bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 9
Jeremiah 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 10 →
1
Ani banii kiyya ka dhumanii uduu halkanii fi guyyaa booyee, mataan kiyya akka boolla bisaanii, ijji tiyyallee uduu imimmaan burqisiiftee silaa attam natti tola!
2
Baniin kiyya worra hin amanamnee fi worra nama soban waan ta'aniif, isaan irraa fooyamee hulee bulti'ii ka worra karaa deemtu'uu argadhee lafa gammoojji'ii keessa uduu bulee silaa hin gammada!
3
Isaan hennaa maraa arraba ufiitiin worra soba dubbachu'uuf qophaayan; kanaaf sobni lafa irratti baay'ate. Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya cubbuu tokko irraa gara cubbuu biraa deeman; akka ani Waaqa ta'e beekanii na hin kabajjine.»
4
Namni maruu daba obboleessa ufii irraa uf haa eeguu; yoma obboleessa ufiillee ta'e hin amanin; ka obboleessa jedhan maruu akka Yaaqoobii sobaa ta'eera; ka jaalallo'o jedhan maruu hiriyyaa ufii maqaa balleessa.
5
Namni maruu hiriyyaa ufii gowwoomsu'uun dogoggorsa; ka dhugaa dubbatu hin jiru; arrabni isaanii soba dubbachuu akka baratan isaan taasiseera; cubbuu hojjachu'uuf uf dadhabsiisan.
6
Maaseta maaseta irratti, soba soba irratti eda'ata'aa jiraatan; Ani Waaqa isaanii akka ta'e hin beenne» jedha Rabbi.
7
Sababaa kanaaf Rabbi Gooftaan banii maraa, «Banii kiyya qulqulleessu'uuf akka sibiilaa bassee isaan qora, baniin kiyya hammeenna akkanaa kana waan raawwateef isaan adabuu malee waan biraa maal godha?
8
Arrabni isaanii hennaa maraa waan dhara dubbatuuf akka eboo bada'aatitti nama woraana; namni maruu jaalalloo ufii afaan jaalalaatiin qaassa, garuu dhossa'aan qolaa jala darba.
9
Eeganaa ani waan isaan kana maraa hojjataniif banii akkanaa kana adabee haluu bayuu na hin barbaachisuu? ka waan kana dubbate ana Rabbi»
10
Anillee akkana jedhe, «Gaarraniif hin gadda; waan lafa raasa'aatiifillee hin booya; waan maruu ona ta'ee wonti irra jiraatu hin jirreef, laagaan hori'ii lamuu hin dhagayamu; allaattiin samii irra bararanii fi busaawaan lafa irra jiraatan maruu dheessanii badaniiran.»
11
Rabbi akkana jedha, Yerusaalemiin diigee tuulaa kosi'ii godha; hulee jeedallan keessa fiiddu taati; qachoota biyya Yihuuda'aallee ona womaa keessa hin jiraanne taasisa.»
12
Ani akkana jedhe, «Wonti ardiin lafa onaa fi ka womaa keessa hin deemnee fi irra hin jiraanne taateef maali'i? namni ogeessi waan kana hubatu eennu? akka inni namoota biraatitti himu ka ati waa kana ibsiteef eennu?»
13
Rabbi akkana jedhee deebise, «Sababaan wonti kunniin maruu ta'eef waan baniin kiyya seera ani itti kenne dhiisaniif; isaan naa hin ajajamne waan ani isaanitti hime maraa hin raawwanne.
14
Waan kana godhuu irra morkatanii fakii waaqa tolfama'aatii akkaataa abboonni isaanii isaan barsiisaniin sagadan.
15
Kanaafuu ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii waan godhu isinitti hima; Ani banii kana wonti isaan nyaatan akka hadhaayu; bisaan isaan dhuganillee akka bisaan summiin keessa jiruu godha.
16
Isaanii fi abboota isaanii ta duriillee banii isaan hin beenne keessa bittinneessa; guraade'een isaan ari'ee isaan balleessa.»
17
Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Mee ammallee yaadadhaa'a; worra booyu hulee tokkotti wolitti qabaa'a; dubartoota faarsa'aa boochisanillee waamaa'a.»
18
Baniinillee akkana jedhan, «Haga imimmaan ija keessa nu maree jigee boqoo keenna irra yaa'utti, worri nama boochisan akka faarsa'aa boochisan dafa'aa isaanitti himaa'a»
19
Tsiyooniin keessatti laagaa «badu'uuf taanaa nu hobbaas! nu sirimaa salphanneerra! manniin keenna waan diiggamaniif nu biyya teenna gad dhiifnee badu'uuf taana jedha'aa booyan dhagayaa'a.
20
Anillee akkana jedhe, «Isin dubartoonni waan Rabbi jedhu caqasaa'a; dubbii isaallee qalbi'itti fudhatu'uuf qophaayaa'a; ijoollee teessan ta durbaa attamitti akka booyuu isaan barbaachisu isaan barsiisaa'a; akkaataa itti faarsa'aa boochisanillee goshoota teessan barsiisaa'a.
21
Duuti qaalawa mana keennaatiin nutti seenteerti; manniin mootota keennaa keessallee seenteerti; ijoollee karaa irratti; ka'immanillee bayima itti bayanitti qoomteerti.
22
Reeffi namaa akkuma fishaa gataniititti hulee marattuu bittinnaayeera; akkuma namni hennaa midhaan haamu qarmii jige deebi'ee hin guurree ta'eera; wonti Rabbi akka ani dubbadhu na ajaje kana.»
23
Rabbi akkana jedha, «Ogeessi ogummaa ufiitiin, namni jabaan jabeenna ufiitiin, dureessillee qabeenna ufiitiin hin dhaadatin.
24
Namni tokko yoo dhaadatuu barbaachise akka ani Waaqa ta'e lafa irratti araara, murtii qajeela'aa fi ka dhuga'aa ka kennu ana akka ta'e hubatee haa dhaadatuu; wonti na gammachiisu kana; ani Rabbi waan kana dubbadheera.
25
Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani worra maqamaaf gadooman adabu hin dhufa.
26
Baniin biyya Misirii, biyya Yihuuda'aa, biyya Eedoomii, biyya Amoonii, biyya Mo'aabiitii worra rifeensa kallacha ufii bita'aa fi mirgaa haadatan ka daangaa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan, akkasuma baniin Israa'eliillee worra gara'aan gadooman waan hin taaneef isaan maraa adabbima tokkoon isaan adaba.»
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52