoonni diinaa hunnaan lola'aa hennaa dhiyaatan biyyi Misirii akka bofa xiixuu laagaa dhageessisa'aa dheessiti; akkuma namoonni bosona jaamaa ciran, akkasuma isaaniillee dhagara'aan balaa isaanitti buusan; baay'inni banii isaanii laakkobsaan irra hin gayamu; baay'inni loltoota isaanii tuuta awwaannisaa caala.
24
Banii biyya Misirii baniin biyya kaabaa waan mooyataniif isaan hin saalfatan; ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha» jedhee natti dubbate.
25
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani biyya Misirii waaqolee tolfamaa isi'iitii fi mootota isi'ii, Amoonii Waaqa Tebisii, mootii biyya Misiriitii fi worra isa hedatan maraa hin adaba.
26
Ani mootii Baabiloonii ka isaan ajjeesuu barbaaduu fi loltoota isaa maratti dabarsee isaan kenna; kun ta'ee haga diqqoo tureen maayii akkuma armaan dura ta'e, biyyi Misirii deebitee ta namni keessa jiraatu taati; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
27
Israa'el! ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa! hin sodaatinaa'a; abdiillee hin kutatinaa'a; ani isin biyya fago'oo fiixaa keessanillee biyya itti booji'amanii oolcha; isin ammallee eennullee uduu isin hin sodaachisin nagayaa fi gammachu'uun jiraattan.
28
Israa'el tajaajiltoota tiyya ani waan isin woliin jiruuf hin sodaatinaa'a! ani banii biyya isin keessa bittinnooftanii keessa jiraattan godhe maraa hin adaba; Ani sirima isin hin balleessu; isin qajeelchu'uuf garuu isin adaba; uduu isin hin adabne isin hin dhiisu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 47 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52