bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 7
Jeremiah 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 8 →
1
Dubbiin Rabbi balbala mana woyyuu afoo dhaabadhuu banii Yihuuda'aatitti dubbadhu naan jedhe, «Hujii keessanii fi haala jireenna keessanii jijjiiradhaa'a; ani lafa tana irra akka jiraattan isin taasisa.
4
Dubbii, ‹kun mana woyyuu Rabbiiti! kun mana woyyuu Rabbiiti; kun mana woyyuu Rabbiiti! nu nagayaan jiraanna› jedha'aa duwwaa dubbattan hin abdatinaa'a.
5
«San irra hujii keessanii fi haala jireenna keessanii jijjiiraa'a; jaalala fayyaalummaa uf keessaa qabduun wol qabadha'aa jiraadhaa'a.
6
Worra isinitti galee isin keessa jiraatu, ijoollee abba'aa fi haati jalaa du'an, dubartoota abbaan worraa isaanii irraa du'e saamu'uun hin miidhinaa'a; namoota qulqulluu biyya tana keessa jiraatan dabaan hin ajjeesinaa'a; akka hin banneef waaqolee tolfamaa sobaatii hin sagadinaa'a.
7
Yoo akka kanaan jijjiirama ka mudhiftan ta'e lafa abboota teessan ta duriitii baraa haga bara baraa kenne keessa akka jiraattan isin taasisa.
8
«Laalaa'a! isin bee jecha duwwaa soba ta'e hedattan;
9
Sababaa kanaaf hin hattan, hin ajjeeftan, hin seebartan, kakata'aa soba rageessitan, waaqa tolfamaa ba'aalii ciincaa dhiyeessitan, waaqolee tolfamaa armaan dura hin beennellee hin waaqeffattan.
10
Waan ani jibbu kanniin maraa haga raawwattaniin maayessa gara mana woyyuu kiyyaa dhuftanii na afoo dhaabattanii ‹nu badii irraa hafneerra!› jettan.
11
Manni woyyuun kiyya kushee hattoonni itti dhokatan seetanii? ani waan isin gootan maraa argeera.
12
Isin gara Sheeloo hulee ani itti haa na waaqeffattani'iif filadhee deema'aatii waan ani achitti godhe laalaa'a; sababaa cubbuu Israa'elii banii kiyyaatiif Sheeloo diige.
13
Isin yakka kana maraa raawwattanii hennaa ani deddeebi'a'aa isinitti himu na dhagayuu diddan hennaa ani isin waamullee na jalaa diddan.
14
Kanaafuu akkuma Sheelo'otti godhe, mana woyyuu kiyya ka isin hedattan kanattillee godha; hulee kana ka ani isinii fi abboota teessanii ta duriitii kenne irrattillee akkasuma godha.
15
Akkuma ani obboleewwan teessan banii Israa'elii ari'e akkasuma isinillee ari'a; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
16
Rabbi akkana jedha, «Ermiyaas! ani si hin dhagayuu waan banii kanaatiif na hin kadhatin, waan isaanii hin kadhatin, hin faateffatinille'e; isaanii fi ana jidduu seentee waan isaaniitiif hin dhaabatin, waan isaaniitiif dhaabachuu si hin barbaachisu.
17
Kana irra waan isaan karaa Yerusaalemiitii fi waan qachoota Yihuuda'aa keessatti godhan maraa hin laaltuu?
18
Ijoolleen qoraan guuran, abboonni ibidda qabsiisan, dubartoonni waaqa tolfamaa mootittii sami'ii jedhamtuu xoroshoo godhu'uuf daakuu dukkuusan, na aarsu'uuf waaqolee tolfama'aaf kennaa daadhii woyini'ii dhiyeessan.
19
Waan kanaan na aarsan isaanitti fakkaataa? salphinna ufitti fidanii uf miidhan.
20
Kanaafuu ani Rabbi Gooftaan hulee manni woyyuun kiyya itti ijaarame kana irratti lola kiyya jabaa namaa fi horii, mukkiinii fi midhaanillee uduu hin hafne irratti jissa, lolli kiyya ibidda eennullee dhaamsuu hin dandeenne.
21
«Ani Rabbi Waandhi Israa'elii Gooftaan banii maraa, ‹foon ciinca'aa ka hulee ciinca'aa irratti dhiyeessitan maraa wolitti qaba'aa ufumaa nyaadhaa'a› isiniin jedha.
22
Hennaa abboota teessan ta durii biyya Misiriitii baase, waan ciincaa ciincawuutii fi waan biraa womaa isaan hin ajanye.
23
Garuu akka ani Waaqa isaanii ta'ee isaan akka banii kiyya ta'anii naa ajajaman callaa isaanitti hime; wonti maruu akka isaanii qajeelu yoo barbaadan seera ani isaanii kenneen akka jiraatan isaan ajaje.
24
Isaan garuu qalbi'iin na dhagawuu hin barbaanne; bikka san waan garaan isaanii morkataanii fi hamaan isaanitti mudhise godhan; gara afo'oo uduu hin taane gara duubaa deebi'an.
25
Gaafa abboonni teessan ta durii biyya Misiriitii baate irraa jalqabee haga guyyaa adhaatitti raattota tiyya ta naa hojjatu hordofa'aa hennaan erguu dhiise hin jiru.
26
Garuu namni na jalaa dhagayee fi ka ajaja kiyya qalbeeffate hin jiru; sirimaa abboota teessan ta durii caalaa worra morkatuu fi worra dhibu taatan.
27
«Ermiyaas! dubbii kiyya kana maraa banii kiyyatti himta; garuu isaan si hin dhagayan, hin waamta garuu si jalaa hin awwaatan.
28
Baniin kun ana Waaqa isaaniitii ajajamu'uu fi seera adabbii ufii irraallee worra baratuu hin barbaanne ta'aniiran; sababaa kanaaf dhugaan sirima baddeerti; namni waan isi'ii dubbatu hin jiru.
29
Isin banii Yerusaalemii! rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii gata'aa gaddaa'a; gara tulloota mukkiin irra hin jirree gubbaa ol baya'aatii faarsa'aa booyaa'a; Ani Rabbi aaree loleera; banii kiyyallee darbee uf afo'oo balleesseera.
30
«Baniin biyya Yihuuda'aa waan hamaa hojjataniiran, kunillee waaqolee tolfamaa ani jibbu mana woyyuu kiyya keessa galchanii mana kiyya batteessaniiran.
31
Waan ani hin yaannee fi waan ani isaan hin ajanye ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaa ibiddaan guba'aa ciincaa godhanii dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa ka Toofeeti jedhamu hojjataniiran.
32
Kanaafuu maqaan hulee sanii dhooqa Beenheenoomii yookaan Toofeeti jedhamuun hafee hennaan Dhooqa qalmaa jedhamu hin dhufa; huleen awwaalaa ka biraa waan hin jirreef dhoondhi sun hulee banii itti awwaalan ta'a.
33
Reeffa isaanii allaattii sami'iitii fi bineensatu nyaata; reeffa isaanii irraa wonti dhooggu hin jiru.
34
Lafti ona taati; karaa Yerusaalemiitii fi qachoota biyya Yihuuda'aa maraa keessatti sirbi cidhaa, laagaan gammachu'uutii fi ka burraaqu'uu sirima akka hin dhagayamne godha.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52