bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 36
Jeremiah 36
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 37 →
1
Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Rabbi akkana naan jedhe,
2
«Ani Rabbi hennaa sitti dubbachuu jalqabe jechuun hennaa Iyyoosiyaas mooye irraa jalqabee haga ammaa waan Israa'elii, waan banii Yihuuda'aatii fi waan banii kaawwanii dubbii sitti hime maraa kitaaba maramaa irratti barreessi.
3
Baniin Yihuuda'aa hennaa akka ani badii isaanitti fidu'uuf ta'u dhagayan maal laataa hujii ufii hamaa irraa deebi'uu danda'an; anillee yakkaa fi cubbuu isaanii isaanii dhiisa.»
4
Kanaafuu ani ilma Neeriya'aa Baarookiin waamee waan Rabbi natti hime maraa tokko tokkoon itti hima'aa kitaaba marame irratti barreesse.
5
Kanaan maayessa ani seera armaan gadii Baarookitti kenne; «Ammaa achi ani mana woyyuu akka seenu na hin dhiisan.
6
Garuu duranaa hennaa baniin sooma irra jiru akka achi deemtu barbaada dubbii Rabbi natti hime maraa ka ani tokko tokkoon sitti himee kitaaba maramaa irratti barreessite maraa laagaa ol qabadhuu isaanii dubbisi; waan kana banii Yihuuda'aa ka qachoota baadiyya'aa keessa jiranii fi hulee namni maruu itti dhagayutti dubbadhu.
7
Maal laataa baniin dubbii Rabbi lola isaa ka nama sodaachisuu fi bala'aan akka adabu dubbatame dhagayanii gaabbanii hujii ufii hamaa irraa deebi'anii isa kadhatuu danda'anii.»
8
Kanaaf Baarook akkasuma akkuma ani isatti hime mana Rabbii keessa dhaabatee dubbii Rabbii dubbise.
9
Iyyoo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii Yihuudaa irratti mooyee woggaa shaneesso'oo ji'a sagaleesso'oo keessa baniin Yerusaalemiitii fi baniin qachoota Yihuuda'aa keessaa dhufan Rabbiin irraa araara argatu'uuf hennaa itti sooman labsan.
10
Baarook waan ani itti himee dubbii kitaaba maramaa irratti barreesse maraa akkaataa baniin dhagayuu danda'anitti isaanii dubbise; wonti inni mana woyyuu keessatti godhe kutaa barreessaa Gamaariyaa ilma Saafaanii bira lufeeti; huleen kutaan sun itti argamu ladda dallawa dhaga'aa haarawa karaa seensa mana woyyu'uu gubba'aan karaa bayimaa bira achi lufeeti.
11
Mikiyaas ilmi Gamaariya'aa ka ilma Saafaanii dubbii Rabbi dubbate maraa Baarook kitaaba maramaa irraa dubbisu dhagaye.
12
Inni gara kutaa mana mootumma'aa hulee barreessaan worra baallii qaban itti argamanii dhaqe; barreessaan Eelshaamaa'i, Dalaayaan ilmi Shamaa'iya'aa, Eelnaataan ilmi Akiboorii, Gamaariyaan ilmi Safaaniyaanii, Sedeqiyaas ilmi Hanaaniya'aatii fi worri baallii qaban kuuwwanillee achi turan.
13
Mikiyaas dubbii hennaa Baarook bani'ii dubbisu dhagaye maraa isaanitti hime.
14
Kanaan maayessa worri baalli qaban maruu kitaaba maramaa Baarook bani'ii dubbisa'aa jiru akka fidan akka himu Yihuudiiniin ergan; (Yihuudiin ilma Naataaniyaaniiti, Naataaniyaan ilma Shaalemiya'aati; Shaalemiyaan ilma Kushi'iiti) Baarook kitaaba maramaa san qabatee gara isaanii dhufe.
15
Isaan «Amma taa'ii barreeffama kana nuu dubbisi!» jedhaniin; Baarookillee akkuma isaan isa ajajan godhe.
16
Haga dubbisee raawwateen maayessa waan guddisanii nayaniif wol laala'aa Baarookiin «Nu'u waan kana mootichatti himuu nu barbaachisa» jedhaniin.
17
Achiin maayessa «Attamitti akka waan kana barreessite nutti himi wonti ati barreessite kun dubbii Ermiyaas afaaniin sitti himee?» jedhanii isa gaafatan.
18
Baarook «Dhuga'a! dubbii kana ka tokko tokkoon natti hime Ermiyaas; anillee kitaaba maramaa kana irratti qalamaan barreesse» isaaniin jedhe.
19
Isaanillee «Atii fi Ermiyaas gara biraa deemtanii dhokatuu isin barbaachisa; hulee jirtan eennullee akka hin beenne» jedhaniin.
20
Worri baallii qaban kitaaba maramaa kutaa Eelshaamaa'ii barreessa'aa keessa kaayanii gara hulee mootichi bayuu dhaqanii waan ta'e maraa isatti himan.
21
Mootichi akka kitaaba maramaa isaa fidu Yihuudiiniin ajaje; innillee kitaaba maramaa kutaa Eelshaamaa'ii keessaa fuudhee mootichaa fi worra baallii qaban ka naannaya isaa jiran maraafuu dubbise.
22
Ji'a sagaleesso'ootitti hennaan sun waan ganna ta'eef mootichi mana mootumma'aa keessa hulee ibidda itti bobeessan bira taa'e.
23
Akkuma Yihuudiin kitaaba maramaa san fuula sadihii fi afur dubbisa'aa fixuun mootichi tarsaasa'aa ibidda keessa buusa ture; akkuma kanaan kitaaba maramaa maraa gubee fixe.
24
Mootichinii fi ajajoonni ajajaa loltootaa maruu haga waan kana dhagayan womaa hin sodaanne yookaan gadoonni uffata ufii hin biinxine.
25
Elnaataan, Dalaaya'aa fi Gamaariyaan akka mootichi kitaaba hin gubne kadhatanillee inni isaanii dhagayuu dide.
26
Kanaan maayessa inni Yirimi'eelii hayyicha, Saraayaa ilma Azri'eeliitii fi Shalmiyaa ilma Abdi'eelii woliin akka anaa fi Baarookiin qabu ajaje; nu garuu Rabbitu dhosse.
27
Mootichi Iyyo'aaqeem waan ani Baarookitti himee inni kitaaba maramaa irratti barreesse haga gubeen maayessa kitaaba maramaa biraa fuudhee akka dubbii duraa san barreessu Rabbi natti hime.
29
Akka ani mootichatti himu ati kunoo kitaaba maramaa gubdeerta; ‹mootiin Baabiloonii dhufee biyya tanaa fi banii isii keessa jiraatu akkasuma busaawaa maraa akka balleessu wonti raaga dubbatteef maali'i?› jettee Ermiyaasiin gaafatteerta.
30
Ati mootii Iyyo'aaqeem! waan kee wonti Rabbi jedhu kana; fiixaa kee keessaa namni teessoo Daawitii irra taa'u sirimaa hin argamu; reeffa kee hulema arganitti gatanii guyyaa adu'utu guba; halkan qorratu guba.
31
Waan cubbuu hojjattaniif bulchoota ajajaa loltootaa kee sii fi ijoollee tee maraa hin adaba; ati, worri Yerusaalemiitii fi baniin Yihuuda'aa waan ani isin seere woyittuu hin laakkofne; sababaa kanaaf balaa armaan dura isinitti fidu'uuf karoorfadhe maraa isinitti fida» jedhee akka isaanitti himu na ajaje.
32
Kanaafuu kitaaba maramaa biraa fuudhee barreessaa kiyya Baarookitti kenne; inni dubbii ani afaaniin isatti himu maraa itti barreesse akkatama kanaan barreeffama kitaaba maramaa Iyyo'aaqeem mootiin Yihuuda'aa gube barreesse; dubbiin biraallee ka kanaan wol fakkaatu heddutu itti eda'ame.
← Chapter 35
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 37 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52