bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 4
Jeremiah 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 5 →
1
Rabbi akkana jedhe, «Isin banii Israa'elii! yoo gara kiyya deebi'uu barbaaddan, waaqolee tolfamaa jibbaman sanniin balleessitanii yoo anuma calla'aa amanamtoota taatan;
2
Dhuga'aa fi qajeellumma'aanillee ‹Rabbii jiraata'aan› yoo kakattan; baniin maruu hin eebbifaman; kanaanillee ulfinna argatan.»
3
Rabbi banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin akkana jedha, «Lafa bule qotaa'a; sanyii keessan qoree keessatti hin facaasinaa'a!
4
Isin baniin Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraattan! Badooma garaa keessanii baasa'aatii sammuu qulqulleeffadha'aa namummaa keessan maraanuu Rabbitti bulaa'a; yoo waan kana godhuu baattan garuu sababaa hujii hamaa keessaniitiif lolli kiyya akkuma ibiddaa isinitti bobaya; lolli kiyya yoo akka ibiddaa bobaye eennullee dhaamsuu hin danda'u.»
5
Biyyattii san maraa keessatti xurumbaa afuufaa'a! laagaa keessan ol qabadha'aa iyyaa'a! baniin Yihuuda'aatii fi ka Yerusaalemii gara qachoota dallawa qabduu akka dheessan isaanitti himaa'a.
6
Tsiyoonitti karaa mudhisaa'a! uduu hin turre gara hulee dheessitanii jalaa bayuu dandeettanii baqadhaa'a! Rabbi gara kaabaatii bala'aa fi badii guddaa waan fiduuf.
7
Akkuma leenci bosona itti dhokate keessaa bawu, wonti banii maraa balleessu hin ka'a; inni biyya Yihuuda'aa balleessu'uuf dhufa; qachoonni biyya Yihuuda'aa hin diiggaman; namni isii keessa jiraatu hin argamu.
8
Lolli Rabbii jabaan biyya Yihuuda'aa irraa waan hin fooyamneef uffata gaddaa uffadha'aatii banne jedha'aa booyaa'a.
9
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san mooti'ii fi worri isa jala hojjatan guddisanii nayan; gadoonni hin hollatan; raattonnillee hin nayan.»
10
Anillee, «Rabbi Gooftaa kiyya! ati banii Yerusaalemiitiin ‹nagaya argattan› jettee maaf isaan sobde? amma garuu isaan guraade'een dhumata'aaran» jedhe.
11
Hennaa san banii Yerusaalemii tanatti akkana jedhamee himama; «Banii kiyyatti qilleensi nama gubu tulloota gammoojjii jiran irraa ka'ee isaanitti bubbisa; qilleensi kun qilleensa qulqulleessu yookaan ka adda baasuu miti.
12
Qilleensi kun qilleensa ajaja Rabbiitiin dhufu waan ta'eef maraa caalaa jaba'a; murtii kana ka bani'itti murteessu Rabbi.»
13
«Loltoonni diinaa akka duumessaa marseera; konkolaataan lolaa akka haboonbolatti'ii ariifata; faradoon allaattii bajja jedhamu caalaa bararan; kanaafuu waan bada'aarruuf nu hobbaas!
14
Yaa Yerusaalem! yoo fayyuu barbaadde hammeenna garaa keetii maraa uf keessaa baasii balleessi; yaanni cubbu'uu sammuu kee keessaa haga yoomii baduu dida?
15
Qachoota Daaniitii fi tulloota Efreemii keessaa laagaa nama waan hamaa labsuutitu dhagayama;
16
worri nama marsee qabu Yihuudaa irratti lola labsa'aa biyya fago'ootii akka dhufa'aaran banii maraa fi banii Israa'eliititti himaa'a!
17
Baniin Yerusaalemii waan hammaatanii didaniif akka nama midhaan eeguutitti diinni isii marsa;» ka waan kana dubbate ana Rabbi.
18
Yihuudaa'a! sababaan wonti kunniin maruu si irra gayeef waan jireenna kee bada'aatii fi waan hujii kee hama'aatiif; wonti rakkoon hadhaayaan kun marti si irra gayeef sababaa cubbuu keetiitiif waan ta'eef nafa kee kutee seenee garaa kee madeesseera.
19
Attamitti rakkinna kana maraa obsuu danda'a! hayi rakkinna! dhayannaan onnee tiyyaa attamitti ariifate? hayi onnee tiyya! laagaa xurumba'aatii fi ka lolaa uduu dhagayu obsee cadhisuu hin danda'u.
20
Balaan balaa irratti eda'ama; biyyattiin maruu diiggamtee ona taateerti; daaseewwan keenna maruu dimmaa badan; golgi isaanii maruu haga limsuu ijaatitti biinxaman.
21
Malkanni alaabaa lolaa ka raafamu; hirphi laagaa lolaa ka dhagayamu; laagaan xurumba'aallee ka dhagayamu haga yoomiiti?
22
Rabbi akkana jedha, «Baniin kiyya gowwoota na hin beenne ta'aniiran; waan hubannaa hin qabneef akkuma daa'immanii sobaman; isaan worra waan hamaa hojjachu'uuf ogooman; sirima waan mishaa hojjachuun isaanii hin ta'u.»
23
Yoo lafa laalu, lafti duwwa'a; yoo samii laalu, ifti irra hin jiru.
24
Yoo gaarran laalu, isaanillee hin hollata'aaran; yoo tulloota laalu, isaanillee olii gad socho'aaran.
25
Akka baniin irra hin jirre arge; allaattiiwwanillee bararanii badan.
26
Lafti laliftuun gara lafa gammoojji'ii jijjiiramteerti; Rabbi waan guddisee loleef qachoonni isi'ii maruu diiggamaniiran.
27
Rabbi lafti akka gara lafa gammoojji'iititti jijjiiramtu haga dhumaa garuu akka isii hin balleessine dubbateera.
28
Ardiin hin bootti; samiinillee dukkanaan golgama; waan kana Rabbitu dubbate; yaanni isaa hin jijjiiramu; murtii hin jijjiiramne murteeffateera; uf duuba hin deebi'u.
29
Sababaa dhaaduu worra farado'ootii fi worra ebo'oon darbataniif, baniin qachaa keessa jiru maruu hin baqata; gariin gara bosonaa dheessa; worri hafan dhagaa gubbaa yaa'an; qachaan maruu ona namni keessa hin jiraanne ta'a; ka isii keessa jiraatu hin argamu.
30
Ati qachaan Yerusaalemii ta badde! si hobbaas! wonti uffata diimaa uffatteef maali'i? wonti faaya gara garaatiin qandhaftuu fi wonti ija kee kuulii dibatteef maali'i? worri mata gala sitti galan waan si jibbanii si ajjeesu'uuf ta'aniif uf bareechisuun kee duwwa'a.
31
Ani laagaa akka dubartiin ciniinsifattu dhageessiftuu dhagaye; ani laagaa akka dubartiin hennaa goromummaa deettu dhageessiftuu dhagaye; laagaan kun laagaa Yerusaalem hafuurri isi'ii addaan citee harka ufii badhiftee «na hobbaas! ani bada'aaraa! na ajjeesu'uuf natti dhufa'aaran!» jedha'aa dhageessiftu ture.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52