bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 17
Jeremiah 17
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 18 →
1
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yihuuda'aa! cubbuun keessan qalama sibiilaatiin barreeffameera; dhagaa jabaa gatii gudda'aa ka qara qabuun akka waan gabatee irratti barreessaniititti onnee teessanii fi buuchoo ciincaa irratti dhiyeessan irrattillee bocameera.
2
Biyya marattuu gaarranii fi tulloota irratti akkasuma baniin mukkiin gugurdaa jalatti dhaloonni maruu utubaa hulee ciinca'aa dhaabee waaqa tolfamaa asheeraa jedhamuu sagadan.
3
Sababaa biyya keessan marattuu cubbuu guddaa hojjattaniif hori'ii fi qabeenna isin qabdan maraa akkasuma bakka ciinca'aa keessan maraa diintonni teessan booji'anii akka isin jalaa fudhatan godha.
4
Isin akka ani aaree akka ibidda bobawuu waan na gootaniif baraa haga bara baraa aariin kiyya waan bobawuuf akka isin lafa ani isinii kenne dhabdanii fi biyya hin beenne keessatti akka diintota teessanii hojjattan isin taasisa.»
5
Rabbi akkana jedha, «Namni na dhiisee nama abdatuu fi ‹hunna naa ta'a› jedhee ka foon uffata'aan dhaadatu ka abaarame haa ta'u.
6
Namni akkanaa kun lafa sooqiddaa ka namni irra hin jiraannee fi akka saatoo lafa gammoojji'iititti biqileeti; bara jireenna isaa maraa waan mishaa hin argatu.
7
«Namni ana callaa hedatee jiraatu garuu ka eebbifame.
8
Inni akka muka bisaan yaa'u biratti dhaabaniitii fi akka muka bisaan biraa ka hidda ufii gad fageeffateeti; munni akkanaa ka hennaa maraa lalisee jiraatu kun holataan adu'uutuu isa hin sodaachisu; yoma roobnillee roobuu baate daraaraa daraaruu hin dhiisu.
9
Onneen namaa waan maraa caalaa hamtu'uu fi dabdu'u; dhossaa isii keessa jiru eentu beeka?
10
Ani Rabbi garuu sammuu namaatii fi onnee namaa hin qora; nama maraafuu akka jireenna isaatii fi akkuma hujii isaatiin gatii isaa kenna.»
11
Namni seera malee qabeenna wolitti qabatu, akkuma gogorrii uduu kallee ufii hin buufne kallee biraa ammattee yaafattuuti; Inni umurii ufii wodhakka'atti qabeenna wolitti qabate maraa dhaba; dhuma irratti gowwummaan isaa addaataa baya.
12
Huleen manni woyyuun keenna itti ijaarame duruma irraa jalqabee akka teessoo ulfinnaa ka ol fagaatuuti.
13
Yaa Rabbi! ati abdii Israa'eliiti; worri si dhiisan maruu hin saalfatan; isaan si'ii Rabbii burqaa bisaan jireennaa isaanii taate waan dhiisaniif akka maqaa lafa daara'aa irratti barreessaniititti badan.
14
Rabbii kiyya! na fayyisi hin fayyaa; na hambisi nagayaan jiraadhaa; hennaa maraa si galatoonfadhaa.
15
Baniin, «Ermiyaas! waan Rabbitu dubbate jette nutti himteerta; maaf hin raawwatamne ree» jedha'aa na gaafatan.
16
Garuu Rabbii kiyya! akka ati isaan irratti balaa fidduuf hennaan si qaabsise hin jiru; ani akka rakkinni isaanitti dhufu hin hawwine; yaa Rabbi! ati waan kanaa fi waan dubbadhe maraa hin beetta.
17
Ati hennaa rakko'oo waan irkoo naa taateef na hin naasisin.
18
Yaa Rabbi! worra na ari'an salphisi; ana garuu na hin saalfachiisin; akka isaan raafaman godhi; ana garuu na hin naasisin; haga isaan sirima caccabanii bututanitti deddeebi'ii isaan balleessi.
19
Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara balbala bayaa galaa mootii Yihuuda'aa gara balbala dallawa Yerusaalemiitii fi gara balballan biraa dhaqii dhaabadhu.
20
Dubbii ani sitti himu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin mootonni Yihuuda'aatii fi baniin! akkasuma worri balbala dallawa qachattii Yerusaalemii seentan! dubbii Rabbii dhagayaa'a!
21
Lubbuu teessan oolfatu'uuf waan ani isin seere eegaa'a; kanaafuu guyyaa sambataatiin ba'aa tokkollee baattanii balbala dallawa Yerusaalemiitiin hin seeninaa'a.
22
Isin akkuma ani abboota teessan ta durii ajajetti sambata woyyoomsaa malee ba'aa tokkollee baattanii guyyaa Sambataa mana keessanii hin bayinaa'a; guyyaa Sambataatiin womaa hin hojjatinaa'a.
23
Abboonni teessan ta durii dubbii kiyya hin dhageenne; ajaja kiyyallee hin raawwanne; caala'atti morkatanii naa ajajamu'uu fi na irraa barachuullee didan.
24
«‹Eeganaa yoo ka na dhagayan ta'e akka baniin kun seera kiyya eegan isaanitti himi; guyyaa Sambataatiin ba'aa woyiituu baadhatanii balbala qachatti'iitiin akka hin seenne; guyyaa Sambataa haa woyyoomsanii malee guyyaa san womaa akka hin hojjanne.
25
Mootonni teessoo ulfinnaa ka Daawitii irra taa'an worra baallii qaban ka isaanii balballan Yerusaalemiitiin seenan; isaan banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii woliin wol ta'anii farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'an; qachaan Yerusaalemii hennaa maraa ka baniin keessa jiraatu taati.
26
Baniin qachoota Yihuuda'aatii fi gandiin naannaya Yerusaalemii jiran keessatti wol gayan kutaa gosa Biiniyaamii keessa tulloota jalaa gaarranii fi Yihuudaa gara kibbaatiillee dhufanii ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraa, kennaa midhaanii, hixaanaa fi kennaa galataallee qabatanii mana woyyuu kiyyaa fidan.
27
Isaan naa ajajamuu fi guyyaa Sambataa woyyoomsanii kabajjuu isaan barbaachisa; guyyaa kana garuu balballan dallawa Yerusaalemiitiin ba'aa woyiituu baatanii seenuun isaan hin barbaachisu; yoo ajaja kiyya fudhatuu didanii waan kana raawwatan garuu seensi balbala Yerusaalemii akka ibiddaan gubatu godha; manniin mootumma'aa ka Yerusaalemiillee gubatanii bobayan; ka ibidda san dhaamsuu danda'u hin jiru.› »
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52