bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 40
Jeremiah 40
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 41 →
1
Naabuzardaan kabajjamaan ajajaan worra balbala eeganii Raama'aa haga bilisaan gad na dhiiseen maayessa Rabbi natti dubbate; ani tanaan dura ka achi dhaqe worra banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aa keessaa booji'anii hidhamanii gara Baabiloonii fidan maraa woliin haada sibiilaatiin hidhamee ture.
2
Ajajaan kabajjamaan worra balbala eeganii namoota irraa na fooyee hojja kiyyatti Rabbi Waandhi akka biyya tana balleessu firrisee natti dubbatee ture.
3
Waan hin raawwadha jedhee karoorfate maraa kunoo amma raawwateera; wonti kun maruu ta'eef sababaa isin cubbuu hojjattanii fi waan Rabbii ajajamuu diddaniif.
4
Ani amma haada sibiilaa harka kee irra jiru kana si irraa hiikee bilisa gad si dhiisa; yoo ka ana woliin gara Baabiloonii dhaqu'uuf taatuu akkuma feete ta'i ani waan ati barbaaddu maraa sii godha; yoo achi dhaquu hin barbaanne garuu hafuu dandeetta; kunoo ati biyya maraa waan arga'aartuuf gara hulee ufii feetee deemuu dandeetta.
5
Ani deebii uduu sii hin kennine Nabuzaardaan «Eeganaa ati gara Galaadiyaa ilma Ahiqaamii ilma ilma Saafaanii dhaqi; mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Gadaaliyaan akka qachoota Yihuuda'aa bulchu muudeera; kanaafuu ati isa woliin banii keessa jiraatuu dandeetta yookaan hulee naa ta'a jettu maraa deemuu dandeetta» naan jedhee achiin maayessa kennaa addaatii fi dhalee qabadhee deemu naa kennee na geegesse.
6
Anillee Gadaaliyaa woliin jiraachu'uuf gara Mitsipha'aa dhaqee banii biyya san keessatti hafanii jiraata'aaran keessa isa woliin achi jiraadhe.
7
Bulchoonni ajajoota loltoota Yihuuda'aatii fi loltoonni hagoon hennaa saniif harka hin kennanne isaan mootiin Baabiloonii Gadaaliyaa bulchaa biyyatti'ii godhee akka muudee fi hiyyeeyyii biyya keessatti hafan ka gara Yihuuda'aa hin dhandhe irratti akka bulchaa isa taasise dhagayan.
8
Kanaafuu ilmi Naataaniya'aa Ismaa'el, ijoollee Qaarha'aa Yohaana'aa fi Yoonaataa, Sarayaa ilma Taahuume'ee, Naxoofaa keessaa ijoollee Eefaahii, Maa'ikaamiin keessaa Yezaaniyaa, namoota isaanii maraa woliin gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiruu fidan.
9
Gadaaliyaan «Ani dhugamaan waadaa isinii gala; worra Baabilooniititti harka kennachuu hin sodaatinaa'a; biyya tana keessatti quphadha'aatii jireenna keessan midhaaffadhaa'a; mootii Baabilooniitii gibira kaffalaa'a; wonti mishaan maruu isinii ta'aa.
10
Anillee waan isin woliin Mitsiphaa keessa jiraadhuuf hennaa worri Baabiloonii gara keessan dhufan ani waan keessaniif bakka bu'ee isinii dhaabadha; isin garuu gandoota keessa jiraattan maraa keessatti hurbuu woyini'ii, dhadhaa ejersaatii fi daraaraa dhaaba biqiltuu biraallee wolitti qaba'aa kaayadhaa'a» jedhee isaanii deebise.
11
Uduma kun akkanatti jiru worri Israa'elii, worri Moo'aabii, worri Amooniin, worri Edoomiitii fi worri biyya gara garaa keessa jiraatan akka mootiin Baabiloonii Yihuudota hagoo hambisee fi Gadaaliyaa bulchaa isaanii taasisee akka muude dhagayan.
12
Kanaafuu hulee itti bittinnaayanii jiraata'aa turan maraa dhiisanii gara Yihuuda'aa deebi'an; gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiraatuullee dhaqanii hurbuu woyini'ii hedduu fi daraaraa biqiltuu biraallee wolitti qabatanii kaayatan.
13
Kanaan maayessa Yohaana'aa fi ajajoota loltootaa ka armaan dura harka hin kennanne maruu gara Gadaaliyaa Mitsiphaa keessa jiraatuu dhaqanii,
14
«Akka Ismaa'el si ajjeesu mootiin Amoonii akka Alisitti sitti erge hin beettuu?» jedhanii isa gaafatan; Gadaaliyaan garuu waan kana hin amanne.
15
Kanaan maayessa Yohaanaan Mitsipha'atti hojja isaatitti akkana jedheen «Ka waan kana godhe eennuun akka ta'e uduu hin beenne dhaqee Ismaa'eliin ajjeesa; inni atta si ajjeessu'uuf si ugge? yoo inni si ajjeese sababaa kanaaf worri Yihuudi'ii ka naannaya kee jiran hin bittinnaayan; inni banii boojuu irraa hafan ka biyya Yihuuda'aa keessa jiraatan irrattillee badii guddaa fida.»
16
Gadaaliyaan garuu, «Wonti ati waan Ismaa'elii dubbattu maruu dhugaa waan hin taaneef sirima waan kana hin godhin» jedhee deebiseef.
← Chapter 39
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 41 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52