bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 11
Jeremiah 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 12 →
1
Dubbiin Rabbiin irraa gara Ermiyaasii dhufe kana,
2
«Dubbii waada'aa kana qabadhuutii banii biyya Yihuuda'aatii fi worra qachaa Yerusaalemii keessa jiraatanitti himi;
3
Namni waadaa kanaa hin ajajamne maruu ka abaarame haa ta'u.
4
Waadaan kun waadaa ani abboota isaanii ta duriitii biyya Misirii ta akka gaamsee ibiddaa isaanitti taate keessaa hennaa isaan baasu isaanii kenne; akka naa ajajamanii fi waan ani isaaniin jedhe maraa akka raawwataniif isaanitti hime; yoo ka naa ajajamanii isaan banii kiyya akka ta'anii fi anillee akka Waaqa isaanii ta'u isaanii ibse.
5
Yoo kana ta'e biyya dureettii aannanii fi damma baaftu ta amma irra jiraatan tana hennaa abboota isaanii ta duriitii kenne waadaa gale san isaanii raawwadha.» Anillee «Maarre Gooftaa kiyya!» jedhe.
6
Achiin maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara qachoota biyya Yihuuda'aatii fi gara karaa hedduu Yerusaalemii dhaqii akka isaan waadaa kiyya eeganii fi akka ajaja kiyya raawwatan dubbii kiyya isaanitti himii isaan qaabsis.
7
Hennaa abboota isaanii ta durii biyya Misiriitii baase, akka naa ajajaman deddeebi'ee isaan seere; baniillee haga adhaa seeruu hin dhiifne.
8
Isaan garuu na dhagawu'uu fi naa ajajamuu hin barbaanne; bikka san isaan maruu hennaa kamiin caalaa morkattootaa fi hammeeyyii ta'aniiran; ani akka isaan waadaa kiyya eegan isaan ajaje, isaan garuu hin didan; kanaaf balaa waadaa kiyya keessatti barreeffame maraa isaanitti fide.»
9
Ammallee Rabbi akkana naan jedhe, «Baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii natti ka'aniiran.
10
Akkuma abboonni isaanii ta durii waan ani isaan ajaje raawwachuu didanii cubbuu hojjatan, isaanillee akkasuma cubbuu hojjatan; waaqa tolfamaa ormaallee hin waaqeffatan; Israa'elii fi Yihuudaan wol ta'anii waadaa ani abboota isaanii ta durii woliin gale diigan.
11
Kanaafuu ani Rabbi badii isaanitti fida; isaan badii san jalaa bayuu hin danda'an; akka ani isaan gargaaruuf yoma natti iyyatanillee ani isaanii hin dhagayu.
12
Hennaa san baniin biyya Yihuuda'aatii fi baniin biyya Yerusaalemii gara hulee ciinca'aa ka waaqolee tolfamaa ormaatii dhiyeessanii dhaqanii gargaarsaaf isaanitti iyyatan; isaan garuu hennaa badiin kun isaanitti dhufe badii san jalaa isaan baasuu hin danda'an.
13
Banii Yihuuda'aa! isin waaqolee tolfamaa haguma baay'inna qachoota teessanii qabdan; isin hulee ciinca'aa baay'ee haguma baay'inna karaa Yerusaalemii waaqa tolfamaa jibbamaa ka ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uuf hojjattaniirtan.
14
Yaa Ermiyaas! ani hennaa isaan rakkoo ufiitiif hucuucamanii gara kiyya iyyatan ani waan isaanii hin dhageenneef, banii kanaaf na hin kadhatin, waan isaaniitiifillee hulee isaanii buutee hin worwaatin.»
15
Rabbi banii Yihuuda'aatitti akka ani akkana isaaniin jedhu natti hime, «Isin banii ani jaaladhu; garuu waan hamaa akkanaa kanniin godha'aa mana woyyuu kiyya keessatti argamuu isin hin barbaachisu; ciincaan hori'ii ka isin naa dhiyeessitanillee badii jalaa isin hin baasu; kanaafuu isin mana woyyuu kiyya keessatti gammaduu dhiisaa'a.
16
Isin hennaa tokko akka muka ejersaa ka daraaraa qabuu turtan; garuu laagaa akka gigissa'aa dhageessisee baala ibiddaan gubee damee isaa caccabsa.
17
«Ani Waaqa banii maraati; isin baniin Yihuuda'aatii fi baniin Israa'elii akka muka ani dhaabeeti; isin garuu waaqa tolfamaa ba'aal jedhamuu ciincaa dhiyeessitanii na aarsitan; kanaafuu ani amma badii isinitti fida.»
18
Hennaa san waan isaan godhan waan Rabbi natti mudhiseef waan isaan na irratti mari'atan beeke.
19
Ani hennaa san akkuma hoolaa qalmaaf oofanii ta'ee ture; isaan, «Akka maqaan isaa lamuu hin qaabatamne muka kana daraaraa isaa woliin haa balleessinuu, adunyaa jiraattotaa tana irraa haa dhabamsiifnuu» jedhanii akka na irratti mari'atanii ka'an ani hin beenne.
20
Ani, «Waaqa banii maraa! ati ka onne'ee fi qalbii namaa qoruu fi ka murtii qajeelaa murteessu; ani rakkinna kiyya sitti mudhise; kanaafuu hennaa ati banii kana haluu naa baatu akka argu na taasis» jedhee Waaqa kadhadhe.
21
«Rabbi namoota Anaatootii ka Ermiyaasiin «yoo ati maqaa Rabbiitiin raaga dubbattee jiraatte si ajjeefna» jedha'aa isa ajjeessu'uuf soqaniin akkana jedha,
22
«Anuu isaan adaba; ka'imman isaanii guraade'een dhuman; ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa beelaan dhuman.
23
Hennaa barri ani banii Anaatotii irratti balaa fidu gaye isaan keessaa namni tokkollee hin hafu»
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52