bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 25
Jeremiah 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 26 →
1
Bara Iyyo'aaqeem ilmi Iyyoosiyaasii biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Rabbi waan banii Yihuuda'aa maraa natti dubbate; hennaan inni natti dubbate mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor mooyee woggaa jalqabaatitti.
2
Kanaafuu ani banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemiitiin akkana jedhe;
3
«Rabbi urga gaafa mootiin biyya Yihuuda'aa Iyyoosiyaas ilmi Amoonii mooye woggaa kudha sadeesso'ootii jalqabee haga adhaa woggaa diddamii sadihiif natti dubbata'aa tureera; ani dubbii inni natti dubbate isinitti himuu hin dhiifne; isin garuu qalbi'iin hin hubanne.
4
Raattotaa fi tajaajiltoota Rabbi uduu wol irraa hin kunne isinii ergullee isin qalbi'iin hin caqafne.
5
Inni, ‹isin maruu akka lafa Rabbi isinii fi abboota teessan ta duriitii kenne tana keessa baraa haga bara baraa jiraattan jireenna badaa jiraattanii fi hujii hamaa keessan kana irraa deebi'aa'a.
6
Waaqolee tolfamaa biraa hin hordofinaa'a; isaan hin tajaajilinaa'a; hin sagadina'aaf, waaqolee tolfamaa harkaan hojjatamanii sagaddanii akka Rabbi lolu hin taasisinaa'a; yoo ajaja kana eeddan inni isin hin adabu.›
7
Rabbi akkana jedha, «Isin na hin dhageenne; waaqa tolfamaa harkuma keessaniin hojjattaniin na aarsitan.»
8
Sababaa isin hin dhageennu jettaniif Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha,
9
‹Ani gara gosa gara kaabaatiin jiraniitii fi gara Nabukadanatsoorii mootii Baabiloonii tajaajilaa kiyyaa dhaamsa erga akka isaan Yihuuda'aa fi worra isii keessa jiraatu, akkasuma banii ollaa isi'ii jiraniin akka lolan isaa fida; ani biyya tana ollama isi'ii woliin isii balleessa; akka isaan laalchaafillee nama jibbisiisaniif worra mammaakaa haga ta'anitti baraa haga bara baraa akka diiggaman isaan taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.
10
Ani akka laagaan gammachu'uutii fi gammadanii buraaqu'uu akka laagaan sirbaallee hin jiraanne, namni tokkollee akka midhaan hin daakkanne, yookaan akka halkaniin ibsaa hin ibsanne godha.
11
Biyyattiin maruu diiggamtee ona taati; baniin kunillee woggaa torbaatamaaf garboomanii mootii Baabiloonii jala bulan.
12
Kanaan maayessa yoo woggaan torbaatamaa dhume worra Baabiloonii, banii isi'iitii fi mootota isi'ii sababaa yakka isaaniitiif isaan adaba; biyyi Baabiloonii baraa haga bara baraa ona akka taatu godha.
13
Balaa karaa Ermiyaasiitiin banii kanatti fida jedhe; jechuun balaa kitaaba kana keessatti barreeffame Baabilooniin irratti buusee isaan adaba.
14
Worri Baabiloonii hammeenna hojjatan maraafuu akka adabaman taasisa; baniin hedduu fi mootonni gugurdaan garboota godhatanii isaan bulchan.»
15
Rabbi Waandhi Israa'elii akkana naan jedhe, «Mijuu daadhii woyini'ii ka lola kiyyaan guuttame na harkaa fuudhii gara banii ani itti si erguu dhaqii akka dhugan godhi.
16
Hennaa mijuu san dhugan sababaa ani isaaniin loluuf hunna dhabanii gatantaran.»
17
Kanaafuu ani mijuu san Rabbiin harkaa fuudhee gara banii Rabbi itti na erge maraa deemee isaan obaase.
18
Baniin qachoota Yerusaalemiitii fi Yihuuda'aa, moototaa fi ajajoota loltootaa woliin akka mijuu kana dhugan isaan taasisan; sababaa kanaaf huleen kunniin gammoojjii laalchaaf nama sodaachisu, hulee itti nama arrabsanii fi ka itti abaaran ta'a.
19
Worri biraa ka mijuu kana dhuguun isaan barbaachisu garuu kanniin, mootiin biyya Misirii worra isa jala hojjatuu fi ajajoota loltootaa ufii woliin, baniin biyya Misiriitii fi worri biyya Misiriititti galanii jiraatan maruu, mootonni biyya Uutsii keessa jiraatan maruu, worri qachoota Filisxeemii, ka Asqaloona'aatii fi ka Gaaza'aa, worri Eqroonii, Ashdooda'aa fi worri bakka gara garaa jiraatan, baniin Eedoomii, baniin Moo'aabiitii fi baniin Amoonii maruu, mootonni biyya Xiroosiitii fi ka biyya Siidoona'aa maruu, mootonni biyya naannaya galaana Meditraaniya'aa jiran maruu, qachoonni Deedaanii, Teemaaniitii fi Buuzii maruu, Baniin kallacha ufii bita'aa fi mirgaan rifeensa haadatu maruu, mootonni biyya Arabaa maruu, mootonni worra biyya gammoojji'ii keessa jiraatanii maruu, mootonni Zimirii, Eelaamiitii fi Meedoonii maruu, mootonni biraa ka fago'ootii fi ka dhiyo'oo ka gara kaabaatiin jiran maruu kore kore'een. Baniin lafa irra jiraatan maruu mijuu kana dhugan; dhuma irratti mootiin biyya Baabilooniillee mijuu kana dhuguu isa barbaachisa.
27
Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Ani Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii sababaa ani lola isaanitti fiduuf haga dhuganii machaayanii haqqisanii fi haga kufanii lafaa ka'uu dadhabanitti akka dhugan akka isaan godhu bani'itti himi;
28
Yoo ka isaan mijuu si harkaa fuudhanii dhuguu didan ta'e, ‹akka isin mijuu kana dhuddan Rabbi Gooftaan banii maraa ajajeera› jedhii isaanitti himi.
29
Ani badii qachaa maqaan kiyya itti waamamu keessatti jalqaba; Eeganaa isaan waan badii jalaa miliqanii bayan isaanitti fakkaataa? ani banii lafa irra jiraatu maraa irratti lola kiyya waan fiduuf namni adabbii jalaa dheessee bayu hin jiru; waan kana ana Waaqa banii maraatitu dubbate.
30
«Ermiyaas! dubbii ani sitti hime kana maraa labsuu si barbaachisa; banii kanaan akkana jedhi; ‹Rabbi sami'ii laagaa guddaa dhageessisa; hulee ufii jiraatu woyyu'uu laagaa gigissa'aa dhageessisa; lafa irrattillee laagaa guddaa dhageessisa.
31
Laagaan Rabbii hennaa banii ufiitiin lolu, lafa maraa irratti murteessa; worra hammeeyyii du'aan adaba› naan jedhe; ka waan kana dubbate Rabbi.
32
Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha, «Banii maraa irrattuu badiin adadumaan dhufa; daangaa lafaa marattuu qilleensa bubbe'ee gudda'atu ka'a.
33
Guyyaa san reeffi namoota Rabbi du'aan adabuu daangaa lafaatii haga daangaa lafaatitti gad soobaman nama isaanii boowuu fi ka wolitti qabee isaan awwaalu hin argatan; kanaafuu akka fisha'aatitti haramanii raasa'atti gataman.
34
«Isin bulchoonni booyaa'a; isinillee worri banii eeddan laagaa ol qabadha'aatii ‹banne, banne!› jedhaa'a; daaraa irratti gangalata'aa gaddaa'a, hennaan isin maruu itti goorra'amtan gayeeraa, isin akkuma meeshaan faaraa ka gatii gudda'aa lafa bu'ee cabee bittinnaayuutitti bittinnooftan.
35
Bulchoonni hulee itti dheessan hin qaban; worri banii tissanillee dheessanii bayuu hin danda'an.
36
Worri tissu hin iyya waan Rabbi hulee horii itti bobbaafatan jalaa balleesseef; abboonni hori'ii mararamanii booyan.
37
Sababaa lola jabaa Rabbiitiin huleen nagayaa ka isaan keessa jiraatan isaan jalaa diiggameera.
38
Sababaa guraadee worra nama qabuutii fi lola Rabbii jaba'aatiif biyyattiin waan ona taateef akkuma leenci darmiin hulee jiraatu dhiisee baqatu isaanillee hin baqatan.»
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52