bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 6
Jeremiah 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 7 →
1
Isin banii Biiniyaamii! lubbuu teessan oolfachu'uuf baqadhaa'a! Yerusaalemiin keessaallee bayaa'a! biyya Taqoha'aatitti laagaa xurumba'aa dhageessisaa'a; Beetakaareemitti ibidda malkataaf ta'u bobeessaa'a! badi'ii fi balaan gara kaabaatii dhufu'uuf ta'a.
2
Qachaan Tsiyoonii bareedduunii fi ta nama gammachiiftu hin baddi.
3
Tisseen horii ufii woliin achitti quphatan; daasee ufiillee naannaya qachatti'iititti dhaabatan; isaan maruu hulema ufii barbaadanitti horii ufii bobbaafatan.
4
Diintonni isi'iillee, «Ka'aa! Yerusaalemiin lolu'uuf haa qophoofnuu; guyyaa balaa isi'itti haa buufnuu! siri'ii hin turre; lafti galgalaaya'aara; aduun dhiya'aarti; gaaddifni dheerata'aara;
5
kanaafuu ka'aa halkaniin dhandhee balaa buufnee kusheewwan qachootaa maraa diinnaa» woliin jedhan.
6
Kanaafuu Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Mukkiin mura'aatii biyyee naannaya Yerusaalemii jiru ka akka kushe'eetitti nama gargaaru tuulaa'a; isiin waan qachaa hamtuu taateef adabamuu isii barbaachisa.
7
Akkuma boolla keessaa bisaan burqu Yerusaalemillee burqaa hammeenna maraati; wonti isii keessatti dhagayamu laagaa badi'iitii fi ka hammeennaati; wonti hennaa maraa isii irraa mudhatu dhibe'ee fi mada'a.
8
Isin banii Yerusaalemii! rakkoon kun gorsa isinii haa ta'uu; ta'uu baannaan uf afo'oo isin balleessa; qachaa teessan gara lafa gammoojji'ii jijjiiree akka eennullee isii keessa hin jiraanne taasisa.»
9
Rabbi Gooftaan banii maraa, «Worra Israa'elii ka hafe akka nama hurbuu woyini'ii guuruutitti guuraa'a; akka nama woyinii deddeebi'ee hurbuu woyini'ii guuruutitti harka keessan gara dameewwanii hiixadhaa'a.» jedha.
10
Anillee deebi'ee akkana jedheen, «Yoo isinitti himee fi yoo isin gorsellee eentu na dhagayuu danda'a? isaan waan worra morkatu ta'aniif dubbii kiyya dhagawuu hin danda'an; yoo ani dubbii kee isaanitti himu tuffatanii natti kolfan.
11
Yaa Gooftaa! akkuma ati guddiftee aarte anillee aaree sirima obsuu dadhabe.» Rabbi akkana naan jedhe, «Ati dheekkamsa kiyya daa'imman karaa keessaatii fi ka'imman wol gayanitti buusi; abbaan worraatii fi haati manaa jaarsonnillee hin booji'aman.
12
Rabbi akkana jedha, «Ani hennaa banii biyya tanaa adabu manniin isaanii, qonna isaaniitii fi haawwonni manaa isaaniillee uduu hin hafne namoonni biraa isaan fudhatan.
13
Gugurdaanii fi didiqqaan isaanii faayida'aaf jedhanii seeraan ala saaman; raattonninii fi gadoonnillee banii soban.
14
Cabnana madaa banii kiyyaa akka waan taraarameetitti laalan; kanaaf seeraan hin yaalan, akkasuma uduu nageenni hin jirre ‹nagaya nagaya› jedhan.
15
Waan nama jibbisiisu kana maraa hojjatanii saalfachuu dhiisii ijuma ufiituu hin limsanne; kanaafuu akkuma kuuwwan kufan isaanillee hin kufan; ani hennaa isaan adabu dhuma isaanii ta'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi»
16
Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Karaa irra dhaabadha'aatii karaan duriitii fi ta kolbaa tam akka taate gaafadha'aa laala'aa hubadhaa'a; yoo karaa san hubattan isii irra deemaa'a; lubbuu teessanii nagaya argattanii.» Baniin garuu «Karaa saniin hin deemnu!» jedhan.
17
Achiin maayessa Rabbi worra laagaa xurumba'aa ka uf eegganno'oo afuufan dhaabsise; isaan garuu «Hin dhageennu» jedhan.
18
kanaaf Rabbi akkana jedhe, «Banii nana dhagayaa'a! waan ani banii kiyya irratti raawwadhu maraa hubadhaa'a.
19
Ardii nana! dhagayi! isaan seera ani isaan barsiise waan mormaniif, seera kiyyaafillee waan ajajamuu didaniif, waan yaada hammeenna isaanii maraaf waan isaan adabuuf banii irratti balaa fida.
20
Hixaanni isaan biyya Saaba'aatii naa fidanii fi urgooftuun gara garaa ka isaan biyya gara garaa ka fago'ootii naa fidan maal naa godha? kennaa isaan jalqaba ji'aa naa dhiyeessan isaan irraa hin fudhu, ciincaan isaan naa dhiyeessanillee na hin gammachiisu.
21
Kanaafuu ani akka baniin kun gufatee kufu godha; abboonninii fi ijoolleen, goshoonninii fi ollaan maruu wolumaan dhuman.»
22
Rabbi akkana jedha, «Biyya gara kaabaatitti argamu keessaa lolli qabatteen hin dhufa; baniin guddaan biyya fagoo jiru lolaaf qophaayeera.
23
Ebo'oo fi guraadee ufiillee qopheeffataniiran; isaan worra garaa jabaatu; worra hin araaramne; hirphi luka faradoo isaan kooranii yaabbatanii akka laagaa dambalii galaanaati; isaan Yerusaalemiin lolu'uuf qophaayaniiran»
24
Baniin Yerusaalemii akkana jedhan, «Waan oduu dhageenneef naanee hadoonne; akka dubartii ciniinsifattuu hucuucamnee dhukkubsanne.
25
Qonnaaf hin bayinaa'a; karaa irrallee hin deeminaa'a; hulee marattuu raafamni waan jiruuf guraadee diinaa irraa uf eegaa'a.»
26
Rabbi banii ufiitiin akkana jedha, «Diinni isin balleessu'uuf dhufe dimmaa waan balaa isinitti buusu'uuf ta'uuf uffata gaddaa uffadha'aatii daaraa irratti gangaladhaa'a; akka nama finni tokkochi qabu jalaa du'eetitti mararama'aa booyaa'a.
27
Ermiyaas! akkuma sibiila qoranii laalan banii kiyya qorii laali.
28
Isaan maruu akka sibiila diima'aatii fi akka sibiila gurraachaa jabaatan; isaan hammeeyyii worra morkaan uf tuulan; isaan maruu worra araada hamaatiin badan.
29
Sibiila bassu'uuf guddisanii buufaa afuufan; hammeeyyiin waan hin banneef ka sibiila bassu akkanumaan dadhaba.
30
Ani Rabbi waan isaan gateef ‹Meetii xuraayaa gatame› jedhanii isaan waaman.»
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52