bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 39
Jeremiah 39
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 40 →
1
Mootichi Sedeqiyaas Yihuudaa irratti mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo keessa mootiin Baabiloonii loltoota ufii maraa woliin dhaqee Yerusaalemiin marse.
2
Sedeqiyaas mooyee woggaa kudha tokkeesso'oo ji'a arfeesso'oo guyyaa sagaleesso'ootitti dalloofni qachatti'ii diiggame.
3
Hennaa qachattiin Yerusaalemii qabamte worri baallii qaban ka mootii Baabiloonii dhaqanii karaa dallawa karra wodhakka'aatiin hulee gara garaa qabatan; Nergaal-Shaareer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim, namni biraa ka Nergalishaaretser jedhamuu fi akkasuma namoonni biraallee isaan keessatti argaman.
4
Mootichi Sedeqiyaasii fi loltoonni isaa maruu haga waan ta'e maraa argan halkaniin bayanii qachattii keessaa dheessanii bawu'uuf badadanii karaa kolba hulee biqiltuu itti dhaaban ka mana mootumma'aa biraan karaa gara karra dalloofni lamaan wolitti dhufuutiin kutanii gara fuullee dhooqa Yoordaanosiitiin dheessanii bayan.
5
Garuu loltoonni Baabiloonii duubaan isaan ari'a'aa raasaa Iyyaarikoo ladda jiru biratti dhaqqabanii Sedeqiyaasiin booji'anii mooticha Nabukadanatsooriin bira fidan; hennaa san mootichi Nabukadanatsoor qachattii Ribilaa jedhamtee waamamtu ta bulchiinsa Haamaatii jala jirtu keessa ture; mootichi Nabukadanatsoor achumatti mootii Sedeqiyaasitti murteesse.
6
Murtiin kunillee Ribilaa keessatti uduu ijji mootii Sedeqiyaasii argu ijoollee isaa akka ajjeesan taasise; worra baallii qaban ka Yihuuda'aa maraa murtii du'aa isaanitti murteessan.
7
Waan kanniin maraan maayessa Sedeqiyaasiin ija keessaa baasee gara Baabiloonii fidu'uuf haada sibiilaa ka sibiila diima'aatiin hidhe.
8
Worri Baabiloonii dallawa Yerusaalemii maraa diiganii mana mootumma'aatii fi manniin jireennaa ka bani'ii maraa ibiddaan guban.
9
Dhuma irratti Nabuzaardaan hojjataan kabajjamaan worra balbala eegu ajaju ka mootii jala hojjatu banii qachattii keessatti hafanii fi worra firrisanii gananii itti dheessan maraa wolitti qabee haa hidhamani'iif gara Baabiloonii isaan fide.
10
Worra hiyyeeyyii qabeenna woyiituu hin qabne biyya Yihuuda'aa keessatti dhiisee hulee woyinii itti dhaabatanii fi lafa qotatan isaanii kenne.
11
Nabukadanatsoor Nabuzaardaanii kabajjamaa worra balbala eegan ajajuun,
12
«Ka'ii deemii Ermiyaasiin soqii waan inni barbaadu maraa godhiif malee womaanuu isa hin miidhin» jedhee isa ajaje.
13
Kanaafuu Nergaal-Shaarezer Nabushaazibaa, Nergaalishaaretsi jedhamanii namoota baallii qaban ka Baabiloonii kaawwan woliin,
14
Kutaa worra balbala eeganii ka dallawa mana mootumma'aa keessaa hulee ani itti hidhamee akka bayu na taasise; Gadaaliyaa ilma Ahiqaa ilma ilma Saafaaniitiin gara mana kiyyaa na geessan; anillee banii kiyya woliin achi jiraadhe.
15
Uduu ani baya mana mootumma'aa keessatti hidhameeru dubbiin Rabbii gara kiyya dhufe;
16
Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii Abemelekii nama Itoophiya'aa «Akkuma armaan dura dubbadhe qachattii tanatti durummaa uduu hin taane badii fida; ati qachattii tana keessa teettee waan ta'u maraa ija keetiin argita.
17
Garuu ani Rabbi guyyaa san si oolcha diintota ati sodaattutti dabarsanii si hin kennan;
18
ani waan nagayaan si eeguuf hin duutu; ati waan na hedatteef lubbu'uun jiraatta; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee akka himu na ajaje.
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52