bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 2
Jeremiah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 3 →
1
Dubbiin Rabbii akkasuma ammallee ka akkana jedhutu gara kiyya dhufe;
2
«Dhaqii banii Yerusaalemiitiin ‹Isin armaan dura gammoojjii womaa keessatti hin margine keessatti na duukaa deema'aa turtan; hennaa san akkuma idaayyittiin idaayya'aaf jaalalaa fi amanamummaa mishaa mudhisan akkasuma isinillee natti mudhisa'aa akka turtan hin qaabadha.
3
Yaa Israa'el! Ati anaaf akka callaa jalqabaa ka filatamee turte; ati lafa naaf woyyoomte turte; kanaaf worra si miidhuu barbaadan maraa irratti rakkinnaa fi balaa fide› ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
4
Isin baniin gosa Israa'elii; worri ijoollee Yaaqoobii taatan maruu! dubbii Rabbi dubbate dhagayaa'a.
5
Rabbi akkana jedha, «Abboonni teessan ta durii balleessaa maal na irratti arganii na irraa fagaatan? isaan waaqolee tolfamaa duwwaa ta'an waaqeffatu'uun duwwaa uf godhan.
6
Ani isaan biyya Misiriitii baase; lafa gammoojji'ii keessa isaan masakke, karaa lafa onaa bu'i bayii gogaa dukkanaa, ka womaa keessa hin jiraannee fi hin deemne keessaa isaan baase; isaan garuu ‹Waandhi kana maraa nuu godhe meeti?› jedhanii hin gaafanne.
7
Ani lafa midhaan mishaa isaanii baaftu, ta isaan gammachiiftuu fi michu'utti isaan galche; isaan garuu lafa balleessanii biyya isaanii kennellee batteessan.
8
Gadoonni ‹Rabbi eessa jira?› jedhanii hin gaafanne, beettonni seeraallee ana hin beenne; worri banii bulchan natti ka'an; raattonnillee waaqa tolfamaa ba'aaliitiin raaga dubbatan; waaqolee tolfamaa duwwaa waaqeffatan›
9
«Kanaafuu ani Rabbi isin banii kiyya komii komadhe ijoollee teessanitti isin himadha.
10
Wonti akkanaa kun armaan dura sirima akka ta'ee hin beenne akka hubattan; mee gara Qophiroosii ta dhiya adu'uutiin jirtuu ta gara bisaaniin marfamtee dhaqaa'a; gara biyya Qeedaarii ta baya biiftu'uutiin jirtuullee dhaamsa erga'aatii qoradhaa'a.
11
Isaan waaqolee tolfamaallee yoo ta'an baniin waaqolee tolfamaa jijijjiiratu hin jiru; baniin kiyya garuu ana Waaqa ulfinna isaanitti uwwise ana Waaqa isaanii waaqolee tolfamaa womaa isaanii hin gooneen na jijjiiratan.»
12
Rabbi akkana jedha, «Samiiwwan! «Isin sababaa kanaaf nayaa'a; sodaa gudda'aan holladhaa'a.
13
Baniin kiyya cubbuu lama hojjateera; ana Waaqa burqaa jireennaa isaanii ta'e dhiisaniiran; boolla qaalawa qabdu ta bisaan qabuu hin dandeenne ufiif qotataniiran.
14
«Israa'el garbittii bitamtee miti; garbittii manatti dhalatteellee miti; eeganaa diintonni isi'ii wonti akka bineensaa isii dhadhoolaniif maali'i?
15
Diintonni isi'ii akka Leenca darmi'ii itti aadan; biyya isi'ii gara lafa gammoojji'iititti jijjiiraniiran; qachoonni isi'ii gubatanii ona namni keessa hin jiraanne ta'aniiran.
16
Namoonni Meemfoosiitii fi Xaafnaasii si salphisanii sitti baldan.
17
Israa'el! wonti kun maruu si irra gayeef woma ati ufii gooteen; ana Waaqa karaa kee marattuu si masakku Rabbiin waan dhiifteef.
18
Wonti ati gara biyya Misirii buutee bisaan laga Abbaayii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal argatu'uuf? gara biyya Asoorii buutee wonti bisaan laga Efraaxisii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal waan argattu sitti fakkaateeti?
19
Amma hammeenna keetiin adabamta; waan na ganteef sitti murteeffama; ati ana Rabbii Waaqa kee irraanfattee ulfinna naa kennitu dhiisuun kee yakki kee hagam akka ulfaatuu fi akka hadhaayaa ta'e hubatta; ka waan kana dubbate ana Waaqa Gooftaa banii maraati.»
20
Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yaa Israa'el! Hennaa dheera'aaf naa ajajamu'uu fi na tajaajiluu dhiifteerta; ati dhugamaan gaarran irraa fi gaaddisa mukkiinii jalatti waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatu'uun seebarteerta.
21
Ani fiixaa filatamaa irraa akka biqiltuu woyini'iititti si dhaabee ture; ati garuu jijjiiramtee akka biqiltuu woyini'ii ka lafa gammoojji'ii taatee badde.
22
Yoo hagamillee handoode'ee fi saamuna'aan dhiqatte yakki kee ifa ta'ee mudhata.
23
Eeganaa ‹ani sirimaa uf hin batteessu; waaqa tolfamaa ba'aaliitii sirimaa hin sagadu› jettee attamitti sobuu dandeetta? mee cubbuu dhooqa keessatti hojjachu'uun battoofte laali; ati akka gaala korma kajeeltee lafa gammoojji'ii keessa asii fi achi raatofta.
24
Harreen diidaa ta lafa gammoojji'ii keessa jiraattu yoo tola fuudhu'uuf taate maaltu isii qabuu danda'a? hulee harreen diidaa kormaan jiru ufumaa suuftee waan dhaxxuuf kormaan isii soqaa hin deemu.
25
Yaa Israa'el! waaqolee tolfamaa biraa woliin seebaru'uuf olii gad uduu deemtu kophee luka keetii hin fixatin; kokkeen tee dheebu'uun si hin gogin; ati garuu ani waaqolee tolfamaa waaqeffatuu waan barbaadee fi itti bulu'uufillee waan murteeffadheef uf duuba hin deebi'u!› jetteerta.
26
Rabbi akkana jedha, «Akkuma hattuun hennaa qaban saalfattu akkasuma hennaan baniin Israa'elii, mootonni isaanii, bulchoonni isaanii, gadoonni isaaniitii fi raattonni isaaniillee saalfatan hin dhufa.
27
Worri mukaan ‹ati abbaa keenna›; dhaga'aan garuu ‹ati haadha teenna ta nu deette› jettan maruu hin salphattan; wonti kun isin irra gayuuf gara kiyya deebi'uu caalaa waan na irraa fagaattaniif; hennaa rakko'oo garuu akka ani isin oolchuuf na waamattan.
28
Waaqoleen tolfamaan isin harka keessaniin hojjattan eessa jiran? yoo ka danda'anii hennaa rakkattan mee isaan isin haa oolchanii; Yaa Yihuudaa'a! akkuma qachoonni tee baay'atan waaqoleen tolfamaan keellee baay'ataniiran.»
29
Rabbi akkana jedha, «Isin maruu na diddaniirtan; eeganaa wonti naan mormitaniif maali'i?
30
Isin sirimaa worra hin qajeelle waan taataniif adabbiin ani isin adabu duwwama; isin akka leenca aaree loluu taatanii raattota teessan guraade'een ajjeeftan.
31
Isin worri bara kana jirtan baniin Israa'elii waan ani isinitti himu dhagayaa'a; akka lafa gammoojji'ii yookaan akka lafa dukkanooftee isinitti ta'ee? eeganaa isin ‹nu waan barbaanne goona malee sirimaa gara kee hin deebinu› wonti jettaniif maali'i?
32
Durbi faaya ittiin qandhaftuun hin irraanfattii? idaayyittiin uffata idaayya'aa hin irraafattii? baniin kiyya garuu baroota baay'ee laakkayamuu hin dandeenneef na irraanfataniiran.
33
Ati jaalalloota tee faana deemu'uuf hagam qaroomte? deemsi jireenna keetii deemsa jireenna dubartoota haala badanii fakkaata.
34
Uffanni kee dhiiga worra balleessaa hin qabneetii fi ka hiyyeeyyi'iitiin badeera; ati garuu waan kana maraa gootee ‹ani qulqullu'u, dhugamaan Rabbi naan hin lolu› jetta;
35
sababaa ‹ani cubbuu hin hojjanne› jettee waakkatteef ani Rabbi sitti murteessa.
36
Ati gara waaqolee ormaa deebitee uf salphifteerta; akkuma armaan dura sababaa biyya Asooriitiif salphatte ammallee sababaa biyya Misiriitiif salphatta.
37
Ati salphattee harka kee mataa kee irra kaayattee hulee sanii deemta; ani Rabbi waan ati hedattu maraa waan balleesseef wonti ati isaan irraa argattu tokkollee hin jiru.»
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52