bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 52
Jeremiah 52
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 51
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
1
Sedeqiyaas hennaa Yihuudaa irratti mooyu umuriin isaa woggaa diddamii tokko ture; Yerusaalemiin woggaa kudha tokko bulche; maqaan haadha isaa Hamuxaali; isiin mucattii Ermiyaasii gosa Libina'aa turte.
2
Akkuma tanaan dura mootiin Iyyo'aaqeem godhe akkasuma mootiin Sedeqiyaasillee godha'aa Rabbiin gaddisiise.
3
Kanaaf Rabbi banii Yerusaalemiitii fi banii Yihuuda'aatiin lolee uf afo'oo isaan balleesse; Sedeqiyaas mootii Baabiloonii Nabukadanatsooriin irratti ka'e.
4
Sedeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor Yerusaalemiin irratti balaa buusu'uuf marse; loltoonni isaa naannaya qachatti'ii irra gara galanii naannaya dallawaatitti biyyee tuulan.
5
Sedeqiyaas mooyee haga woggaa kudha tokkeesso'ootitti isii marsan.
6
Woggama san keessa ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti baniin beelayanii waan nyaatan dhaban.
7
Dalloofni qachatti'ii hin diiggaman; uduma loltoonni Baabiloonii qachattii marsaniiran loltoonni halkaniin dheessanii gara karaa hulee biqiltuun mootichaa itti dhaabamuu lufanii gara karra dallawa lamaan wol geessuutiin bayanii gara dhooqa Yoordaanosii dheessanii jalaa bayan.
8
loltoonni Baabiloonii garuu Sedeqiyaasiin ari'anii raasaa Iyyaariko'oo biratti qabanii booji'an; loltoonni isaa maruu isa gananii gara gara bittinnaayan.
9
Sedeqiyaasiin gara mootii Nabukadanatsoorii fidan; hennaan san Nabukadanatsoor qachaa Ribilaa jedhamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa jira ture; achitti Nabukadanatsoor Sedeqiyaasitti murteesse.
10
Sedeqiyaas uduma argu ijoollee isaa Ribilaa keessatti ajjeesan; akkasuma worra Yihuudotaallee ka baallii qaban maraa ajjeesisiise.
11
Achiin maayessa ija Sedeqiyaasii keessaa baasanii haada sibiilaatiin isa hidhanii gara Baabiloonii fidaniin; inni haga guyyaa du'uutitti Baabilooniin keessatti hidhamee ture.
12
Nabukadanatsoor Baabilooniin irratti mooyee woggaa kudha sagaleesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Nabuzaardaan kabajjamaan ajajaa worra balbala mootumma'aa eeganii Yerusaalemiin seene;
13
Mana woyyuu, mana mootumma'aatii fi mana namoota gugurdaa Yerusaalemiin keessa jiraatanii akkasuma gamoo gugurdaa gube.
14
Loltoonni ajajaa worra balbala eeganii kabajjama'aan masakkaman dallaya Yerusaalemii diigan.
15
Nabuzaardaan kabajjamaan ajajaan worra balbala eeganii worra guddisanii hiyyooman ka banii keessa jiran ka qachattii keessatti hafanii jiran ka gananiiran ka gara loltoota Baabilooniititti dhiyaatanii jiranii fi worra ogeeyyii harkaa keessatti hafaniiran maraa booji'ee gara Baabiloonii fide.
16
Banii hiyyeeyyii Yihuudaa keessa jiran garuu hin dhiise; inni isaan worra biqiltuu woyini'ii shuqunanii fi worra lafa qotu isaan taasise.
17
Worri Baabiloonii utubaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka mana woyyumma'aa, meeshaa gangalatu ka meeshaa irra kaayanii fi gongaa sibiila diimaa irraa hojjatame ka bisaan itti kuufamu caccabsanii sibiila diimaa maraa gara Baabiloonii fidan.
18
Kereewwan sibiilaa, meeshaa hulee ciinca'aa ittiin qulqulleessan ka hankaaffaa fakkaatu, keree boollatti daaraa jissaniin, mooqqaawwanii fi meeshaa woyyuu sibiila diimaa irraa hojjatame ka mana woyyuu keessatti ittiin tajaajilan maraa fudhatan.
19
Ajajaan kabajjamaan worra balbala eeganii keree, girgiraa hixaana itti aarsan, kobbee bisaanii, kereewwan sibiilaa, baattuuwwan ibsa'aa, mooqqaawwan meeshaa ciincaa waan dhuganii ittiin dhiyeessanii fi meeshaa worqi'ii fi meetii irraa hojjatame maraa fudhate.
20
Akkasuma utubaa lamaanuu gongaa sibiila diima'aan akka bifa kormaatitti hojjatamee fi waan gangalatu ka meeshaa irra kaayan ka mootichi Solomoon mana woyyuu keessatti haa ittiin tajaajilamani'iif hojjachiise maraa fudhate; sibiilli diimaan ka meeshaan kunniin irraa hojjatame waan guddisee ulfaatuuf madaaluu dadhaban.
21
Utubaan lamaanuu ka boca tokkoon hojjatamee ka meetira saddeeti dheeratuu fi ka furdinni naannaya isaa meetira shan; keessi isaanii bana'a; furdinni sibiilaa mili meetira torbaatamii shan.
22
Ginnoon utubaa maraatuu ka sibiila diimaa irraa hojjatame ka dheerinni isaa meetira lamaa gayuu fi woshaadoo akka gingilcha'aatii fi ka bifa daraaraa Rooma'aatiin bareechisan.
23
Inni gara diidaatiin akka daraaraa Rooma'aa sagaltamii jahaan hojjatamee fi ka naannofni isaa daraaraa Rooma'aa dhibbaan midhaaffame.
24
Naabuzardaan ajajaan loltootaa banii sanniin maraa woliin Sarayaa hangafa gadootaa, Sofoniyaasii gadicha baallii qabu ka isatti aanee hojjatuu fi namoota biraa sadiin balbala mana woyyuu eegan hidhee achi fide.
25
Qachattii keessaallee nama baallii qabu ajajaa loltootaatii fi worra mooticha gorsan namoota torbaa ka haga hennaa sanii qachattii san keessatti argaman, barreessaa waan loltootaa gargaaraa ajajaa loltootaatii fi namoota gugurdaa biraallee jahaatama fudhate.
26
Nabuzaardaan kanniin maraa gara mootii Baabiloonii qachatti Ribilaa jedhamtu bulchiinsa Haamaatii keessa jiraatu bira isaan fide.
27
Mootichillee achitti isaan tumsiisee rakkisee du'aan isaan adabe; akka kanaan baniin Yihuuda'aa biyya isaanii keessaa booji'anii isaan fudhatan.
28
Baay'inni namoota Nabukadanatsoor booji'ee fudhatee kana; inni mooyee woggaa torbeesso'ootitti worra Yihuudotaa kuma sadihii fi diddamii sadihi booji'e.
29
Mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Yerusaalemiin keessaa namoota dhibba saddeetii fi soddomii lama;
30
Akkasuma mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti Nabuzaardaan worra Yihuudotaa dhibba torbaa fi afurtamii shanii booji'ee fudhate; wolitti qabaa namoonni booji'amanii fudhataman namoota kuma afurii fi dhibba jaha.
31
Ikooniyaan mootiin Yihuuda'aa booji'amee woggaa soddomii torbeesso'oo ji'a kudha lammeesso'oo guyyaa diddamii shaneesso'ootitti bara mootiin Baabiloonii Fewel-Marodaak mooyetti mootii Yihuuda'aa Ikooniyaaniin mana hidha'aatii baase.
32
Eewel-Marodaak Ikooniyaaniin akka misha'atti isa dubbisee mootota akka isaa booji'amanii Baabilooniin keessa jiraatan maraa keessaa hulee ulfinnaa ka maraa caalu kenneef.
33
Kanaafuu Ikooniyaan uffata mana hidha'aa keessatti uffatu jijjiiratee haga lubbu'uun jiru akka mana mootichaa keessaa nyaata nyaatu eeyyamaniif.
34
Ikooniyaan bara jireenna isaa maraa waan isa barbaachisuun akka godhatu durgoo guyyaa guyya'aan kenna'aafii turan.
← Chapter 51
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52