bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 44
Jeremiah 44
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 45 →
1
Rabbi worra Israa'elii Migidoolii biyya Misirii keessa jirtu ta gara kaabaa, Xaafnaasii fi qachoota Memfiis jedhaman keessa jiraatanii fi worra gara kutaa biyya gara kibbaatiin jirtu keessa jiraatan maraaf natti dubbate.
2
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedhe, «Badii ani Yerusaalemii fi qachoota Yihuuda'aa garii maraa irratti fide isinuu argitaniirtan; isaan ammallee akkuma diiggamanitti jiran; eennullee isaan keessa hin jiraatu.
3
Sababaan wonti kun maruu ta'eef waan qachattii san keessa jiraatanii hujii hamaa hojjatanii na aarsaniif isaan waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessan waaqolee tolfamaa isaan, isin, yookaan abboonni teessan ta durii hin waaqeffanne waaqeffatan;
4
Akka isin waan hamaa ani jibbu kanniin hin goone akka isin seeran raattota na tajaajilan deddeebi'ee gara keessan erga'aa ture.
5
Isin garuu dubbii isaan isinitti himan dhagawu'uuf fi ija gati'iitiinillee laaluu hin barbaanne; isin waan hamaa barattan ka waaqolee tolfamaa ormaatii dhiyeessitan dhiisuu hin barbaanne;
6
Kanaafuu ani qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii maraa irratti lolaa fi aarii kiyya buusee akka ibiddaan gubatan godhe; isaan haga adhaa akkuma amma mudhata'aaran maruu diiggamanii ona ta'aniiran.
7
«Amma ani Rabbii Gooftaa banii maraa Waaqa Israa'eliitiin isin gaafadhaa isin maaf waan hamaa kana maraa gootan? banii Yihuuda'aa keessaa namni tokkollee fiixamaafuu akka hin hafne badiin dhiiraa fi intala, ijoolle'ee fi daa'immanitti akka dhufu maaf barbaaddan?
8
Biyya Misirii ta dhuftanii keessa jiraata'aartan tana keessatti waaqolee tolfama'aa sagadu'uu fi waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessa'aa maaf na aarsitan? yookaan baniin lafa irra jiraatu maruu akka isin irratti baldanii fi akka maqaa keessan maqaa abaarsaa godhan uf balleessuu barbaaddanii?
9
Isin hujii hamaa karaa abboota teessan ta durii, mootota Yihuuda'aatii fi haawwota manaa isaanii, isinii fi haawwota manaa teessaniitiin qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii maraa irratti raawwatame hin irraanfattanii?
10
Isin garuu haga adhaa gad uf qabdanii gara laafeyyii taatanii ulfinna naa hin kennine; seeraa fi bulchiinsa ani abboota teessan ta duriitii kenneen jabaattanii jiraachuu hin barbaanne.
11
«Kanaafuu ani Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii isinitti aaree Yihuudaa maraa barbadeessa.
12
Worra Yihuudaa keessa jiran ka baqa irraa hafan ka gara biyya Misirii dhaqanii jiraachuu murteeffatan maraa akka badan taasisa; diqqa'aa haga gudda'aa lola, yookaan beelaan biyya Misirii keessatti du'an baniinillee du'a isaaniitiin nayan, baniin maruu isaanitti baldan, maqaa isaaniillee maqaa abaarsaa godhan.
13
Akkuma ani Yerusaalemiin lola, beelaa fi bala'aan adabe akkasuma biyya Misiriillee hin adaba.
14
Worra Yihuudaa keessatti baqa irraa hafanii gara biyya Misirii deemanii achi jiraatan keessaa namni dheessee bawu yookaan hafu tokkollee hin jiru; biyya Yihuuda'aa ta deebi'anii keessa jiraatu'uuf hawwanitti eennullee hin deebi'u; worra baqatan hagoo malee ka deebi'ee galu hin jiru.
15
Worri dhiiraa ka akka dubartoonni isaanii waaqolee tolfamaa biraatii ciincaa dhiyeessan beekan maruu worri Israa'elii ka biyya Misirii gara kibbaatiin jiranii fi dubartoonni achi dhaabata'aa turan maruu woliin gara kiyya dhufanii,
16
«Waan ati maqaa Rabbiitiin nutti dubbatte maraa dhagawuu hin barbaannu;
17
nu'u waan hin raawwanna jennee yaanne maraa hin goona; nu waaqa tolfamaa teenna ta mootittii sami'ii jedhamtuu hixaana hin aarsina; nu'u abboonni teenna ta durii mootonni teennaa fi bulchoonni teenna qachoota Yihuuda'aatii fi akkaatama karaa Yerusaalemiititti godha'aa turre san ammallee kennaa daadhii woyini'ii isi'ii dhiyeessina; hennaa waan kana maraa goonu san atoota heddu qabna; nu dureeyyii waan turreef rakkoo woyiituu hin qabnu.
18
Garuu urga mootittii sami'iitii ciincaa ciincawuu fi kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessuu dhiifnee jalqabee bu'aan nu arganne hin jiru; baniin keenna lolaa fi beelaan dhumaniiran.
19
Dubartoonnillee hennaa nu maqaa mootittii sami'iitii bixilee goonu, hennaa ciinca'aa fi kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessinu wonti nu abboota manaa keenna irraa fooyamnee goone tokkollee hin jiru.»
20
Dhiira, dubartootaa fi banii akkaataa kanaan naa deebisan maraan akkana jedhe,
21
«Akkuma armaan dura isinii fi abboonni teessan ta durii, mootonni teessanii fi bulchoonni teessan, baniin biyyatti keessa jiraatan maruu qachoota Yihuuda'aatii fi karaa Yerusaalemii keessatti hixaana aarsa'aa turan Rabbi hin qaabatu yookaan irraanfateera jettanii yaaddanii?
22
Kunoo amma biyyi teessan barbadooftee namni isii keessa jiraatu hin jiru; biyyattiin nama jibbisiifti; baniin maruu akka waan isiin abaaramteetitti laalan; Rabbi hujii keessan ka didda'aatii fi ka hammeennaa maraaf isinii hin obsu.
23
Wonti balaan kun maruu isin irra gayeef waan isin waaqolee tolfamaa ormaatii ciincaa dhiyeessitanii Rabbiin gaddisiiftanii seera isaa ka tumameefillee ajajamuu diddaniif.»
24
Isin Yihuudonni worri biyya Misirii keessa jiraattan dhiirtinii fi dubartoonni maruu Waan Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii jedhu dhagayaa'a;
25
«Isinii fi haawwonni manaa teessan mootittii sami'iitii waan woreega galtan kennu'uuf waadaa galtaniirtan; kunillee isin isi'ii hixaana aarsu'uu fi kennaa daadhii woyini'iillee isi'ii dhibaasu'uuf waadaa galtan raawwattaniirtan; eeganaa isin waadaa deebitanii galtan eega'aa raawwadhaa'a.
26
Garuu worri Israa'elii ka biyya keessa jiraattan maruu waan ani Rabbi maqaa kiyya jaba'aan kakadhee murteesse dhagayaa'a; isin keessaa namni tokkollee ‹Rabbii jiraataa› jedhee maqaa kiyyaan akka kakatu ani itti hin dhiisu.
27
Ani waan mishaa uduu hin taane akka wonti hamaan isin irra gawu godha; isin keessaa namni tokkollee uduu hin hafne lolaa fi beelaan duutan.
28
Garuu isin keessaa Yihuudonni hagoon hafan biyya Misiriitii gara biyya Yihuuda'aa hin deebi'an; hennaa san worri gara biyya Misirii baqatan dubbiin kiyya yookaan dubbiin keessan kamtu akka dhugaa ta'e adda baasanii beekan.
29
Hennaa ani hulee kanatti isin adabu ‹badii isinitti fida› jedhee dubbiin ani dubbadhe akka dhugaa ta'u ani Rabbi isinii mirkaneessa.
30
Akkuma ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa ka armaan dura diina isaa ta'e mootii Baabiloonii Nabukadanatsoorii Misirii ka Hoofiraa jedhamu diintota isaa ka isa ajjeesu'uuf ta'anitti dabarsee isa kenna» jedhee isaanitti hime.
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 45 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52