bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 5
Jeremiah 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 6 →
1
Isin banii Yerusaalemii! «Mee karaa Yerusaalemii maraa irra naannaya'aa laalaa'a! mee yoo ka nama murtii qajeelaa kennuu fi ka dhugaa soqu argitanii raasaa keessa deema'aa soqaa'a! yoo wonti kun ta'e ani Yerusaalemii hin araarama.
2
Isin, ‹Rabbii jiraataa› jedha'aa maqaa kiyyaan kakattan; garuu sobaan kakattan.
3
Yaa Rabbi! ijji tee dhugaa argitii mii? ati isaan adabde, isaan garuu womattuu hin laakkofne; ati isaan butuchite; isaan garuu dogoggora ufii irraa deebi'uu hin dandeenne. isaan hin morkatan malee cubbuu ufii irraa deebi'uu hin barbaanne.
4
Achiin maayessa ani isaaniin akkana jedhe, «Isaan seera Rabbii Waaqa ufii waan hin beenneef, kunniin worra gowwa'aa fi hiyyeeyyii hubannaa hin qabne, seera waaqaatitti hin bulan.
5
Kanaafuu ani gara worra bulchoota baallii qabanii dhaqee woliin qaaqa; dhugamaan isaan karaa Rabbiitii fi seera Waaqa ufii hin beekan isaan garuu Waaqa ufiititti ka'anii isaa ajajamuu didaniiran.
6
Baniin hennaa hedduuf didanii Rabbiin dhiisaniiran; kanaaf diintonni isaanii akka leencan bosonaa yookaan akka yeyyiiwwan lafa gammoojjii keessaatitti balaa isaanitti buusan; diintonni sunniin qachoota keessatti dhokatanii namoota achi keessaa bayan maraa akka qeerransaatitti nafa isaanii cicciran.
7
Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya na dhiisee waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata; eeganaa wonti ani cubbuu isaanii isaanii dhiisuuf maali'i? ani banii kiyya nyaata isaan barbaachisu maraa isaanii kenna'aa akka isaan quufan godhe; isaan garuu worra seebaru ta'an; bultiin isaanii mana seebartootaati.
8
Isaan akka faradoo sooramaniititti dharraa fedha fooniitiin waan gubataniif; isaan maruu haadha manaa hiriyyaa ufii coorsuu barbaadan.
9
Kanaafuu ani sababaa waan kanniin maraatiif isaan adabuu na hin barbaachisuu? banii morkataa akkanaa kana haluu bawuu na hin barbaachisuu?
10
Diintota dhaaba biqiltuu woyini'ii ka banii kiyyaa ciranii balleessan isaanitti erga; ani akka hiddi isaanii badu hin godhu; dameen isaanii kiyya waan hin taaneef, akka muranii gatan ajaja.
11
Baniin Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa sirima na gananiiran; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
12
Baniin Rabbii Rabbiin irratti soba dubbata'aa akkana jedhan, «Rabbi womaa nu hin godhu, wonti hamaanillee nutti hin dhufu, beellinii fi lolli nu hin argatu.
13
Dubbiin raattonni uduu Rabbi isaanitti hin dubbanne dubbatan maruu akka qilleensaatitti waan laakkayamuuf, wonti isaan dubbatan maruu isaanumatti deebi'a.»
14
Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin waan akkana jedhanii dubbataniif dubbiin kiyya afaan kee keessatti akka ibiddaa ta'a; baniin akka qoraanii ta'ee ibiddi isaan guba.»
15
Isin banii Israa'elii! Rabbi banii balaa buusu biyya fago'ootii isinitti fida; baniin sun banii jabaa ka isin afaan isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin beenne, ka dubbii isaanii hin hubannee fi banii dur irraa jiru.
16
Worri isaanii ka ebo'oon nama darbatan worra jajjabaa gara nyaattoo malee nama ajjeesan.
17
Isaan midhaanii fi waan isin nyaattan maraa haxaayanii nyaatan, ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa maraa hin ajjeesan; tika hoolotaatii fi horii keessan maraa hin qalan, biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu keessan maraa hin balleessan; loltoonni isaanii qachoota teessan ta dallawamtee isin hedattan maraa diiganii balleessan.
18
Rabbi akkana jedha, «Wonti kun maruu yoo ta'e, ani hennaa san banii kiyya ciraa kutee hin balleessu;
19
Ermiyaas! baniin, ‹wonti Rabbi waan kana maraa nu irra geesseef maali'i?› jedhanii yoo si gaafatan akka isaan na irraa fooyamanii biyya ufii keessatti waaqolee tolfamaa waaqeffatan, isaan akka biyya ormaatitti tajaajiltoota banii ormaa jedhamanii waamamuun isaanii akka hin hafne isaanitti himi.»
20
Rabbi akkana jedha, «Fiixaa Yaaqoobiitii fi banii Yihuuda'aa maratti waan kana himaa'a.
21
Isin worra uduu ija qabdan hin argine, uduu gurra qabdan hin dhageenne, isin baniin gowwaanii fi amshaaggonni kana dhagayaa'a;
22
Ani Rabbi; isin maaf na hin kabajjine? maaf na sodaattanii naatanii hin hollanne, bisaan akka xidhacha irra lufee hin deemne ka galaanatti daangaa godhe ana; haguma fedhellee galaanni yoo raafame, dambaliinii fi qilleensi yoo ka'e daangaa xidhachaa lufee deemuu hin danda'u.
23
Isin garuu banii morkata'aa fi dhibaa taatanii na dhiiftanii baqattan.
24
Rooba duraatii fi ka maayessaa, ka gannaatii fi ka badheessaallee henna'aan ka isinii kennuu fi ka ji'oota midhaan itti haamatan woggaa wogga'aan isinii fidu ana; isin garuu na kabajjuu diddan.
25
Yakki keessan eebba isin dhabsiise; baay'inni cubbuu keessanii akka isin waan mishaa hin arganne isin taasise.
26
Namoonni hammeeyyiin banii kiyya keessa jiraatan hin jiran; isaan akka nama simbirran siibo'oon qabuuti; kanaafuu isaan namoota qabu'uuf siiboo ufii diriirsanii riphan.
27
Akkuma dhadhooltuun simbirran qabee maandhee simbirranii keessa kaayu, isaanillee qabeenna saaman mana ufii guutan; wonti jabaatanii duroomaniif kana.
28
Isaan akka sangaa soorameetitti furdataniiran, hujiin isaanii hamaa haga hin qabne; mirga ijoollee abba'aa fi haadha hin qabnee hin eegan; worra rakkataniifillee murtii qajeelaa hin murteessan.
29
«Eeganaa ani Rabbi waan kanniin maraaf isaan adabuu na hin barbaachisuu? banii akkanaa kana haluu bayuu na hin barbaachisuu?
30
Wonti nama sodaachisuu fi nama naasisu biyya tana irratti raawwatameera.
31
Worri nu raattota ufiin jedhan raaga sobaa raagan; gadoonni gorsa raattotaatiin bulchan; baniinillee waan kana maraa hin morman; eeganaa hennaa wonti kunniin maruu raawwatamu maal isaanii woyya?»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52