bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 16
Jeremiah 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 17 →
1
Rabbi ammallee akkana naan jedhe,
2
«Ati hulee kanatti intala fuutee ijoollee hin uumatin.
3
Ijoollee asitti dhalatanii fi waan maatii ijoollee tana uumatan irra gawu sitti hima.
4
Isaan maruu dhukkuba hama'aan dhuman; ka isaanii booyuu fi ka isaan awwaalu sirima hin jiru; reeffa isaanii akkuma kosi'ii raasa'atti tuulan; woraanaa fi beelaan dhuman; reeffi isaanii nyaata allaattii samii irra bararuu fi busaaya'aa ta'a.
5
«Mana booyaa hin seenin; eennuufillee hin gaddin; ammaa achi ani banii kiyyaa nagaya kennu'uun hin eebbisu; jaalalaa fi araara daangaa hin qabne isaanitti hin mudhisu.
6
Dureeyyiinii fi hiyyeeyyiin biyya tana keessa jiran maruu hin dhuman; worra booya'aa isaan awwaalu hin argatan; isaanii gaddee ka fuula ufii taraaruu fi ka mataa ufii haadatu hin jiru.
7
Namni jaalalloon du'ee buddeena qabatee dhaqee ka isa woliin nyaatee dhugee isa jajjabeessu hin jiru; ka biraa dhiisiitii nama abba'aa fi haati jalaa du'an namni jajjabeessu hin jiru.
8
«Gara mana affeerra'aa ka namni wol gayee itti gammaduullee hin dhaqin; isaan woliin nyaattee dhugu'uuf hin taa'in.
9
Waan ani Waandhi banii maraa Gooftaan Israa'elii siin jedhu dhagayi; bara ufii jirtu kana keessatti laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu, laagaan cidhaatii fi ka cidhaa akka hin dhagayamne godha.
10
«Hennaa ati waan kana maraa isaanitti himtu ‹nu maal balleessinaan Rabbi adabbii guddaa hagana gawu nutti murteesse? maal balleessine? cubbuun nu Rabbii Waaqa keenna afo'otti hojjanne maali'i?› jedhanii si gaafatan.
11
Hennaa san Rabbi akkana isiniin jedha isaaniin jedhi, ‹Abboonni teessan ta durii na irraa fooyamanii waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffata'aa tajaajilan; ana hin dhiisan; seera kiyyallee hin raawwanne.
12
Isin garuu waan hamaa abboonni teessan ta durii hojjatan caalu hojjattan; isin maruu worra morkatuu fi worra didu taatan; anaa hin ajajamne.
13
Kanaafuu biyya tanaa isin baasee gara biyya isinii fi abboonni teessan ta durii hin beennetti isin gata; achitti halkanii fi guyyaa waaqolee tolfamaa sobaa waaqeffattan; ani sirima isinii hin araaramu.› »
14
Rabbi akkana jedha, «‹Barri isaan Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya Misiriitii baase› jedhanii hin kakanne hin dhufa.
15
Bikka san ‹Rabbii jiraataa banii Israa'elii biyya kaabaatii fi biyya biraa ka hulee isaan itti facaase maraa isaan deebise› jedha'aa kakatan; gara biyya isaaniitii fi gara biyya abboota isaanii ta duriitii kennee isaan deebisa; ani Rabbi waan kana dubbadheera.»
16
Rabbi akkana jedha, «Ani namoota banii kana akka qurxummi'iititti isaan qabuu fi akka bineensaa isaan dhadhoolu isaanitti erga; isaan gaarranii fi tulloota, holqa dhaga'aa keessa deema'aa dhadhoola'aa isaan qaban.
17
Ani waan isaan godhan maraa hin arga; wonti na jalaa dhokatu tokkollee hin jiru; cubbuun isaanii maruu na jalaa hin dhokanne.
18
Isaan akka waan du'ee waaqolee tolfamaa lubbuu hin qabneen lafa kiyya waan batteessanii fi waaqolee tolfamaa sobaa biyyattii keessa waan guutaniif, waan cubbu'uu fi hammeenna isaaniitiif dachaa isaan adaba.»
19
Yaa Rabbi! ka na eeguu fi ka na jabeessu si'i; ati hennaa rakko'oollee irkoo kiyya; baniin daangaa lafaatii sitti dhufanii akkana siin jedhan; «Abboonni teenna ta durii waaqolee tolfamaa sobaa malee womaa hin qaban; waaqoleen tolfamaan isaanii maruu duwwa'a; womaa hin fayyadan.
20
Dhugamaan namni Waaqa ufiif hojjachuu hin danda'aa? ee, garuu Waaqa dhuga'aatii miti.
21
«Kanaafuu baniin maruu hunna kiyyaa fi guddinna kiyya akka lamuu hin irraanfannetti akka beekan isaan taasisa; akka ani Rabbiin ta'ellee hin hubatan.»
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52