bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Jeremiah 32
Jeremiah 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 33 →
1
Mootiin Yihuuda'aa Sedeqiyaas mooyee woggaa kudhaneesso'oo, mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor mooyee woggaa kudha saddeetesso'ootitti Rabbi ana Ermiyaasitti dubbate.
2
Hennaan sun hennaa mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoor loltoota ufiitiin Yerusaalemiin irratti balaa geessu'uuf marse; hennaa san ana mana mootumma'aa keessatti bulee kutaa worra balbala eeganii keessatti balballi natti cufamee ture.
3
Wonti mootichi Sedeqiyaas hidhee achi keessa na kaayee fi wonti inni na himateef waan ani dubbii raagaa ka Rabbi natti dubbate isaanitti himeef; dubbiin sun mootiin Baabiloonii qachattii tana akka qabatu taasisu'uuf ta'a.
4
Mootichi Sedeqiyaas karaa dheessee jalaa bayuun waan hin qabneef dabarfamee mootii Baabilooniititti kennama; inni mootii bira dhaqee isa woliin dubbata.
5
Sedeqiyaasiin gara Baabiloonii geessanii haga ani isa ajjeesuuf inni achuma jiraata; yoma worra Baabiloonii woliin wol lolu'uuf ka'ellee hin milkaawu; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
6
Rabbi ammallee akkana naan jedhe,
7
«Anaami'eel ilmi Shaaluumii abbeeraan kee obboleessi abbeetii lafa kutaa Biiniyaamii ka Anaatootiin keessatti argamu akka isa irraa bittu si gaafatu'uuf gara kee dhufa; ati fira isaa ka dhiyo'oo waan taateef lafa san bituu si barbaachisa»
8
Anaami'eel akkuma Rabbi dubbatetti gara kutaa worra eeguu hulee ani itti hidhamee dhufee «Ati lafa bitu'uuf seerri waan sii kennuuf biti» naan jedhe; sababaa kanaaf akka Rabbi natti dubbate beeke.
9
Ani lafa Anaami'eeliin irraa bitu'uuf gatii dhayeef gatiin lafa sanii birrii kiiloo lamaa kaase.
10
Wolii galtee lafa bitta'aa hulee ragoonni jiranitti mallatteessee cufee qarshii madaala irra kaayee madaalee kenneef.
11
Garagalcha wolii galte'ee lama ka chaappeeffamee fi ka hin chaappeeffamne ka waa maraa uf keessaa qabu fudhee,
12
Baarookii ilma Neeriyaa ilma ilma Maahiseeya'aatii kenne; garagalcha sanniin Hanaami'eel, ragoota wolii galtee irratti mallatteessanii fi namoota hulee san jiran afo'otti itti kenne.
13
Ani isaan maraa afo'otti Baarookiin akkana jedhe,
14
«Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii ‹Ati woraqata wolii galte'ee lamaan ka cufamee fi ka hin cufamne fuudhii meeshaa faaraa keessa kaayii woggaa hedduu akka turu godhi;
15
Deebi'ee hennaa biraa biyya tanatti manniin, lafa qonnaatii fi hulee biqiltuu woyini'ii itti dhaabaniin bitan dhufuu danda'a jedheera.»
16
Ani haga wolii galtee gurgurtaa lafaa Baarookii ilma Neeriya'aatitti kenneen maayessa akkana jedhee Rabbiin kadhadhe,
17
«Rabbi Gooftaa kiyya! ati baallii kee gudda'aa fi hunna keetiin ardi'ii fi samii uumteerta; sirima wonti ati dadhabdu hin jiru;
18
Banii kuma hedduutitti jaalala kee ka bara baraa mudhifteerta; garuu ati sababaa abboonni isaanii cubbuu hojjataniif ijoollee isaanii adabda; ati Waaqa gudda'aa fi Waaqa jaba'a; ati ka waa maraa dandeettu; maqaan kee Gooftaa banii maraati;
19
Kaayoon kee gudda'a; hujiin kee jaba'a; waan baniin godhu maraa hin argita; nama maraafuu akka jireennaa fi hujii isaatiin gatii kennita.
20
Ati bara durii biyya Misirii keessatti maalale'ee fi waan baasaa gooteerta; ati haga ammaa hujii baasaa kee sanniin banii Israa'eliitii fi namoota biraa jiddu'utti godhuu hin dhiifne; sababaa kanaaf maqaan kee hulee marattuu guddisee dhagayameera.
21
Ati jabeennaa fi guddinna keetiin akkasuma gaachena kee ka nama sodaachisuun banii kee biyya Misiriitii baafte.
22
Akkaataa abdii abboota isaanii ta duriitii kenniteen lafa qananiituu laliftuu waa maraa qabdu isaan dhaalchifte.
23
Isaan garuu haga gara lafa tanaa dhufanii dhaalaniin maayessa dubbii keetii ajajamu'uu fi seera ati isaan barsiifteen jabaatanii jiraachuu didan; waan ati isaan ajajje maraa hin raawwanne; sababaa kanaaf ati badii kana maraa isaanitti fidde.
24
Kunoo worri Baabiloonii qachattii qabatu'uuf biyyee tuulanii naannaya isi'ii marsa'aaran; lolli, beellinii fi balaan akka qachattiin isaan jala taatu godha; wonti ati isaanitti dubbatte maruu akka isaan irra gawu hin argita.
25
Rabbi Gooftaa kiyya! hennaa qachattii san worri Baabiloonii fudhatu'uuf ta'an ati lafa san worra ragaa ta'an afo'otti ka akka lafa san bitu na ajaje si'i.»
26
Rabbi akkana naan jedhe,
27
«Waandhi fiixaa nama maraa ana Rabbi; sirima wonti ani dadhabu jiraa?
28
Ani qachattii tana worra Baabilooniitii fi mootii isaanii Nabukadanatsooritti dabarsee kenna; inni isii qabata.
29
Worri Baabiloonii ta qachattii tana marse dhufanii guban; akkasuma manniin na aarsu'uuf hixaana waaqa tolfamaa ba'aaliif ginnoo gubba'atti aarsanii fi waaqolee tolfamaa biraatiifillee ciincaa waan dhuganii itti dhiyeessanillee hin guban.
30
Worri Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa hennaa ijaaramanii jalqabee waan hamaa hojjachuu malee wonti mishaan isaan hujan tokkollee hin jiru; keessattuu baniin Israa'elii waaqa tolfamaa harka ufiitiin hojjataniin na aarsuu malee wonti isaan na gammachiisaniin hin jiru.
31
Hennaa qachattiin tun ijaaramte irraa jalqabee baniin isii keessa jiraatu guddisanii waan na aarsaniif ani qachattii balleessu'uuf murteesseera.
32
Worri Israa'eliitii fi baniin Yihuuda'aa, mootonni isaanii, bulchoonni isaanii, gadoonni isaaniitii fi raattonni hujii hamaa hojjatan maraan akka ani aaru na taasisaniiran.
33
Isaan na dhiisanii deemaniiran; ani hennaa maraa deddeebi'ee isaan barsiisullee gorsa kiyya hin dhageenne.
34
San irra hulee woyyuu maqaan kiyya haa itti waamamu'uuf ijaarametti waaqolee tolfamaa jibbamaa dhaabanii batteessaniiran.
35
Ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa Mooleek jedhamuu ciincaa dhiyeessu'uuf dhooqa Heenoomii keessatti hulee ciinca'aa waaqa tolfamaa ba'aaliif hojjataniiran; ani akka isaan waan kana hujan isaan hin ajanye, banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu masakkan jedhee hin eenne ture.»
36
Rabbi Waandhi Israa'elii akkana naan jedhe, «Ermiyaas! baniin qachattii tana lolli, beellinii fi balaan akka isin mootii Baabiloonii jala taatu godhu'uuf ta'a jedhan waan ani jedhu ka biraallee dhagayi.
37
Banii ani lola kiyya guddaa ka akka ibiddaa bobawuun isaan bittinneesse biyya isaan itti bittinneesse maraa keessaa deebisee hulee kanatti wolitti isaan qabee akka nagayaan jiraatan isaan taasisa.
38
Isaan banii kiyya ta'an, anillee Waaqa isaanii ta'a.
39
Akka isaan kaayoo tokko qabaatan godha; wonti kana godhuuf akka isaanii fi ijoollee isaanii maraa wonti mishaan ta'u, akka hennaa maraa na kabajjaniif.
40
Ani isaan woliin waadaa baraa haga bara baraa gala; ani waan mishaa isaanii godhuu hin dhiisu; akka isaan dhugamaan na sodaatan godha; achiin maayessa isaan na irraa fuula ufii gara biraa hin deebifatan.
41
Anillee yoo waan mishaa isaanii godhu hin gammada; ani fedha kiyyaan dhugamaan lafa tana irratti isaan ijaara.
42
«Ani akkuma banii kana maraa irratti badii kana maraa fide akkasuma waadaa waan mishaa isaanii gale isaanii kenna.
43
Lafa isin ‹lafattiin waan worra Baabilooniitii kennamteef ona namninii fi busaawaan keessa hin jiraanne taati› jettan tana keessatti lafa qonnaa bitu'uu fi gurguruun deebi'ee jalqabama.
44
Baniin lafa bitata, wolii galteen ragoonni itti mallatteessanii chaappeeffama; wonti kun maruu gandoota naannaya Yerusaalemii kutaa Biiniyaamii qachoota baadiyya'aa ka Yihuudaa keessaa qachoota biyya gaaraa tulloota jalaa fi Yihuudota gara kibbaatiin jiran maraa keessatti raawwatama; ani baniin maruu gara biyya ufii deebi'anii akka qabeenna ufii fudhatan taasisa.»
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 51
Chapter 52
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
51
52